Murtiilee fi Ibsa Ejjennoo Gamtaa Jaarmiyoota Oromoo

(GWA, Bitootess 28, 2020) Uummanni Oromoo, Oromummaa fi Oromiyaan roorroo hamaa jala jiru. Mootummaan Itoophiyaa Oromummaa balleessuu, Oromiyaa diiguu fi injifannoolee ummatni Oromoo dhiigaa fi lafee ilmaan isaatiin gonfate irraa mulquuf karoorfatee itti bobba’ee jira. Biyyattii irratti Nafxanyoota deebisee aangomsuu fi sirna isaanii deebisuuf Habashoota wajjiin qindoominaan socho’aa jira. Akeekasaa kanas milkeessuuf ummata Oromoo ganda, kutaa fi amantiin qoodee walirratti bobbaasuu tooftaa siyaasaa godhatee hojjeta. Seeraan ala labsii yeroo hatattamaa uummata Oromoo irratti labsuun naannoolee Oromiyaa bakka adda addaatti Rayyaan Ittisa biyyaa uummata irratti roorrisaa jira.

Mootummaan kun reebicha, hidhaa fi ajjeechaa uummata Oromoo irra geessaa jiru yeroo kamuu caalaa jabeessee fi bal’isee itti fufee jira. Manneen uummata keenyaa maatii isaanii wajjiin walitti qabee guba; midhaan gonbisaawwanii fi oyiruu ykn maasaa keessatti ibidda itti qabsiisa; bosona Oromiyaa bineensa isaa wajjiin guba. Barattootni Oromoo naannoolee biraa keessatti wayta ajjeefaman kanneen ajjeesan seeratti hin dhiheessu. Yakki suukanneessoon akkasii dalagamaa jiraatuu isaanii osoo beekuu gaaga’amtootaaf ittisa hin godhu. Kanneen hafanis sababa adda-addaa itti funaanuun barnootarraa ari’a.

Keessumattuu, barattoota Oromoo godinaalee Oromiyaa ‘Command Post’ jalatti bulaa jiran irraa dhufan adda baaseeari’a. Naannolee Oromiyaa bulchiinsa ‘Comand Post’ jala jiran keessatti Raayyaan Ittisa Biyyaa Qeerroo fi Qarree akka bineensaa adamsee guyyaa guyyaan ajjeesaa, jumulaan hidhaa fi dararaa jira.

Mootummaan kun dirree dimookraasii biyyattii keessatti bal’isuuf waadaa gale cabsuun hooggannootaa fi miseensota jaarmoota siyaasaa kanneen isaan dorgoman ni dhabamsiisa; seeraan ala mana hidhaatti guura; qunnamtii jaarmoleen siyaasaa uummata waliin godhatuuf karoorfatan ni gufachiisa. Dhaabbileen sab-qunnamtii Oromoo dhugaa jiru akka hin gabaafne ni doorsisa, hooggantoota isaanii ni hidha. Saamicha qabeenya Oromiyaas daran hammeessee itti fufee jira.

Walumaa galatti, hamilee uummata Oromoo cabsuun, Oromoo jilbeenfachiisuuf dhagaan mootummaan kun hin garagalchine hin jiru. Namni hunduu hubachuu kan qabu Oromoon akka sabaatti tokkummaan ka’ee haga hin falmannetti rakkooleen kunneen sadarkaa amma irra jiran caalaa hammaatanii itti fufu. Badiiwwan uummata Oromoo fi Oromiyaa irratti mootummaa Itoophiyaan gaggeeffamaa jiran kunneen akkasitti yoo itti fufan, hireen ummata Oromoo yaaddessaa dha; Oromoon akka
sabaatti, Oromiyaan akka biyyaatti itti fufuun gaaffii guddoo jala galuu danda’a.

Kanaafuu, nuti jaarmiyaaleen Oromoo adda addaa kan yaaddoolee armaan olitti tuqaman kanneen qooddannu, maqaan keenya armaan gaditti tarreeffaman, rakkoolee akka sabaa fi biyyaatti nu mudatan kanneen irra aanuuf qopha-qophaa socho’uu irra gamtaan socho’uun bu’a-qabeessa ta’uu hubachuudhaan, yeroo dheeraaf marii gochaa turreerra.

Marii yeroo dheeraaf ‘technology’ adda-addaatti fayyadamnee godhaa turre goolabuuf Bitootessa 28-29, 2020 walgahii guddaa godhanne jirra. Walgahii kana irratti qabxiilee adda addaa irratti gad-fageenyaan erga mari’anneen booda murtiilee fi kutannoolee asii gaditti tarreeffaman irratti waliigallee baasuun walgahii keenya milkiin xumurannee jirra.

