Gorobbee: Ayyaana dubartootaa

12141558_1624369114497182_1919388408201239624_nGorobbeen ayyaana dubartootaati. Ayyaanni Gorobbee guyyaa haati tokko ijoollee ishee warra dubartootaa kan heerumanii bultii qabanis ta’e kan hinheerumin bakka isaan jiranii waamtee itti gorsituufi eebbistuudha. Sirna kanarratti dubartoonni heerumanii ijoollee dubaraa godhatan ijoolleesaanii warra dubaraa qabatanii mana haadha isaanii deemu. Ayyaanni kun baal’inaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti beekama.

Ayyaana Gorobbee irratti dubartoonni mana haadha isaaniitti walga’an barcumarra utuu hintaa’in dura handaqii yookiin gasaa afameefii lafa sirna kanaaf qophaa’erra taa’anii eebba fudhatu. Handaqicharra waan jiidha qabu kanneen akka margaa, ulmaayii, kusaayeefi kana kana fakkaatantu afama.

Haati ijoollee ishee ayyaanicharratti waamtus nyaataafi dhugaatii aadaa kanneen akka aannan ho’aa, itittuu, buna qalaa, marqaa, cuumboo, qoriifi kan kana fakkaatan qopheessitee eegdi. Dubartoonni mana haadha isaanii dhaqanis akkuma humna isaaaniitti nyaataafi dhugaatii aadaa qopheessanii fudhatanii deemu. Ayyaana kanarratti haadha ilmoo argattes ta’e kan hin argatin ni eebbisu; waaaqas ni kadhatuuf. Dubartii dhabduuf ammoo addatti kadhatuuf. Dhabduun sirna kanarratti eebba haaadhaa argatte ilma ni argatti amantiin jedhu cimaadha. Afata jiidha qaburra akka taa’an kan taasifamuuf sababni guddaan isa kana.

Haatis ijoollee ishee gara ishee dhufan akka hangafaafi eegoo (quxusuutti) dabareedhaan eebbifti. Yeroo eebbistus: “Jiidha argadhaa!, Horaa bulaa!, Dhalli keessan haa eebbifamu! fi kan kana fakkaatan jechuun eebbifti. Sirna kanarratti dhiirri kamiyyuu hin hirmaatu.

Madda: Kitaaba Safuufi Aadaa, kan Kidaanuu Zallaqaatiin barreeffame