Ateetee: Ayyaana Dubartii

By Beekan Gulummaa Irranaa Mardaasaa*

Ateeteen uummata Oromoo gidduutti baay’ee kan beekamu ta’ee, akkuma Ogafaanota kaanii dhalootaa gara dhalootatti kan darbudha. Akka kitaaba Daaniyaa (2006:92) keessatti ibsametti Ateeteen Diriiroo waaqeffannaa keessaa isa tokko. Ateeteen ayyaana dubartii ta’uu hawaasni beeka.

Ateetee

Ateetee

Ateeteen kan eebbistee naqxu haadha warraa taati. Ayyaanni dubartii kunis kan qe’eefi warra eegdee tolchitudha. Isuma kana Xilahun Gamta (1989) yoo ibsu “Atete is adiety of divinity which women worship in the belief that it makes them fecund, happy, prosperous, wealthy and healthy” jechuun ibsa. Baxter Ammoo (1975) “Atete as ‘afemale sprit’ a supernatural power’ and even a female divinity who is the focus of a family cult associated with fecundity” jedhee ibseera.

Ateeteen sirna dubartoonni Oromoo waaqa ittiin kadhatan akkasumas hawwiif abdii jiruuf jireenya isaanii keessatti qaban ittiin ibsan ta’uu hubachuun nidanda’ama. Kana malees sirni ayyaanni dubartoonni ittiin kabajamaniifi ulfina ittiin argatan ta’uusaa maanguddoonni tokko tokko dubbatu.

Makonnin Laggasee (1982) qorannoo geggeesse keessatti akaakuu Ateetee eere keessatti maqaan isaanii hunduu jecha afaan Oromoo ta’uusaa kaaseera. Haaluma kanaan Ateeteen ayyaana dubartii (haadhaa) yoo bakka buutu karaa biraatiin qaalluun ayyaana abbaa yoo ta’u umuriifi saalaan kan hindaangeffamnedha. Ateeteen garuu umuriif saalaan kan daangoftedha.

Sirna Ateetee dubartii qofaatu bulfata. Kanarraa ka’uun bakka tokko tokkotti ayyaana dubartii jedhamuun beekama. Dhiirri sirna kabaja Ateetee kanarratti hinhirmaatiin malee waan Ateeteef barbaachisu gama isaatiin guutuun gumaacha isarraa barbaachisu hunda taasisa. Durboonnis ateetee kana akka hinbulfanne dubbatama. Hata’u malee isheenis gama isheetiin meeshaalee barbaachisan haadhaaf nidhiyeessiti.

Sirna facaafannaa Ateeteerratti dubartoonni walwaamanii waliin facaafatu. Sirna kanarratti hoolaan niqalama. Beerran siiqqee qabatanii garee uumuun sirba keessa dubbiin walxuqaa sirbu. Sirna facaafannaa kana keessattis faarfannaan Ateetee garaagaraa niweeddifama.

Ateetee

Ateetee

Haala yeroo facaafannaa Ateeteerratti yaadota garaagaraatu jiru. Kanneen keessaa kitaaba Daaniyaa keessaa (2006:237) irratti Ateeteen ayyaana dubartii ta’uu eeruun waggaa lamatti altokko birraa yookaan arfaasaa keessa akka ayyaaneffatamu ibsameera. Karaa biraatiin ammoo Jeylan 2004: 11) waa’ee facaafannaa Ateetee akkaataa itti aanu kanatti lafa kaaha; As I well know it’s [Atete’s] practice in southern Oromia now, the timing of the festival is not fixed as such. Whenever natural disasters fall, women gather and perform the ritual. Without any fixed timing the Oromo womenused to practice Atete as of stringing theier solidarity and as atool to counter atrocities stage against them by men.

Iddoo tokko tokkootti kan akka fakkeenyaaf shawaa bahaafi lixaatti ammoo Ateeteen kan facaafatamu ji’a waxabajjii, qaammeefi masqalaatti. Yeroo Ateeteen itti facaafatan sadii haata’an malee, dubartiin tokko sirna Ateetee kan kabajju yookaan kan facaafattu waggaatti si’a tokko qofaadha.

*Beekan Gulummaa Irranaa Mardaasaa can be reached Email: beekanguluma@gmail.com