Mataan Waaqeffannaa Qaalluu dha.

(Waaqeffannaa, 2 Guraandhala 2017) Qaalluun mataa amantii Waaqeffannaa, amantii Oromoo ganamaa ti. Kun aadaa fi sirna Oromoonni Uumaa isaanii ittiin galateeffatuuf kennaa Waaqa irraa argataniin bara hedduu dura tolfatanii ittiin jiraachaa jirnaiidha; ittiinis wal-qunnamuun amantii qabaachuu isaanii beeksifataa fi ittiin bulaa jiran. Kanaaf, Oromoon Sirna Waaqeffannaatiin Waaqatti bulu hoggantoota amantichaa Qaalluu qaba.

IrreechaaKitaabni Taabor Waamii Afaan Amaaraatiin ‘Yewigena dirsetochina yetarik iwnetoch’ jedhee barreesse; Qaalluun kabaja guddaa qabaachuu eeruuf Wayyuu jedheenira.

Namoonni waa’ee Qaalluu kana beekanis kanuma dubbatu.

Jamjam Uddeessaa kitaaba isaa Afaan Ingiliiziin waa’ee sirna Gadaa Gujii xiinxalu ‘Za Gadaa Dimokraatiik Piruulaariizim’ jedhuun Qaalluun haal jireenya ilmaan namaa kan akeeku,Gadaan dimokraatawaa ta’uu isaa kan too’atu,safuu fi aadaa uummatichaa kan tiksudha.

Safuu fi aadaan uummanni Oromoo qabummoo waan jireenya guyyuu isaa keessatti himamudha.

Kitaaba Kidaanuu Zallaqaa Aadaa fi Safuu jedhuun kan hubachuun danda’amu leetoon uummatichaa martinuu safuu kana qabu.

Hormaanni,lakkaawwiin baraa,moggaasni maqaa,sirni boo’aa awwaalchaa, Abboommiin Waaqaa, sirna gumaa fi araaraa, akkasumas, kanneen maqaa hin dhawamne hedduun safuun jiru.

Safuun karaarraa dabnaan kan qajeelchu warra Wayyuuti. Qaalluun Wayyuu jenneerramii kana tiksuun.

Qorataan Aadaa Arsii obbo Boonsamoo Mi’eessoo Qaalluun duree amantaa ta’e wal-dhabbee cimaa falli dhibeef qoricha jedhaniin.

Oromoon mara biratti Qaalluun Caasaa Sirna Gadaa keessa jiru baramaadha fi fudhatamaadha.

Kitaabni Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Wiirtuu Jildii saglaffaa jedhee maxxansiise waa’ee dhufaatii Qaalluu Gujii xiinxala.

Qaalluun Waaqni akka erge,yemmuu lafatti gadi dhufus Ruufa jechuun marxoo mataatti maratan kan bifa Sabbata Waaqaa Cuquliisa baay’atuu qaba ture jedha.

Iddoon itti bu’e lafa gosa Obbituu waan ta’eefis Qaalluu kan ta’u gosuma kana keessaayi.

Oromoon iddoo gara garaa jiraatee Sirni Gadaa geggeeffatu Adeemsi isaa wal-fakkaatu,tarii moggaasni maqaa garaagartee qabuu gosa Qaalluu ta’u irrattis adda adda.

Kan Gujiin gosa Obbituuti jedhame,ollaa isaanii Booranatti gosa sadii keessaayi Qaalluun kan jiraatu.Booranni Qaalluu Waaqatu muude jedhuun,qaalluu shan qabaatus, gosti Maxxaarrii Qaalluu sadii qabu akka tokkootti waamama.

Gadaa Arsii jalatti caasaan Qaalluu iddoo guddaa qabaachuu qorataan Aadaa Arsii obbo Boonsamoo Mi’eessoo sirnaan dubbatuuf.

Arsii birattis gosti Qaalluu ta’u addatti jira.Gosa kana keessa namni jiru warra uumamaan kennaa addaa qabani.

Abbaan Gadaa muudama isaa mirkaneeffachuuf Qaalluun Qumbii afaan kaa’u malee hin tolu.Akka sirna ammayyaatiin muudamaaf abbaan alangaa waadaa galchuun,kana Qaalluu sanaa olitti kakuu cimaa keessa galcha.

Akkaataa bulchiinsa uummataa dimokraatawaa gochuu,safuu eeguu fi eegsisuu,dhugaa malee sobni afaanii hin baane,looguun akka hin jiraanne,seerri akka hin dabneef qumbii afaan kaa’uun ga’ee Qaalluuti.

Namoonni waa’ee kanaa beekan Qaalluu muuduun yookaa eebba irraa fudhachuun bakka Qaalluun jiru dhaqaniitu.

Kitaaba Taabor Waamii irratti akka kaa’ameenuu Qaalluun waan hin raawwannetu jira.Teessoo caphaa yookaa baqaqaa irra hin taa’an,qophaa laga hin ce’ena,yeroo mara gadi ba’anii deddeemuu hin baay’isan,guyyaa sirnaa yookaa jilaa malee waa hin qalan yookaa hin badaasan kan jedhu muraasa caqasuun danda’ama.

Labsii cimaa biyyatti lallabuuf, yookaa seera fooyyessuuf yoo barbaadame sana keessaa Qaalluun qooda qabaatu malee hin ta’u jedhama.

Qorataan Aadaa Arsii obbo Boonsamoo Mi’eessoo akka himanittuu dubbii eebbaan jalqabuu fi goolabuun Qaalluun ala hin jiraatu.

Qaalluun Sirna Gadaa keessatti caasaa amantii ol’aantummaan hogganu dandeettii waa raaguu fi waan fuulduratti ta’uuf jedhus himuu qabaatu.

Kennaa kanaan eebbisan kan badhaadhu, waan badii arginaan abaaranii badii itti muddanis horataniiru jedhama.

Obbo Boonsamoon akka himanitti Qaalluun gaafa ancufa liqimsu yookaa du’u ilmaan isaanii kennaa kana dhaalsisuu danda’u.

Gosa Qaalluu kana keessaayis kan guyyaa keessa kennaa kana goonfatu hin dhabamu.

Be the first to comment on "Mataan Waaqeffannaa Qaalluu dha."

Leave a comment

Your email address will not be published.


*