Deprecated: Required parameter $heading_type follows optional parameter $class_div in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php on line 245 Deprecated: Required parameter $heading_type follows optional parameter $class_div in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php on line 255 Deprecated: Required parameter $post_data follows optional parameter $sharing_type in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/tweet-old-post/includes/admin/services/class-rop-twitter-service.php on line 891 Deprecated: Required parameter $rop_auth_token follows optional parameter $sharing_type in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/tweet-old-post/includes/admin/services/class-rop-twitter-service.php on line 891 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 {"id":424,"date":"2019-03-31T06:51:22","date_gmt":"2019-03-31T06:51:22","guid":{"rendered":"http:\/\/www.waaqeffannaa.com\/?page_id=424"},"modified":"2019-03-31T06:55:58","modified_gmt":"2019-03-31T06:55:58","slug":"waaqeffannaa-beektu-laataa","status":"publish","type":"page","link":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/waaqeffannaa\/waaqeffannaa-beektu-laataa\/","title":{"rendered":"WAAQEFFANNAA beektu laataa?"},"content":{"rendered":"
    \n
  1. Maalummaa Waaqeffannaan <\/u><\/strong><\/li>\n<\/ol>\n

    Waaqeffannaa jechuun, waan Waaqa jiruufi jireenya ofiitti aanfachuu dha; Waaqa wajjin hariiroo qabaachuudha; Waaqaa fi seera Waaqaa- Seemaa amananii fudhatuun jiruufi jireenya ofii qajeelfachuu dha; Waaqaatti amananii, hariiroo Waaqa gaarii waliin qabaachuun, waan Waaqni ajaje hunda dalaganii, waan inni irraa dhoowwe hundarraa dhoowwamii jiraachuu dha.<\/p>\n

    Waaqaeffannaan amantiidha; amantii Waaqa tokkichatti amananii ittiin qajeelfamuuti; amantiin keenya waanti Waaqeffannaa jedhamee yaamameef Waaqa waliin hariiroo tolfatanii\u00a0 dubbii Waaqaa dhagayuun Waaqeffannaa waan ta\u2019eef; daandii dhugaa kan jibbinsi keessa hinjirre, takkaa diddaan dubbii Waaqaa keessa hinjirreefi kan jaalalaafi gaarummaan guutame, Waaqeffannaa waan ta\u2019eef. Waaqeffannaan, kanaaf, Waaqeffannaa jechuun Waaqa tokkicha, kan maqaan isaa dhibbaa, jiruufi jireenya ofiitti aanfachuudha; dhugaa Waaqaa dhagahuufi ittiin buluudha; dubbii Waaqaa dhagahuufi ittiin jiraachuu jechuudha; seeraafi fedhii Waaqaa dhagahuufi ittiin jiraachuu jechuudha.<\/p>\n

    Waaqeffannaan amantii ittiin Waaqa tokkicha dhugeeffatanii dha. Akka amantii kanaatti maddi uumama maraa Waaqa tokkicha; kanaaf dhalli namaa cufti Waaqa tokkicha malee waan biraa dhugeeffatuu hinqabu.Waaqeffannaanis amantii dhala namaa kan warra Waaqa tokkicha jiruufi jireenya isaaniitti aanfataniiti.Namni waan Waaqni jedhu dhagahu; ittiin bulu; ittin qajeelfamuufi ittiin jiraatu, kan darbes ta\u2019ee kan ammaa akkasuma illee kan egeree ta\u2019us Waaqeffataadha; Waaqeffattuudha.<\/p>\n

      \n
    1. YAYYABA WAAQEFFANNAA<\/u><\/strong><\/li>\n<\/ol>\n

      Waaqeffannaan amantii dhugeeffannaa ummata Oromoo kan durii fi ganamaati. Amantiin Waaqeffannaa kun\u00a0 yayyaba irratti ijaarame hedduu qaba; yayyaba amantii kana jaaran mara tarreessun hindanda\u2019amu; garuu, mataa isaanii keessaa hagi tokko akka armaan gadiiti.<\/p>\n

