Notice: Function _load_textdomain_just_in_time was called incorrectly. Translation loading for the wp-product-review domain was triggered too early. This is usually an indicator for some code in the plugin or theme running too early. Translations should be loaded at the init action or later. Please see Debugging in WordPress for more information. (This message was added in version 6.7.0.) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/functions.php on line 6121 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/functions.php:6121) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/onecom-vcache/vcaching.php on line 621 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/functions.php:6121) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/onecom-vcache/vcaching.php on line 629 IBSA GADDAA: GUMII WAAQEFFANNAA ADDUNYAA – WAAQEFFANNAA

IBSA GADDAA: GUMII WAAQEFFANNAA ADDUNYAA

(GWA, Norawy, 12.02.2019) Waayyun Gumii Waaqeffannaa Addunyaa (GWA) obbo Hundasaa Waqwayyaa ji’oota muraasaf eega dhukkubsatanii booda gaafa 09.02.2019 boqachuu isaniitiin miseensota Gumii Waaqeffannaatti gadda daangaa hinqabnetu dhagahame.

Obbo Hundasaan Oromoodhaf aadaa isaa deebisuurratti akkasumas Waaqeffannaa deebisanii ijaaruu keessatti nama gumaata guddaa kennani.

Bara 1991 yeroo gabaabduf hiree argamte san keessatti qubee afaan Oromoo warra jalqaba baratee ummata dafee barsiisuu akkasumas kitaaba ittiin baratan qopheesse keessa nama tokko. Yeroo namni hedduun qubee barreessuu hinbaratin sanitti Afaan Oromoo afaan hojii yeroo ta’utti dokumentii hedduu gara Afaan Oromoo deebisuudhan gahee guddaa kenne.

Obbo Hundasaan biyya keessa yeroo turetti bara 1998 irraa Oromoonni Finfinnee irreecha Bishooftuu gurmaa’anii akka hirmaatanii warra qindeessaa ture. Dabalataanis hiriyoota isaa waliin ta’uudhan Amantii Oromoo ganamaa kan dhoowwame Waldaa Maccaaf Tuulama jalatti gurmeessudhaan Oromoon akka waan ofiititti boonu nama taasise.

Baqannaadhan gara biyya Keenyaa yeroo deemee turettis namoota rakkatan haala isaaf mijateen gargaarurra darbee ummata walitti fiduudhan gurmeessaa ture.

Gara biyya Norway yeroo dhuferraa jalqabee Hawaasa Oromoo magaala jiruttis ta’ee guutuu Norway akkasumasa Awuroppaa ijaaruu keessatti nama obsaan hedduu ifaajaa ture. Baqattoota biyyoota gara garaa keessatti rakkatanifis gargaarsa gochuun nama abdii uummataa ture. Obbo Hundasaan nama obsa qabu, kan yeroo hundaa tokkummaa Oromoo hawwuuf akka Oromoon eenyummaa ofii jabeessu ifaaju.

Ifaajee addaan hincinne gochuudhan bara 2008 keessa hiriyoota isaa waliin biyyoota gara garaa irraa karaa internetii marii taasisaa turaniin Gumii Waaqeffannaa Addunyaa nama hundeessu keessatti gumaata guddaa godhe. Yeroo sanirraa kaasee hamma gaafa boqatutti Waayyuu (hoggana) GWA ta’uudhanis tajaajila guddaa kennaa ture.

Bara 1990ta keessa Barruulee Madda walaabuu hiriyoota isaa waliin maxxansaa kan ture yoo ta’u kitaabee qubee irraa baratanis baruma san maxxanse. Saniin booda barruulee Afaan Oromoo hedduu kan maxxansiise yoo ta’u kitaabota baay’ee gulaalaa ture. Dhimma aada fi Waaqeffannaa Oromoo irratti kitaaba lama hiriyoota isaa waliin ta’uudhan kan maxxanse yoo ta’u barruulee hedduu maxxansuu keessatti gahee guddaa qaba. Marsaarettii Waaqeffannaa irrattis nama qindeessee gumaata guddaa godhe.

Walumaagalatti GWA Obbo Hundasaa Waqwayyaa dhabuun hedduu kan miidhe yoo ta’u maatii GWA gadda guddaatu itti dhagahame. Hawaasni Oromoo hayyuu cimaa, gorsaa beekaa, abdii oromoo hundaa ta’e tokko dhabe.

GWA hawaasa naannootifi maatii waliin ta’uudhan awwalchaf bakka dhaloota isaanii Miida Qanyitti erguudhaf qophiirra kan jiru yoo ta’u Hawaasni fi waaqeffattooni biyya keessa bahuudhan sirni awwaalchaa akka duudhaa Oromootin kan gaggeeffamu ta’a. Guyyaa isaasa akkuma murtaayen beeksifama.
Maatii fi hiriyoota hundaaf obsa fi jajjabina hawwina.

Obbo Hundasaa, Waaqayyi ekeraa kee bakka qabbanaa haa kaahu, Ekeraa kee jala bookni haa guutu, biyyeen sitti haa salpahttu!

Koree Gumii Waaqeffannaa Addunyaa

Be the first to comment on "IBSA GADDAA: GUMII WAAQEFFANNAA ADDUNYAA"

Leave a comment

Your email address will not be published.


*