Sirna Gumaa Baasuu

(Waaqeffannaa, Finfinnee, 2017) Kun sirna gumaa baasuu Oromoo Oromiyaa giddu galaa, Aanaa Ilfataa, keessatti raawwatamee dha. Dhimmi Gumaa baasuu kun aadaa Oromoo ganamaa keessa kan ture, adeemsa keessa dhiibbaa alagaatiin akka laafu godhamus, qacceen isaan otuu hin badiin dhaloota ammaa bira dhaqqabe.

Gumaa BaasuuAkka seenaa Oromoo irraa hubatamutti, Gumaan adeemsa jiruu fi jireenya hawaasummaa Oromoo keessatti  hundee araaraa fi nagaa ta’ee hojjataa dhufe. Sababoota addaddaan namoota gidduutti waldhabiinsa uumamuun namoota wal-ajjeesan ykn walmiidhan gidduutti araara  buusuuf sirni Gumaa Baasuu kun gahee guddaa baasaa jira.

Adeemsa isaa milkeessufis, maanguddoonni namoota walmiidhan gidduu galanii  jaarsummaa araaraa taa’uun dubbachaaf hiikkoo kennan. Egaa, namichi lubbuu namaa balleesse ykn miidhaa qaamaa qaqqabsiise warra ajjeese ykn miidhe sanaaf beenyaa akka kaffalu kan itti muramu sanatu Gumaa jedhama; sirni isaa immoo Sirna Gumaa Baasuu ti.

Gumaan kan kaffalamu yeroo lubbuun namaa bade fi miidhaan qaamaa yoo namarratti qaqqabe qofaa osoo hin taane horiin nama harkatti yoo du’ellee akkaataa sadarkaasaatiin itti murtaa’ee namni ajjeese sun kan kaffalu ta’a.

Walitti bu’iinsa uumame kanaan lubbuu  bade fi miidhaa qaamaa raawwateef Jaarsi gidduu galee jaarsummaa dubbachuun kan miidhameef namicha miidhaa irraan gahetti Gumaa muruun araara buusuu adeemsaaleen deemamuu qabantu jira.

Gumaa kaffaluuf maanguddoonni seera gumaa beekanii fi Abbootiin Gadaa taa’anii haala ajjeejchaan itti raawwachuu danda’ee fi sababasaa addaan erga  baafatanii booda ulaagaa gumaa olaanaa , giddu galeessaa fi gadi aanaa keessaa isa kam keessatti akka ramadamu ilaalameet gumaan murama.

Miidhaa qaamaa yoo ta’es akkasuma.

Aanaa Ilfataatti guyyaa walitti bu’iinsi uumamuun duuti galee sanaa kaasee haaloo baafachuuf gosni bahee ammas dabalee lubbuu akka wal-hin baafne ykn miidhaa walirraan hin geenyeef jecha gosni warra nama ajjeesee guyyaa shaniif  balbalasaanii cufatanii gosa isaanii gara  biraa jiranitti fagaatanii baqatu.

Namichi nama ajjeese sun immoo mana sirreessaa akka galu taasifama.

Mana sirreessaa kan hin galle yoo ta’e ammoo lammii fagoo jiruttii fifiroottan gara biroo jiraatanitti baqatee dhokata.

Karrisaaniis qoraattiin cufama.Guyyaa lubbuun namaa badee guyyaa sagaliin booda warri lubbuun namaa harkatti bade lammii fi maanguddoota naannoo waammatanii halkan sagaliif warra du’eef sagadu ykn kadhatu.

Sagadni erga raawwateen booda gumaa akka bitaniif gosni warra ajjeesee Abbaa bokkuu fi kallacha, ayyaantuu, bokkuu fi caaccuu baasanii akkasumas farda luugamaan baasu, maanguddoota ammoo gosoota Oromoo aanaa kana  jiraatan Shanan Galaan, Torban Kuttaahee kan jedhaman Macca, Burraa, Maliyyuu, Ituu fi Hidhabuu kan waammatan yemmuu ta’u, lamaan Buluudoorraas Daadaa fi Abeebe keessaa jaarsoliin waammatan wal-gahuudhaan hooda baasanii qi’ee warra du’e fuuldura dhaqanii dhaabbatu.

Haala kanaan hanga gaafa warri du’e hoodni keessan haadahu jedhaniitti bahanii ni dhaabbatu.

Gaafa hoodni keessan haadahu jedhaniin raada arrab-saaqii  jedhamtu kan ilkaan cabsite warra du’eef kennanii gara gumaa dubbachuutti seenama.

Hooda bahe diduun hin danda’amu. Hooda bahe yeroo tokko tokko warri du’e aariirraa kan ka’e ni didu. Haata’u malee akka aadaa ummata Oromootti hoodni bahe safuudha, waan guddaadhas.

Hayyooti Oromoo seeraan hoodni safuu fi sodaatamaa akka ta’u tuman. Kanaaf Oromoon hooda isatti bahe ni deessisa malee diduu hin danda’u. yoo dide immoo abaarsa qaba.