        \n
      • Waaqa<\/strong><\/li>\n<\/ul>\n

        Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan duraa Waaqa. Waaqa jechuun waa hunda kan uume; kan uumuufi kan eegu, Abbaa hundaati. Waaqni tokkicha; maqaan isaa garuu dhibba.Waaqan kanneen \u00a0Uumaa \u00a0jedhan; kaan immoo Rabbi jedhan. Maqaan Waaqaa akkuma Raajii Isaa himamee kan dhumuu miti.<\/p>\n

        Waaqeffattooti akka amananitti, Waaqa jechuun ol\u2019aanaa waan cufaati. Uumaa waan cufaati. Waaqa jechun kan jijjiirama hin qabne kan dur ture, ammallee ka jiru, egerellee ka jiraatu Uumaa waa hundaati; Tolchaa Uumama hundaaati; Qulqulicha waa cufa tolcheefi tolchuudha. Waaqni Uumaadha; Tolchaa walaabuuti; Madda jireenyaati; Jiraachisaa waa cufaati; Baalchaadha; Fayyisaadha.<\/p>\n

          \n
        • Uumama <\/strong><\/li>\n<\/ul>\n

          Bu\u2019ura amantii Waaqeffannaa keessaa kan biraa uumama beekumsaaaafi\u00a0\u00a0 hayyummaa Waaqaan yayyabameedha. Uumama kan jedhamu, waan Uumaan ogummaa isaatiin tolchee, beekumsaafi hayyummaa isaa ittiin mul\u2019iseedha. Uumamaan kanneen kalaqa jedhan nijiru. Kaan immoo Raajii Uumaa jedhanii yaaman.<\/p>\n

          Akka amantii Waaqeffannaattis, bu\u2019urri Waaqeffannaa uumamaa, beekumsaafi hayyummaa Waaqaan tolfameedha. Waaqeffattooti dhugaan uumama kana irraa olaatummaa Waaqaa dubbisan; uumama kana irraa jaalalaafi marartoo Waaqni uumama isaaf qabu baran. Kanaaf, kitaabni amantii Waaqeffannaa inni bu\u2019uraa uumamaa, ykn uumamoota \u00a0ogummaa Waaqaatiin tolfamaniidha. Waaqeffattootis Uumamni cufti kitaaba amantii Waaqeffannaa ta\u2019uu amanan. Kan dubbisuu beeke, uumama irraa Raajiifi Ogummaa Waaqaa dubbisa; Ol\u2019aantummaa Waaqaa dubbisa; Hayyummaa Waaqaa dubbisa; Seera Uumaa, seera Uumamaa dubbisa ; Seera Walaabuu dubbisa.<\/p>\n

            \n
          • Daaniyaa<\/strong><\/li>\n<\/ul>\n

            Daaniyaan kitaaba waa\u2019ee Waaqaafi Waaqeffannaa, kan dhimma Waaqaa irratti hundaa\u2019ee Waaqeffattooti beekumsaafi hayyummaa Waaqaa akka ittiin yaadatniif kan yeroo jalqabaaf sonaahee baheedha.Kitaabni kun akkuma kaitaaba kamuu dhaamsu qaba. Dhaamsa qaraa dabarsu keessaa tokko akkatti Raajii Waaqaa hubatan namatti agarsiisa; uumama irraa akkatti beekumsaafi hayyummaa Waaqaa beekanii, Waaqatti harka kennatan namatti mul\u2019isa.<\/p>\n

            Daaniyaan akka kitaaba tokkootti bara 6400, akka lakkoofsa Waaqeffannaatti, Oromiyaa, Finfinnee keessatti kan maxxansameedha. Kitaabni yeroo duraa kun boqonnaa sagalitti kan qoodameefi fuula 468 \u00a0kan qabuudha. Kitaabni kun bara 6401 keessa illee yeroo lammataaf biyya Ameerikaa kaabaa keessattis karaa mana maxxansaa Oromiyaa maxxanfamee jira.<\/p>\n

            Daaniyaan akka kitaaba tokkootti, kitaaba beekumsaafi hayyummaa Waaqaa of keessaa qabu tokkootti waa\u2019ee Waaqaafi Waaqeffannaa dabarsu malee, kitaaba waa\u2019ee Waaqaa mara of-keessaa qabuu miti. Daaniyaan dungoo Dhugaa Waaqaa kan Waaqeffattooti\u00a0 seera, safuu, laguu, seedaafi aadaa Waaqeffannaa keessaa dubbisanii waa\u2019ee Waaqaa daran yaadtaniifi hubataniidha.<\/p>\n

