Odaa Gaddaa: Wayyuun gameessi Waaqeffannaa Boqotan

(Waaqeffannaa, Guraandhala 12, 2019) Wayyuu fi hayyuu gameessa Waaqeffannaa kan turan Ob Hundasaa Waaqwayyaa (1961-2019) waggaa 58tt addunyaa kana irraa boqotan.

Ob Hundasaan kan boqotan Sanbata darbe, Guraandhala 9, bara 2019 biyya jiraataa turan Norway keessatti ture.

Obbo Hundasaan dhukkuba uumamaan qabamee, yeroo murtaa’eef yaalamaa erga turee booda bakka maatiin isaa fi hiriyootni isaa jiranitti mana yaalaatti boqote.

Ob Hundasaan Xumura bara 1999 irratti, haadha warraa fi ijoollee isaa sadii waliin biyya Norway qubate.

Obbo Hundasaan abbaa isaa obbo Waaqawayyaa Lammeessaa fi harmee isaa adde Nagaasee Haroo irraa bara 1961, godina dhiha Shawaa, aanaa Midaa Qanyi, gammoojjii naannoo Obbee jedhamee beekamutti dhalate.

Ob Hundasaan obbolaa dhiiraa sadii fi dubra lama qaba.

Wayyuu fi hayyuun Waaqeffannaa kun hanga guyyaa lubbuun isaa baatutti, aadaa Oromoo, Gadaa, amantii Waaqeffannaa fi afaan Oromoo guddisuu keessatti gumaacha guddaa kennaa ture.

Amantiin Waaqeffannaa akak addunyaa keessatti beekamuufis, bara 2008 irraa kaasee Gumii Waaqeffannaa Addunyaa hundeessuu fi guddisuu keessatti gahee gudda agumaachaa ture.

Gumaata olaanaa Waaqeffannaa barsiisuu fi guddisuuf taasiseenis kabaja waggaa 10ffaa hundeeffama Gumii Waaqeffannaa Addunyaa (2008-2018) Adoolessa bara 2018 Norway, Bergen keessatti gaggeeffame irratti badhaasa addaa argatee ture.

Ob Hundasaan nama nagaa jaalatu, nama araara buusuu fi nama walooma jaalatu ture.

Akka maatiittis abbaamanaa gaarii, abbaa ijoollee isaa kunuunsu, nama maatii fi obboloota isaa tumsu ture. Akka hawaasaattis nama qajeelummaan dubbii ilaaluun firoota hedduu horate ture.

Miseensotni Waaqeffannaa addatti Ob Hundasaa waan hedduun yaadatu:
• Waaqeffannaan isa biratti kabajamaa dha.
• Oromummaan isa biratti kabajaa guddaa qabdi
• Aadaan Oromoo isa biratti waa hundaa ol.
• Afaan Oromoo isa biratti gatii guddaa baasa.
• Eenyummaan Oromoo isa biratti kabajaan tifkama!
• Hojiin ulfina guddaa qabdi. 

Ob Hundasaan nama jaalata; Oromoo jaalata; dhugaa jaalata; nagaa jaalata; araara jaalata; hojii jaalata; kennuu jaalata; guddisuu jaalata!

Nama jabaa akkasii du’aan of biraa dhabuun hedduu nama miidha. Ha tahu malee jaal Hundasaan bara fayyaa qabutti waan humni isaa fi dandeettiin isaa gaafatu gumaachuu irraa of duuba hin jenne; yoo du’es waan seenaan yaadatu hedduu hojjetee darbe.

Sirni Awwaala isaa Oromiyaa keessatti kabajaan akka raawwatu ni eegama. Maatii, firootaa fi hiriyoottan isaaf jajjabina hawwina.

Lubbuun isaa boqonnaa haa argatu; ekeree isaa jala bookni haa yaa’u!

 

Be the first to comment on "Odaa Gaddaa: Wayyuun gameessi Waaqeffannaa Boqotan"

Leave a comment

Your email address will not be published.


*