Namni hooda isatti bahe dide karri isaa, namnisaa, nagaa hin argatu, qotee callaa hin argatu sanyiin hin marguuf. Yeroo as-dhiyoo garuu gatiin horii olka’uun daangaa kaawwameen ol waan ta’eef raadni arrab-saaqii kun gara qarshiitti jijjiiramtee qarshii 1000 akka kafalan taasifamaa jira.

Qarshiin kunis qacamaa gosaa kan jedhamu yoo ta’u, warri firri  jalaa du’e warra isaan ajjeese kana haaloo ba’uuf eeggatanii miidhaa irraan akka hin geenyee fi isaanis dabalanii lubbuu akka hin baafnee gosoota warra du’ee hundaaf kan qoodamudha.

Warri du’e ergaa qacamaa gosaa fudhatanii booda jaarsoleen gosa lachuu gidduu seenanii sababa gadda itti gale kanaan warri firri jalaa du’e baasii baasanii fi dabdee gidduu jarreen lamaanii jiru qoratanii baasuun baasii bahe warri ajjeese akka deebisu taasisuun walii galchanii gara bokkuu migira bakkeetti lukaa fi lukee gama lachuunuu akka walii kennan ergu.

Olitti akkuma ibsine Gumaa lubbuu murteessuun kanfalchiisuu keessatti jaarsoleen biyyaa qooda haa qabaataniyyuu malee, abbootiin Gadaa qooda olaanaa fi aangoo guddaa qabu.

Murtiin gumaa abbootii Gadaa fi abbaa bokkuutiin murtaa’a waan ta’eef namoonni kun gumaa walbituuf yoo gara kana dhufan karaa  jaarsolii biyyaa fi lammiisaaniitiin walii galtee isaanii fudhatanii dhufuAbbaan Bokkuus walii galtee isaanii ilaalee gumaaf dhuftanii? baasii keessan, qacamaa keessanii fi dabdee keessan fudhattaniittuu jedhee warra miidhaan irra gahe gaafatu.

Eeyyee yoo jedhani gara sirna hanxaxii cabsaatti isaan ergu.yoo hin fudhanne ta’e immoo dura baasii isaanii, qacamaa isaanii fi dabdee isaanii fuudhanii fi guyyaa hanxaxii cabsaatti beellam qabuuf.

Guyyaa hanxaxii cabsaa kana gosti nama lubbuun darbee fi warra ajjeesee lukaa fi lukee isaanii qabatanii kan ajjeese gumaan baasa, bakka isaan hin gahiin jedhan hin gahu gumaa kee nan baasa hin hanbisu jedhee kan itti kakatuu fi warri du’anis har’aa kaafnee gumaa keenya fudhanna malee haaloon hin eeggannu, bakka nuti si dhoowwine hin geessu malee haaloon si hin eeggannu jedhanii guyyaa itti kakuun raawwatamee nageenyii fi tasgabbiin gosa lamaan gidduutti bu’udha.

Guyyaan kun sirna gumaa baasuu keessatti guyyaa murteessaadha.Guyyaa hanxaxii cabsaa kana lukaa fi lukeen gosa lachanuu hanxaxii gogaa 16 harkatti qabatanii kakuu akka armaan gadiitti raawwatu.

Kun gumaadha, yoon gumaakee balleesse, gumaanii fi balaan (hamaan) natti haa galu; kuni ija ijaan gumaan natti haa galu; inni kuni harkaa harkaan gumaan natti haa galu.

Kuni gurraa gurraan natti haa galu; kuni arrabaa arrabaan natti haagalu; hiddii qooqxe, odaa tortorte naa haa godhu; dhama’een, calcalliin, sochootuun, abba torbii daaraa midirii naa haa balleessu.

Afuurri waaq Arfaasaa fi Birraan gufuun sagal, abarreen 44 dachaadhaan na haadhahu. Saree gurraattii, afuura arfaasaa,saree kottollaa naa haa godhu; ani gumaa kee nan baasa. Anis gumaa koo nan fudhadhaa jechuudhaan guyyaa hanxaxii cabsaa kana gosni lachanuu kakatanii gara sirna gumaa baasuutti seenama.

Haala kanaan akkaataa ajjeechaan itti raawwate, otoo itti hin yaadiin moo itti yaadeeti ajjeese kan jedhu dursanii abbootiin gadaa adda baasii waan jiraniif, guyyaa kana namichi ajjeesetti gumaa inni kaffaluu qabu itti murtaa’a.

Gumaa itti murtaa’e kanas kaffalee of rraa akka xumuru yeroo qabameef keessatti lammiisaarraa hirphatee kaffala.

Qabeenya amma fedheyyuu yoo qabaate manaa kaffaluu hin danda’u hooda. Guyyaadhuma kana yeroo kam keessatti akka kanfalatee xumuratuu fi guyyaa sirni harka dhiqaa raawwatamus ni murtaa’a. haala kanaan gara gumaa baasisuutti seenama.

Maddi- Waajjira Koomunikeeshinii aanaa Ilfataa