            Daaniyaan kitaaba amantii Waaqeffannaa kan Waaqeffattooti uumama irraa waan Uumaa itti dubbifatuu danda\u2019an agarsiisuu dha; akkatti iccitii Uumaa hiikanii beekan namatti mul\u2019isa; waan Waaqeffannaan gaadi\u2019amee tureef quba qabsiisa; maaliif akka gaadi\u2019amee ture, yoo maal ta\u2019e gaadii keessa akka bahu yaadaafi qalbii namaa keessa guuta. Waaqeffannaa kan ifa baasu ofta\u2019ummaadha. Daaniyaan, kanafuu, of-ta\u2019anii mul\u2019achuudha; warra of-tuffatan keessaa yaada dadhabaa fi xuraahaa dhiqee yaada seexessaa fi jabeessaa itti guuta; Mo\u2019aa taasisa; Daaniyaan waan ofiitti boonuu dha; waan ofiin mul\u2019achuu dha.<\/p>\n

            Akka amantii Waaqeffannaatti, Daaniyaan jechuun Dhugaa Waaqaa barbaaduu jechuudha; namoota Waaqa Tokkichatti amananii jireenya walaabuu keessatti gammadanii jiraachuuf seeraafi qajeelfama Waaqaa barbaadanii ittiin jiraataniidha; akka Daaniyaatti Waaqeffannaan amantii itti gammadanii waan gaarummaa fi waan dhugaa kan ayyaana dhala namaatti tolu ittiin argataniidha; ibsaa ittiin kitaaba Waaqaa ,Uumama, dubbifataniidha; ibsaa golgaa aada-malee saaqee aadaa dhugaatti nama geessuudha.<\/p>\n

              \n
            • Laduu<\/li>\n<\/ul>\n

              Laduun aangoo Waaqaa kan dhalli namaa akka Waaqeffannaa ittiin yayyabatuuf kennameedha. Laduun kunis Aangoo Waaqaa kan Qaalluun ittiin iccitii Waaqaa beekee dhala namaa ittiin gargaaruuf Waaqa irraa kennameefiidha.Qaalluun Laduu Waaqaa kana argates ergamaa Waaqaa kan seera Waaqaa dhala namaaf ibsu, kan dhala namaa qajeelchuuf kan namaafi Waaqa walqunnamsiisuu dha.<\/p>\n

              Akka Waaqeffannaan amanutti Waaqni dhala namaaf waadaa gale kan mirkanse Laduu dabarsee Qaalluuf kenneen. Laduu Qaallummaa kan argatanis ta\u2019ee kan namaaf kennu Waaqa qofaadha. Namni Laduu Waaqaa kana fudhate, aangoo Qaallummaa waan qabuuf seera Waaqaa barsiisuuf nidirqama. Laduun aangoo Waaqni qabu keessaa kan Waaqni Qaalluuf kennee, Qaalluun immoo dhala namaa ittiin tajaajiluuf kan ittiin imaanaa fudhateedha.<\/p>\n

                \n
              • Qaalluu<\/strong><\/li>\n<\/ul>\n

                \u00a0<\/strong>Yayyaba Waaqeffannaa \u00a0keessaa kan dhibii Qaalluu ykn Qaallittiidha. Qaalluun ergamaa Waaqaa kan aangoo Waaqaan muudamee aangoo Qaallummaa Waaqa irraa argateedha. Qaalluun ayyaantuu dhiiraa kan dhalootaan Laduu: aangoo Waaqaan muudameedha. Qaallittiinimmoo, Waayyuu yookaan ergamtuu Waaqaa kan dhalootaan Laduu: aangoo Waaqaa, isa waan Waaqaa hiikee ibsu, goonfatteedha. Namooti akkanaa, kanneen uumamaan Fedhiifi Seera Waaqaa hiikuufi ibsuuf Waaqaan muudamanii dhalatan Ayyaantota ergamtoota Waaqaati.<\/p>\n