1. Haala hamaa uummata keenyarratti fe’amee jiru kana irra aanuuf tokkummaan Oromoo biyya keessaa fi biyya ambaa murteessaa ta’uu hubachuun, wal-tumsinee gamtaan hojjechuun uummata Oromoof sagalee ta’uuf walii galleerra;
2. Koree sochii gamtaa kanaa qindeessuu fi koreelee raawwii hujii sadi (three operational committees) utubnee jirra. Koreeleen kunis;
2.1 Koree falmii mirga namoomaa (Human rights advocacy committee),
2.2 Koree odeeffannoo funaanuu fi tamsaasuu (Information collection and dissemination committee),
2.3 Koree beekkumsa, dandeettii fi qabeenya maddisiisuu fi gurmeessuu/ijaaruu (Resource mobilization and organization committee)
3. Uummanni Oromoo, keessattuu warri biyya ambaa jiraattan, nu duukaa dhabbachuun rakkoolee saba keenyarra gahaa jiran gamtaan akka balaaleffannu waamicha lammummaa fi obbolummaa isiniif goona;
4. Jaarmiyaaleen Oromoo maqaan keessan asii gaditti hin tarreefamin hunduu, nu duukaa hiriiruun rakkoolee saba keenyarra gahaa jiran gamtaan qolachuu akka dandeenyu, sagalee dabalataa akka nuu taatan waamicha lammummaa fi obbolummaa isiniif dhiyeessina;
5. Dhaabileen siyaasaa Oromoo biyya keesssa jirtan hunduu adda-addummaa siyaasaa keessanii qabattanii ajjeechaa fi hidhaa Oromoo irra gahaa jiru waliin akka balaaleffattan, akka dura-dhaabbattan fi furmaata itti barbaaddan waamicha isiniif goona;
6. Maddi rakkoo uummata keenyaa hunduu sirna gabroomfataa mootummaa Itoophiyaa ti. Sirna kana hiddaan biqqisuuf tokkummaan ka’uu fi falmatuun murteessaa ta’uu yaadachisaa, roorroo fi dararaa naannoo Oromoo tokkorra gahuuf naannooleen Oromoo biraa akka birmattan waamicha lammummaa fi obbolummaa isiniif goona;
7. Mootummaan Itoophiyaa labsii yeroo hatattamaa kan seeraan ala uummata Oromoo Dhihaa fi Kibba Oromiyaa irratti labse hatattamaan akka kaasu akeekkachiifna;
8. Ajjeechaa, hidhaa, dubartoota Oromoo humnaan gudeeduu fi reebicha Raayyaan Ittisa Biyya Itoophiyaa uummata Oromoo irraan gahaa jiru hadheeffannee balaaleffachaa, hatattamaan akka dhaabbatu mootummaa Itoophiyaa dhaamna;
9. Mootumman Itoophiyaa hojii shororkeessummaa dhaabilee siyaasaa Oromoo, hooggantoota fi miseensota isaanratti  raawwataa jiru hatattamaan akka dhaabu akkeekachiisaa, sababa kanaan filannoo biyyooleessaa dhufu irratti rakkoolee uumamuu maluuf mootummaan itti gaafatamaa tahuu beeksifna.
10. Rakkoon naannoo Oromiyaatti uumamu kamuu, naannolee kaaniif illee daafaa nageenyaa ni qabaata. Kanaaf, sabaaf sab-lammoonni Itoophiyaa hundi, uummata Oromoof birmattanii, ajjeechaa fi hidhaa mootummaan Itoophiyaa saba Oromoo irraan gahaa jiru akka balaaleffattan fi dura-dhaabbattan waamicha lammummaa isiniif goona;
11. Jaarmiyaaleen mirga dhala namaaf falmitan hundi badii fi hammeenya mootuummaan Itoophiyaa uummata Oromoo irratti dalagaa jiru mara uummattoota addunyaa, mootummoota Bahaa fi Dhihaatti akka saaxiltan kabajaan isin gaafanna;
12. Uummanni Oromoo, keessattuu Qeerroo fi Qarreen, akka bineensaa adamsamanii guyyaa guyyaan ajjeefamaa, jumulaan hidhamaa jiru. Kuni ammoo buqqa’insaa fi goodaansa uummataa fidaa waan jiruuf uummanni addunyaa qisaasama uummata kanaa baraaruuf itti-gaafatama guddaa qaba. Rakkooleen kunneen babal’achuun too’annoo ala osoo hin ta’in uummanni addunyaa fi mootummoonni biyyoota Dhihaa, lola mootummaan Itoophiyaa seeraan ala uummata Oromoo irratti deemsisaa jiruu fi bulchiinsa ‘Comand Post’ Oromiyaa irraa akka kaasuuf dhiibbaa barbaachisaa akka gootan waamicha keenya dhiyeessina.

Tokkummaan Humna!

Jaarmiyaalee Oromoo (In alphabetical order)
1. Advocacy4Oromia
2. Bilal Oromo Dawa Center
3. Canaan Oromo Evangelical Church
4. Charismatic International Fellowship Church
5. Global Gumii Oromia
6. Global Oromo Advocacy Group
7. Global Waaqeffannaa Council
8. Horn of Africa Genocide Watch
9. Human Rights League of the Horn of Africa
10. International Oromo Women’s Organization
11. International Qeerroo Support Group
12. Mana Kiristaanaa Fayyisaa Addunyaa
13. Oromo Christ Evangelical Lutheran Church
14. Oromo Communities’ Association of North America
15. Oromo Evangelical Lutheran Church of Washington DC Metropolitan Area
16. Oromo Evangelical Lutheran Mission Society
17. Oromo Human Rights and Relief Organization
18. Oromo Legacy, Leadership and Advocacy Association
19. Oromo Lutheran Church of Baltimore
20. Oromo Parliamentarians Council
21. Oromo Studies Association
22. Oromia Support Group
23. Tawfiq Islamic Center
24. Union of Oromo Communities in Canada
25. United Oromo Evangelical Church
26. Washington DC Metropolitan Oromo SDA Church
Bitootessa 28,

Be the first to comment on "Murtiilee fi Ibsa Ejjennoo Gamtaa Jaarmiyoota Oromoo"

Leave a comment

Your email address will not be published.


*