Barana Ayyaanni Irreecha Arfaasaa Ardaa Maatiitti kabajama.

(Waaqeffannaa, 2 Waxabajjii 2020) Ayyaanni Irreecha Arfaasaa baranaa Ardaa Maatiitti akka kabajamu ibsame.

Koreen Ayyaana Irreecha Arfaasaa akka ibsetti yeroo kana sababa COVID19 hawaasa bakka tokkotti baasanii ayyaanicha kabajuun hin danda’amne.

“Yeroo rakkoon jirutti, waan rakkoo hiiku irratti xiyyeeffanna,” kan jedhan miseensonni Koree Ayyaana Irreecha Arfaasaa, sababa kanaan “ayyaanicha maatii keenya waliin Ardaa Maatii biratti kabajuun gaarii ta’ee jira,” jedhan.

Hawaasti keenya yeroo ayyaana kana kabajus, aadaa Oromoo kana ta’e namummaa fi naannoof eegumsa gochuu irratti akka xiyyeeffatu dhamameera.

“Namni kabajaa qaba; kabajan naummaa eegamuu qaba,” jedhan.

Akka Koreen Ayyaana Irreecha Arfaasaa ibsetti, Ayyaanni kun Australai keessatti 7 Waxabajjii 2020 waaree booda saatii 1:00 irraa kaasee kan kabajamu ta’a.

Irreechaan Arfaasaa, mallattoo nageenya uumamaa waan ta’eef, bakka maratti naannoo magariisa gochuuf akka hojjatamu dhaameera.

“yeroon dhufaa jiru, yeroo itti biqiltuu dhaabii dha; yeroo itti nageenya naannoo keenya egereef waa kaayanii dha,” jedheera Korrichi.

Ayyaana Irreecha Arfaasaa baranaa irrattia akkuma baroota kaanii, Oromoon biqiltuu dhaabuun jaalalaa fi kabajaa eegumsa naannoof qabu akak mul’isu waamichi darbeera.

“Waamichi keenya ifaa dha, maatiin amarti biqiltuu dhaabuun wabii jireenya egeree ta’uu qaba; waanti ahr’a dhaabnu amrti egereef wabiid ha. Wabii eegumsa naannoo keenyaa haa taanu.”

Irreechi Arfaasaa bakak dhibiitti Irreecha Tulluu jedhamee beekama. Ayyaanni kun nagaan bona keessaa bahanii, gara gannaatti hulluuquuf kan kabajmuu dha.

“Ayyaanni kun kan gaggeeffamu tulluurratti; yeroonsaas bonni darbee roobni arfaasaa yeroo itti eegamuudha.”

Tulluutti bahanii Waaqa kadhachuun aadaa amantii Waaqeffannaa durduriin walqabatee kan dhufee dha. Tulluun Cuqqaalaa ardaa Irreecha Arfaasaa isa guddicha akka ta’e seenaan Oromoo ni dhugoomsa.

Be the first to comment on "Barana Ayyaanni Irreecha Arfaasaa Ardaa Maatiitti kabajama."

Leave a comment

Your email address will not be published.


*