                Qaalluun beekumsaafi hayyummaa Waaqaa karaa dhalootaa qofaa argata; ittiin dhalata jechuudha. Kana jechuun Qaallummaan kennaa Laduu: aangoo Waaqaa kan dhalootaa dhalootatti diroo darbuudha; ayyaantummaan kun abbaa irraa ilmatti ykn haadha irraa intalatti darba. Kana jechuun Qaalluu ta\u2019uuf dirqama warri ofii aangoo Qaallummaa kan qaban ta\u2019uu mala; otuu abbaan ykn haati jiranii, garuu, ilma ykn intalatti hinbu\u2019u; gaafa isaan addunyaa kanarraa addaan ba\u2019an qofaa laduun isaanii maatii keessaa Wayyuu tokkotti bu\u2019a. Wayyuu jechuun maatii ykn fira keessaa kan qulqulluu ta\u2019anii Waaqaan muudamaniidha.<\/p>\n

                Akka Waaqeffannaatti, Qaalluun noolee Waaqaa kan dhala namaafi Waaqa ayyaanaan walqunnamsiisuudha. Qaalluun iccitii Umaa-uumamaa akka hiikuuf muudame. Namni rakkate gara Qaalluu dhaqee dhibee isaa hiikkata; hiikkatees daandii qajeelaa argat. Fala araaraafi nagaas falata. Qaalluunis akka riqichaatti Waaqaafi nama gidduu ta\u2019ee Daandii Waaqaa, Waaqeffannaa, isa Dhugaa, Qajeelaa, Gaarummaa, Badhaadhinaafi Gammachuu barsiisa; tiksa; tiksees jiraachisa.<\/p>\n

                Qaallummaan, kanaaf, wiirtuu amantii Waaqeffannaati. Qaallummaan kennaa Laduu Waaqni Qaalluuf kenneen waan Waaqaa namatti ibsuu, namaaf hiikuufi namatti dubbachuu danda\u2019a; kennaan aangoo Waaqaa kun akka inni iccitii dubbii Waaqaa dhala namaa hiikee mul\u2019isu isa taasisa. Kanaaf, akka Waaqeffannaatti dubbii, lallabni, muudaafi eebbi Qaalluu nikabajama; ittiin qajeelfamanis.Kanaaf, immoo Qaalluun mataa amantii Waaqeffannaati.<\/p>\n

                  \n
                • Ayyaana<\/u><\/strong><\/li>\n<\/ul>\n

                  Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan biraa Ayyaana. Ayyaana jechuun marabbaa Waaqaa kan uumamaa hundaaf Waaqa irraa kennamuudha. Ayyaanni, marbbaan Waaqaa, kun kan \u00a0Waaqaa mil\u2019uu Isaatiin uumamaa mara guuteefi guutu, kan Waaqni ittiin umama mara qajeelcheefi qajeelchuudha. Ayyaana jechuun, kanaaf, marabbaa jireenyaa kan waanti tokko akka dhalatu taasisu, erga dhalatee boodas waanti sun akka ittiin jiraatu qajeelchu, tiksuufi sirneessuudha. Kanaaf, ayyaana jechuun marabbaa mil\u2019uu Waaqaan uumamaaf kennamee, ittiin jiraatamuufi ittiin bulamuudha.<\/p>\n

                  Waaqeffannaan akka amanutti waantoti umaman cufti Ayyaana: marabbaa Waaqaa kan ittiin qajeelfamaniifi jiraatan wajjin dhalatan, kan mataasaanii, qaban; ayyaana kana dhalootaan argatan.Waaqeffannaa keessattis dhalli namaa Ayyaana: marabbaa jireenyaa Waaqa irraa kennameef kan argatu guyyaa dhalatu sana irraati. Waaqeffannaanis akka amanutti Waaqni uumamaa mara kan uume, guyyaa 27 keessatti ture. Ayyaanni kunis kan guyyaa 27 keessatti bu\u2019eedha. Namuu Ayyaana isaa kan argatu, marabbaa Waaqni guyyaa saniif murteesse keessaa akka hiree isaatti fudhata. Marabbaan Waaqaa kunis Ayyaana guyyaan 27 qabu irraa dhalootaa dhalootatii diroo kan darbaa jiraatuudha.<\/p>\n

