Waaqeffattoti 110 Halkan Gurraachaan Hidhaman

(Waaqeffannaa, 12 Caamsaa 2017) Mootummaan Wayyaanee hordoftoota amantii Waaqeffannaa 110 ol ta’an halkan Galma Diida Heexoo keessatti Waaqeffanaa gaggeessa turan  ukkaamsee hidhe.

Oduun nu gahe akka ibsutti, Caamsaa 11 bara 2017 halkan keessa sa’aatii 10:45 irratti Waaqeffattooti 110 ol ta’an Godina Shawaa kaabaa (Salaalee) magaalaa Fiichee keessaa qaban.

cropped-WGA-22.jpgWaaqeffattooti kunneen yeroo sanatti Galma Diida Heexoo keessatti walgahanii Waaqeffannaa wal barsiisaa fi Waaqa kadhataa turan.

Kaayyoon hordoftoota amantii Waaqeffannaa kan Galma Diida Heexoo kun Waaqa tokkicha kadhachuu fi akka amantiin Oromoo kun guddatu gahee isaanii bahuu dha.

Garuu, osoo isaan Galma Waaqeffannaa keessatti sagantaa idilee barnoota amantii Waaqeffannaa geggeessaa jiranii, hidhattooti Wayyaanee itti seenanii badii tokkoo malee too’annoo poolisii jala akka oolan godhanii jiru.

Mootummaan Wayyaanee yeroo addaddaatti hundee Waaqeffannaa balleessuuf tarkaanfii fudhataa turnun isaa kan yaadatamu.

Torban darbees Waaqeffattoota shantamaa ol qabanii turan. Waaqeffattooti kunneen yeroo gadhiifamanis akkas jedhaman: “kanan booda yoo Waaqeffannaatti deebitan too’annoo koomaandii poostii jala ooltu jedhanini gadi lakkisan.”

Waaqeffattooti akak ibsanitti immoo, dhiibbaa fi roorroon akkanaa kun Waaqeffattoota daran jabeessa malee duubatti hin deebisu.

“Haalli kun daran hammaachaa jira,” kan jedhan Waaqefaftaan tokk, “Sirni Wayyaanee dhumatu malee nagaan waan hin deebineef, ummati keenya otuu hin sodaanne qabsoo eegalame daran finiinsuu qaban,” jedhan.
Itti dabaluunis, “ummati Oromoo biyya isaa keessatti mirga jireenyaa, mirga amantii fi mirga bulchiinsaa dhabee jiraachuun kunis  akka dafee dhumatuuf, namuu qabsoo maraalessa babal’isuun barbaachisaa dha,” jechuun dhaamsa jabaa dabarsanii jiru.

Waaqeffannaan amantii Oromoo kan durii ti; amantiin kun bara dheeraaf akak badu irratti hojjatamaa ture. Garuu, qabsoo Oromootiin deebi’ee dagaaguutti jira. Waaqeffannaan amantii Waaqa tokkichatti amanuu dha.

Be the first to comment on "Waaqeffattoti 110 Halkan Gurraachaan Hidhaman"

Leave a comment

Your email address will not be published.


*