Notice: Function _load_textdomain_just_in_time was called incorrectly. Translation loading for the wp-product-review domain was triggered too early. This is usually an indicator for some code in the plugin or theme running too early. Translations should be loaded at the init action or later. Please see Debugging in WordPress for more information. (This message was added in version 6.7.0.) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/functions.php on line 6121 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/functions.php:6121) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/onecom-vcache/vcaching.php on line 630 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/functions.php:6121) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/onecom-vcache/vcaching.php on line 638 Gadda Gumiin Waaqeffannaa Addunyaa – WAAQEFFANNAA

Gadda Gumiin Waaqeffannaa Addunyaa

Gumiin Waaqeffannaa Addunyaa ogeessa Oromoo hojii toleeyyummaan tajaajila maraalessa kennaa ture, Girmaa Gamadaa, du’aan ofbiraa dhabuutti hedduu gaddeera.

Girmaan dhukkubsatee erga wal’aanamaa ture booda Adoolessa 4,2024 addunyaa kanarraa boqote.

Girmaan yeroo bara jireenya isaa keessatti harka caalu hojii toleeyyummaan hawaasa Oromoo gargaaraa ture. Beekumsaa fi dandeettii qabun hojiin Waaqeffannaa akka beekamuu fi hubannoo argatu dhaadhessaa ture.

Gumiin Waaqeffannaa Addunyaa ogeessa kaameeraa fi giraafiksii kan ture, Girmaa Gamadaa kan yaadatu ogeessa gara laafessa, arjaa fi toleessa waan qabuun dirmataa ture ta’uun.

Waaqayyo guddaan lubbuu ogeessa toleeyyummaan hojii Waaqeffannaa beeksisaa fi babal’isaa ture kana golee nagaa fi marabbaa keessa akka kaayu kadhanna. Maatii fi firoottan isaaf immoo marabbaan haa ta’uuf. Hawaasti Waaqeffannaa inni toleeyyummaan tajaajila tures hamilee jabaa akka horatan Waaqayyo isaan haa gargaaru!

Gumii Waaqeffannaa Addunyaa

Adoolessa 7, 2024

Be the first to comment on "Gadda Gumiin Waaqeffannaa Addunyaa"

Leave a comment

Your email address will not be published.


*