                  Ayyaanoti digdamii torban ilaalaman kunneen waan ofii qaban. Wanni jirtu cufi ayyaanotuma kana keessatti galti. Wanni dhalatu ayyaanotuma digdamii torban kana keessatti dhalata. Wanni du\u2019aas akkasuma. Gaddaa fi gammachuullee asuma keessa jirti. Kanaaf waanti tokko waanti ayyaana malee socho\u2019amu hinjiraatu. Du\u2019aa iyyuu awwaaluuf ayyaanuma ilaalan. Ayaana du\u2019aa itti hinawwaalletu jira.<\/p>\n

                  Akka amantii Waaqeffannaatti dhalli namaa nidu\u2019a; ayyaanni isaa garuu hindu\u2019u; hinbadu. Namni du\u2019us ayyaanni nama du\u2019e sanaa bifa biraan qe\u2019ee dhaloota nama sanaa jiraata. Ayyaanni nama du\u2019ee kunis Ekeraa jedhama. Ekeraa jechuun marabbaa Waaqni namaaf kennee, namni sun erga du\u2019ee booda immoo egeree dhaloota ittaananii gaaromsuufi tiksuuf ardaa adii keessa jiraatuudha.<\/p>\n

                  Akka Waaqeffannaatti, ayyaanni marabbaa jireenyaa uumamaa qajeelchiifi tiksuudha. Umamni cufti, namoonni, horiin, mukkeeniifi kkf ayyaana mataasaanii qaban. Waanti ayyaana malee umame tokkollee hinjiru. Kana jechuun waanti umame marti waan walqabate, garuu, addadda ta\u2019e lama qaba: waan mul\u2019atuufi waan hinmul\u2019anne. Kan mul\u2019atu qaama, ijaan argamuudha. Kan hinmul\u2019annemmoo ayyaana ijaan hinargamne, garuu, ayyaanaan beekamuudha. Kana malees, Araddaan ayyaana qaba; tulluun ayyaana qaba; malkaan ayyaana qaba.<\/p>\n

                  Waaqeffattootis Ayyaana kana ni safeeffatu. Tulluu bira yoo dabran itti irreeffatu; Malkaa yoo ce\u2019anis itti irreeffatu; Ayyaana isaas waan safeeffataniif, kabajaan maganfatan. Ayyaanni humna Umaan uumama keessa kaa\u2019es ittiin uumamasaa qunnamuudha. Ayyaanni kun riqicha Umaafi uumamaati. Kana malees, ayyaanni humna uumama tiksuufi qajeelchuudha. Namni Waaqa kan quunnamu ayyaanaan ta\u2019a. Waaqnis uumama uume mara kan qunnamee gaaromsuu fi tiksu marabbaa itti kenneen\u00a0 ta\u2019a. Kanaafuu, Ayyaana jechuun marabbaa Waaqni \u00a0uumama ittiin qajeelchu; uumama ittiin\u00a0 eeguu fi nageessuudha.<\/p>\n

                    \n
                  • Ateetee<\/u><\/strong><\/li>\n<\/ul>\n

                    Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan biro Ateeteedha. Ateeteen ayyaana sanyiifi hormaataa kan dubartiin waggaa lamatti altokko birraa ykn arfaasaa keessa bulfattuudha. Ayyaanni Ateetee akka Waaqeffannaatti birraa keessa Fulbaana gara dhumaa, arfaasaa keessammoo Amajjii walakkeessa keessa facaafatama. Dubartiinis ayyaana kana kan facaafattu ayyaanni haadhashii, ishiifis tolee akka dhala ishiifis qajeeluuf uumamaan Waaqa kadhatti. Ateeteen bakka tokko tokkotti “Facaasaa” jedhama.<\/p>\n

                    Akka Waaqeffannaan amanutti Ateeteen ayyaana warraafi qe’eeti. Dubartootis nageenya, gaarummaafi hormaataaf ayyaana isaaniifi Waaqa isaan uume kadhatan; Waaqni waan isaaniif godheef galateeffachuuf immoo \u00a0Ateetee bulfatan. Ateeteen ganama subii kaasee hanga waareetti Diinqa mana jireenyaa keessatti facaafatama.<\/p>\n

