“Waldhabdee babal’isuun aadaa Oromoo miti.”-Ibsa Koree Waaqeffanna Oromoo Addunyaa

“Waldhabdee babal’isuun aadaa Oromoo miti.”-Ibsa Koree Waaqeffanna Oromoo Addunyaa

(Waaqeffanna Oromoo Addunyaa, 9 Waxabajjii 2017) Koreen Waaqeffanna Oromoo Addunyaa dhimma lallaba Prophet Suraphel Demissie kan Waaqeffannaa fi Irreechaa xiqqeessu sirreessisuuf tattaaffii godhamaa jiru keessatti kanneen deeggarsa godhan dursee galateeffachuu barbaada.  Aadaa, amantii fi eenyummaan Oromoo akka kabajaa argatuuf dirmannaa gootan haalaan dinqisiifanna.

Dhimma lallaba Prophet Suraphel Demissie kan Waaqeffannaa fi Irreechaa xiqqeessuufi salphisu sirreessuuf yaaliin gama keenyaanis ta’ee, gama qaamota deeggartoota keenyaan godhamaa jiru amma illee itti fufee jira.

Akkuma yaadatamu, dubbiin kun akka furmaata nagaa argatuuf gama keenyaan, gaaffiilee ifaa ta’e dhiheessine. Gaaffiilee dhiheessine keessaa hamma ammaatti deebii kan argate, Vidiyoo arrabsoo san marsaa isaanirraa haquu qofaa dha. Kun gaarii ta’us, gaaffiin keenya ijoo immoo, namichi lallaba isaa keessatti Waaqeffannaa fi Irreechaa xiqqeesse ummata Oromoo akk dhiifama gaafatu gaaffiin dhiheessine hin deebne; haga ammaattis dhiifamni kun hin gaafatamne.

Gama keenyaan, dhimmi kun kan ummata Oromoo waan ta’eef akka Waajjira Abbootii Gadaatti dhiyaatee murtii argatu gochaa jirra. Gadaa keessatti dhimma akkanaa kana ilaalan Abbaa Seeraafi Abbaa Alangaa dha. Dhimma kanas karaa Seeraatiin ykn murtii biraatiin akka itti fufnu kan murteessan warra Abbootii Gadaa ti. Kanaaf, dhimmi kun Waajjira Abbooti Gadaatiin xiinxalee hamma murtiin kennamutti eegaa jirra.

Haata’utii, sababa dhimma kanaatiin marsaalee addaddaa irratti walirratti duuluun itti fufee jira. Nuti, akka amanutti, dhimmi kamuu akka aadaa Oromootti karaan nagaan akka hiikamu barbaadna. Sababa kanaan waldhabdeen hawaasa gidduutti babal’achuu hin qabu. Hamma Waajjirri Abbootii Gadaa murtii tokkorra gahanii nu beeksisanitti, obsaan eeguun barbachisaa dha. Kanaaf, haga dhimma kana irratti ibsa biraa baafnutti namoonni dhuunfaadhaanis ta’ee gareedhaan walitti daddabruu irraa akka of qusatan jabeessinee dhaammanna;waldhabdee babal’isuun aadaa Oromoo miti.

Akkuma jalqaba irratti ibsine, dhimma kana laalchisee haga ammaatti deeggarsa saba keenyarraa arganneef hedduu galateeffanna.

Marabbaan kan Waaq!!

Koree Waaqeffanna Oromoo Addunyaa.

Be the first to comment on "“Waldhabdee babal’isuun aadaa Oromoo miti.”-Ibsa Koree Waaqeffanna Oromoo Addunyaa"

Leave a comment

Your email address will not be published.


*