Gumiin Waaqeffannaa Oromoo olola Waaqeffannaa fi Irreechaa irratti baname balaaleffate.

(Waaqeffannaa, Waxabajjii 6 bara 2017) Gumiin Waaqeffannaa Oromoo duula Waaqeffannaa fi Irreechaa xiqqeessuuf gaggeeffamaa jiru akka balaaleffatu ibsa Waxabajjii 5 bara 2017 baaseen beeksise.

WGA 22Teessoon isaa Norwey kan ta’e Gumii Waaqeffannaa Oromoo Addunyaa ibsa mata duree “vidiyoo balaaleffannaa Irreecha fi Waaqeffannaa kan «Prophet Suraphel Demissie» tin gama youtube fi «Presence Tv Channel» gaafa Caamsaa 30,2017 faca’e laallata” jedhuun baaseen akka hubachiisetti, gochaa fi oloolli Waaqeffannaa fi Irreechaa xiqqeessuu fi xureessuuf yaalaman kamiyyuu nagaa fi walitti dhufeenya gaariif balaafamaa dha.

Akka Gumichi ibsetti, lallabaan wangeelaa Suraphel Demissie  jedhamu waltajjii bariisa amantii Kiristaanaa irratti “qaanii tokko malee Irreecha fi waaqeffannaa xiqqeessuudhaan dubbatame”; lallabni kunis karaa marsaa walqunnamtii https://www.youtube.com/watch?v=rX1p6rOY_7c addunyaaf faca’ee jira.

Gumichi, dubbii fi lallabni kun Waaqeffannaa fi Irreechaa kan xiqqeessuu fi xureessu waan ta’eef hatattamaan akka haqamu, lallabaan sunis ummata Oromoo akak dhiifama gaafatu hubachisieera.

Kana yoo gochuu baate, akka Gumiin Waaqeffannaa ibsetti, “ummanni Oromoo nagaa jaalatu waan ofii immoo kan roorroo ofirraa dhoowwachuu” kan danda’uu dha.

Guutummaan ibsichaa akka armaan gadii ti.

================================

Ibsa gazexaawwaniif – Waaqeffannaa Oromoo Addunyaa baase:

Ibsa gaazexaawwaniif

Waxabajjii 05.06.2017

Dhimmi: vidiyoo balaaleffannaa Irreecha fi Waaqeffannaa kan «Prophet Suraphel Demissie» tin gama youtube fi «Presence Tv Channel» gaafa caamsaa 30,2017 faca’e laallata

Waaqeffannaan Oromoo Addunyaa vidiyoo namni Prophet Suraphel Demissie jedhamu gaafa caamsaa 30.05.2017 gama Youtube, Facebook, Tv isaa presence TV channel (Amazing Deliverance) jedhamuun fi marsareetii isaatin facaase yoo arginu hedduu gaddine. Vidiyoo kanarratti qaanii tokko malee Irreecha fi waaqeffannaa xiqqeessuudhaan dubbatame (https://www.youtube.com/watch?v=rX1p6rOY_7c) .
Irreechi aadaa fi duudhaa Oromoo, Oromoota daangaa amantii kamuu qaxxaamuruurn akka biyyatti walitti fidee biyya alaalatittis ta’ee biyya keessatti keessattuu Hora Arsadee, Bishooftutti kabajamaa jira. Keessattuu bara as aanaa kana akka guyyaa biyyoolessaatti fudhatamaa dhufeera. Achittis ilmaan keenya, obbolaan keenya bara 2016 gumaata lubbuu ofii kaffaluu niyaadanna. Irreechi kan amantii tokkoo qofa osoo hintaane Oromoo hundaafuu calaqqee eenyummaa isaati.
Waaqeffannaanis amantii Oromoo ganamaa yoo ta’u sabni Oromoos ta’ee saboonni biraa Waaqa Gurraachatti bara dheeradhaaf amanaa kan jirani. Waaqeffannaan bishaanitti, gaaratti, meeshatti, lagatti hinamanu.
Haata’u malee namni Prophet Suraphel Demissie jedhamu guyyaa 30.05.2017 haala nama qaanessuun irreecha fi waaqeffannaan akka waan bishaanitti bulanii, xiqqeessudhaan, salphisuudhan arrabsee youtube, Facebook fi tamsaasa TV isaa akkasumas marsaretii isaatirraan dabarsee jira. Facebook kanas namni 37 000 akka hordofufi namni hammasii jaalatu mul’ata.
Aadaa saba guddaa Afrikaa, aadaa fi duudhaa akkasumas amantii Oromoo arrabsuun salphisuufi xiqqeessun kan bara dheeraf itti turan ta’us bara dammaqiisi fi guddinni jiru kana keessatti akkanatti saba Oromoo xiqqeessun fudhatama hinqabu. Hedduus nama guba.
Ummanni Oromoo rakkina dhalatu karaa nagaatin furachuudhaf aadaa bara dheera qaba.
Kanarraa kan ka’e, Waaqeffannaan Oromoo Addunyaa Prophet Suraphel Demissie akka inni saba Oromoo dhiifama gaafatu, vidiyoo arrabsoo kanas tamsaasa mararraa akk haqu gaafanna.
Kuni yoo kabajamuu baate, ummanni Oromoo nagaa jaalatu waan ofii immoo kan roorroo ofirraa dhoowwachuu danda’u ta’uu ibsuudhan waan san booda walitti deebinu ta’a.

Waqeffannaa Oromoo Addunyaa

Garagalcha:

Waajjiraa Pirezidaantii Federaala, demokiratawaa republikii Tophiyaa: Kabajamaa obbo Mulatuu Tashoomaa
Waajjira Muumicha Ministeeraa, kabajamaa obbo Haile Mariam Dessalegn
Waajjira Caffee Oromiyaa – Kabajamaa obboo Lammaa Magarsaa

Be the first to comment on "Gumiin Waaqeffannaa Oromoo olola Waaqeffannaa fi Irreechaa irratti baname balaaleffate."

Leave a comment

Your email address will not be published.


*