                      \n
                    • Siiqqee<\/u><\/strong><\/li>\n<\/ul>\n

                      Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan Seemaa yookiin seera Waaqaa waliin walitti hidhate, Seeqqeedha. Siinqeen akka\u00a0 Waaqeffannaatti seera garaa garaa kan mirga dubartii kabachiisisuuf Waaqni Waaqeffattootaaf kenneedha. Siinqeen gama tokkoon mallatoo seera dubartiiti. Gama biraan, siinqeen ulee qal\u2019uu dubartiin gaafa heerumtee kaaftee haga gaafa duutuutti qabattuudha. Kanaaf, akka Waaqeffannaatti Siinqeen meeshaa murtii fakkeenna seera Waaqaa kan dhimma dubartii waliin walqabate mul\u2019isuudha.<\/p>\n

                      Namooti Siinqeen ulee qal\u2019oo dubartiin qabattu callaa se\u2019an jiraachuu malu. Garuu, akka Waaqeffannaatti Siinqeen ulee qaldhoo dheertuu callaa miti. Ulee qaldhoo dheertuu, siimoftuudh; Siimoftummaafis siinqee hinta\u2019u; qajeeltuufi dirraan wal-qixxooftuu tan \u00a0ijoo hinqabne ta\u2019uu qabdi. Siinqee ulee kabajamtuu kan\u00a0 muka Harooressaa irraa tolchanii akka mallattoo seera Waaqaa kan ittiin\u00a0 mirgiifi namummaan\u00a0 dubartii eegamuudha.<\/p>\n

                      Waaqeffannaan siinqeen wayyooma jabaa qabdi. Wayyoma kanaaf, Siinqeen kabajaa, saalfiifi sodaa guddaa qabdi. Akka ulee biroo Siinqee horiin hintiffatan; sareen hindarbatan; fardaan hindhayatan; harreen hin\u2019ooffatan, akkasumas duddaaf hin dhadhaabatan. Siinqee seeraaf qabatan; Kana malees, Siinqee woyyuufi woyyoomaaf qabatan.<\/p>\n

                      Waaqeffattooti yeroo m ara illee siinqee hinqabatan. Akka seemaan ibsutti siinqee kan qabtan yeroo gamteen, muddamsuun, daddarbaan, cunqursaan, walumaa galatti rakkoon jiraatteedha. \u00a0Yoo rakkoon hinjiraatiin dubartiin Siinqee ol-kaayatti malee hinqabattu.<\/p>\n

                      Siinqee dubartii malee dhiirti hinqabatu. Dubartiin cuftis hinqabattu; kan qabattu yoo beera taate qofa. Siinqeen yeroo nagaa harka mirgaatti qabatama; mormiif yoo ta\u2019e garuu harka bitaatti qabatama. Dubartiin Siinqee qabatuu ka jalqabdu gaafa heerumtu irraa kaafteeti. Gaafa intalti-heerumtu san haati intalaa Siinqee tolchitee, yoo baarree ka fuudhuu kennitu, boraatiifi madaalaa wojjiin, \u201dHoo baarree, hoo barsee,\u201d jettee itti kenniti. Intalli heerumtu gaafa kanarraa jalqabdee haadha Siinqee taati.<\/p>\n

                        \n
                      • Qanafaa<\/u><\/strong><\/li>\n<\/ul>\n

                        Qanafaan mi\u2019a aadaa Oromoo Arsii ka deettuun ulfinaaf, woyyoomaafi bareedummaaf kallacha irratti hidhattuudha.Qanafaan abba manaatiin mukaa, dhiyeefi faaya adda addaa irraa tolfama. Dubartiin qanafaa soddaatiin (haadha abbaa manaa ofi) fayadamuu dandeetti.Deettuun takka qanafaa yennaa hidhattu gaafa guyyaa nafa isii dhiqattu. Guyyaan isiin nafa dhiqattu ammoo ayyaan-lakkoftuudhaan itti himama, yookaan ammoo deettee gaafa guyyaa afurii ykn shanii ta\u2019uu danda\u2019a. Nafa dhiqaan seera mataa isaa qaba. Dubartiin qanafaa hidhatte hinarrabsamtu, hindhaanamtu, gama hundaanuu mirgi isii kabajamaadha.<\/p>\n

                        Namni tokko yoo akka tasaa dhaane garuu adabatu itti murama-irraa qalatan. Dubartiin hundi siinqee qabattee gara mana namichaa isii dhaanee dhaxxee itti elelfataa ateetofti. Yookana dhirti marti baatee dhiifama kadhatti. Kun isaan hinquubsu taanaan ammoo jaarsolii (manguddoota) waamanii dubbiin dhuma. Dubartiin birmannaa kana keessaa haftellee ni\u2019adabamti. Namichi deettuu sun qanafaallee yoo cabse adaba dachaa adabama.<\/p>\n

