Notice: Function _load_textdomain_just_in_time was called incorrectly. Translation loading for the wp-product-review domain was triggered too early. This is usually an indicator for some code in the plugin or theme running too early. Translations should be loaded at the init action or later. Please see Debugging in WordPress for more information. (This message was added in version 6.7.0.) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/functions.php on line 6121 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/functions.php:6121) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/onecom-vcache/vcaching.php on line 630 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/functions.php:6121) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/onecom-vcache/vcaching.php on line 638 Ibsa Ejjennoo Xumura Jilaa GWA – WAAQEFFANNAA

Ibsa Ejjennoo Xumura Jilaa GWA

“Ayyaanni waggaa 10ssoo hundeeffama GWA Waxabajjii 22-24 bara 2018 Norway, Bergen keessatti gaggeeffame milkiin xumurame. Ayyaana kana irratti hayyooti Oromoo Australia, USA (Washington DC fi Minnesota), Kanaadaa, Awuroppaa fi Oromiyaa keessaa irratti hirmaatuun beekumsa, ogummaa fi muuxannoo qorannoon bira gahan dhiheessaniiru. Hirmaannaan isanis guddina amantii fi aadaa Oromoof gahee guddaa kan gumaachuudha.

“… GWA qaama furmaataa ta’ee akka hojjatu irratti waliifgalameera. Kanaaf, nuti hirmaattonni Ayyaana waggaa 10ffaa hundeeffama GWA murtiilee fi
ejjannoolee armaan gadii fudhannee jirra.”

1. Gadaan guddatee jiruu fi jireenya ummata keenyaa keessatti akka madda furmaata ta’uuf, sirna Gadaa sirna baruu fi barsiisuu keessatti akka dabalamu gaafanna.
2. Waaqeffannaan amantii ganamaa kan dhalooti Kush ittiin boonan waan ta’eef, Oromiyaa, Finfinnee keessatti akka Galma Guddaa qabaatuuf, karaa mootummaa deeggarsi barbaachisu akka godhamuuf jabeessinee gaafanna.
3. Miseensoti Waaqeffannaa lafa awwaalchaa argachuun mirga uumamaa waan ta’eef, Oromiyaa keessatti hatattamaan bakka awaalchaa akka argatan gaafanna.
4. Irreechaan aadaa eenyummaa Oromoo mul’isu waan ta’eef, Irreechaan akka Guyyaa Ayyaanaa biyyaatti Dhahaa biyyaa keessatti akka galmeeffamu gaafanna.
5. Irreechaan aadaa eenyummaa Oromoo mul’isu waan ta’eef, Finfinnee keessatti akka deebi’ee wiirtuu Irreeffannaa qabaatu gaafanna.
6. Gadaa fi Waaqeffannaan dirqama uumama eeguu fi kunuunsuu waan qabaniif, naannoo fi bosona Oromiyaa eeguu fi kununnsuu keessatti akka bal’inana hirmaatanii hojjatan gaafanna.
Aadaa fi amantii keenya deebisuuf jabaannee hojjenna!
Gumii Waaqeffannaa Addunyaa

Ibsa ejjennoo xumura jilaa 07072018

For PDF format:Ibsa ejjennoo xumura jilaa 07072018

Be the first to comment on "Ibsa Ejjennoo Xumura Jilaa GWA"

Leave a comment

Your email address will not be published.


*