                          \n
                        • Gadaa<\/u><\/strong><\/li>\n<\/ul>\n

                          Yayyaba Waaqeffannaa keessaa kan biraa Seera Waaqaan sirna biyya ittiin bulchan tolchanii ittiin qajeelfamaniidha. Waaqeffannaan akka amanutti warri Waaqatti bulu, akkuma maatiifi warra isaanii seera waaqaan bulfatan, biyyaafi saba isaanii illee sirna seera Waaqaan yayyabameen qajeelfatan. Sirni Waaqeffattooti akka seera Waaqaatti tolfatanii ittiin biyyaafi saba isaanii bulchaa, tiksaafi qajeelchaa jiranis, Gadaadha.<\/p>\n

                          Waaqeffannaan akka amanutti Gadaan sirna bulmaata biyyaafi Sabaa kan akka seera Waaqaatti yayyabamee ittiin qajeelfamaafi tikfamaa diroo darbaa dhufeedha. Waaqeffannaan kan sirnaan hubatamuu malus akkaataa jaarmaafi caaseffama sirna Gadaa xiinxaluufi beekuun ta\u2019a. Waaqeffannaan akka amanutti fulaan dhugaan Waaqaa itti tifkamaa jiran keessaa tokko Gadaadha. Gadaan otuu hinbeekamne Waaqeffannaan guutummaatti beekamuu hindanda\u2019u. Gadaan duuba kan jiru Waaqeffannaadha.<\/p>\n

                          Gadaan dhimma jiruufi jireenya Waaqeffattottaa fuula hundaan kan ilaalu sirna siyaasaa, aadaa dinagdee, hawaasummaafi amantiiti. Sirna Gadaa kun bara Waaqeffattooti akka seera Waaqaattii ittiin qajeelfamaa turan sirna badhaahinaafi gaarummaan guutame, kan jiruufi jireenya hawaasummaa guutuun yayyabame ture. Sirni Gadaa sirnaafi seera Waaqeffattoonni ittiin walbulchan, diina mirgaafi haqa Waaqeffattootaa sarbaa ture ittiin \u00a0duulanii ofirraa ittisuun seera Waaqaafi Dhugaa Waaqani isaaniif kenne kabachiisaniifi iksan, kan dinagdee isaanii ittiin tikfataniifi dagaagfatan, akkaata ittiin waliin jiraataniifi fedhiifi hawwii namummaa isaanii ittiin guutamuudha.<\/p>\n

                          Waaqeffannaan akka amanutti sirna Gadaa seera Waaqaa irratti hundaa\u2019ee kan yayyabame, qajeelfama seera Waaqaan kan hidhameedha. Kanaaf, Gadaa keessatti waanni hundi Gadaan: Seera Waaqni saba Oromoo kanneen Waaqa tokkichatti amananiif buuseen walitti hidhata. Gadaan kan guutuu ta\u2019u, lakkooysa yeroo, aadaa, amantii, jireenya hawaasaa, ittisa biyyaa, duula Buttaa,fi kkf hunda waan of keessaa qabuufi isaan kunneen immoo akka seera Waaqaa, isa eenyuyyuu cabsuufi dabsuu hindandeenyeen sirneeffamuu isaatiin ta\u2019a.<\/p>\n

                          Akka Waaqeffannaatti Gadaan mootummaa Ummataa kan ummataan filamee, ummataaf hojjatuudha. Gadaan bulchiinsa ummataa isa olaanaati. Gadaan sirna bulchiinsa ummata Oromoo kan siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, amantiifi aadaan ittiin qajeelfamaa ture, daawitii jiruufi jireenya Waaqeffattootaa isa olaantummaa seera Waaqaan ititeedha. Akkanaanis, Gadaan sirna waggaa saddeet saddeetiin taa\u2019itaa siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, amantii, loltummaafi jireenya waliin waliif dabarsuudha. Akka waliigalaatti, Gadaan of-ilaallee jiruufi jireenya ummata Waaqeffattootaa kan durii, kan har\u2019aafi kan egeree ofitti hammatee kan jiru sirna Heeraafi Seeraan utubameedha. Akka kanaan Gadaan sirna seera uumamaafi seera namaa walitti qindeessee ittiin namaafi uumama bulchuudha. Kanaaf, Gadaan sirna bulchiinsa jiruufi jireenya ummata Waaqeffattoota ganamaati.<\/p>\n

                            \n
                          • Galma<\/u><\/strong><\/li>\n<\/ul>\n

                            Yayyaba Waaqeffannaan ittiin jaarame keessaa kan dhibii Galma Waaqeffannaati. Galmi Waaqeffannaa ardaa kadhannaafi galateeffannaa Waaqeffannaati. Ardaan kadhannaafi galateeffannaa Waaqeffannaa kun, bakka seerri Waaqaa itti himamu, bakka ulfaataa muudaafi hammachiisaan itti kennamu, ardaa Dhugaa Waaqaa itti walbarsiisaniidha.<\/p>\n

                            Akka amantii Waaqeffannaatti \u00a0Galma jechuun mana Waaqeffattooti gaafa Torbii, gaafa Hammachiisaa, gaafa muudaafi gaafa jileeffannaa keessatti walgahanii Waaqaa isaanii kadhataniif Waaqa isaan uume itti galateeffataniidha. Galma jechuun bakka itti beekumsaafi hayyummaa Waaqaa baratan, seera Waaqaa wajjindaran walitti dhiyaatan, bakka ulfooti.<\/p>\n

                            Waaqeffattooti kan Waaqa waaqeffachuu jalqaban GALMA Qaalluu, ajajaafi qajeelcha Waaqaan ijaarame keessatti ture. Qaalluun ladooma duraan mul\u2019ates akka barsiisetti Waaqni Galma Waaqeffannaa keessatti irra caala namatti dhiyaata. Galmi kunis Galma qulqulla\u2019aa kan Waaqeffattooti Waaqa tokkicha itti kadhatan, aarsaa isaanii itti galfatan, kabaja Waaqaaf kan itti irreeffataniidha. Dhugaan kun immoo kan Waaqni yeroo duraaf Qaalluutti mul\u2019ise Odaa Mormor irratti ture. Waaqeffattoonnis Galma kana keessatti dhiyaatanii beekumsaafi hayyummaa Waaqaa karaa Qaalluu himamu, hiikamuufi lallabamu baratu; Galma keessatti walgahanii waa\u2019ee Seera Waaqaafi Dhugaa Waaqaa baratu.<\/p>\n

                            Yeroo sana irraa eegalee manni Waaqeffattooti keessatti walgahnii\u00a0 waaqeffatan kunis GALMA WAAQEFFANNAA jedhame. Mallattoo Waaqeffannaa kan ta\u2019an Caaccuufi Kallachis Galma kana keessa kaahame; ulfoon Waaqeffannaas akka Galma Waaqeffannaa kana keessa kaahamu godhame. Kanaaf, yeroo tokk tokko manni itti Waaqeffatan kun MANA WAAQAA jedhama. Warri kaan immoo Galma Muudaa jedhanii waamu.<\/p>\n

                            Galmi Waaqeffannaa yeroo duraaf Odaa Mormor cinatti ijaarame, dhiibbaa alagaan dhiibamee gara Tulluu Cuqqaalaatti darbe. Yeroo kana teessumni Gadaa immoo Odaa Nabee ta\u2019e.Galmi Waaqeffannaa sadaffaan immoo kan ijaarame, Madda Walaabuu, kan amma Galma Abbaa Muudaa ta\u2019ee jiru biratti ture. Galmi Waaqeffannaa kunis mana kadhannaafi galateeffannaa, kan Waaqeffattooti keessatti walgahanii Waaqa itti kadhatan, Seera Waaqaa itti bratan, muudaafi eebba Qaalluu itti fudhatan, hammachiisaafi magnfannaa itti raawwataniidha. Galmi Waaqeffannaas, akka Amantii Waaqeffannaatti, iddoo itti lallaba Waaqeffannaa dhaggeeffatan, iddoo itti seera Waaqaa barataniifi barsiisan, iddoo itti jaatanii Waaqeffannaa hojjataniifi dhimma Waaqaa itti midhaansaniidha.<\/p>\n