Deprecated: Required parameter $heading_type follows optional parameter $class_div in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php on line 245 Deprecated: Required parameter $heading_type follows optional parameter $class_div in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php on line 255 Deprecated: Required parameter $post_data follows optional parameter $sharing_type in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/tweet-old-post/includes/admin/services/class-rop-twitter-service.php on line 891 Deprecated: Required parameter $rop_auth_token follows optional parameter $sharing_type in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/tweet-old-post/includes/admin/services/class-rop-twitter-service.php on line 891 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 {"id":277,"date":"2017-05-08T08:15:45","date_gmt":"2017-05-08T08:15:45","guid":{"rendered":"http:\/\/www.waaqeffannaa.com\/?page_id=277"},"modified":"2017-05-08T08:16:34","modified_gmt":"2017-05-08T08:16:34","slug":"irreechaa-sirna-galateeffannaa-fi-waaqeffannaa-oromoo","status":"publish","type":"page","link":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/irreechaa\/irreechaa-sirna-galateeffannaa-fi-waaqeffannaa-oromoo\/","title":{"rendered":"Irreechaa: sirna Galateeffannaa fi Waaqeffannaa Oromoo"},"content":{"rendered":"

\"4\"Aadaan calaqqisiistuu maalummaa Uummata tokkooti. Uummatni tokko\u00a0 aadaa isaa keessaa saboota birootti, namoota birootti ykn naannoo birootti mul\u2019ata; ibsama, darbees beekama. Dhugaa ifa galeessa ta\u2019e kanaan, aadaa uummatni Oromoo gama hundaan qabu yoo ilaalle, Uummatni Oromoo aadaa hedduu maalummaa isaa\u00a0 ballinaan beeksisuu danda\u2019an qaba. Haalli uumama dachee Oromoo mataan isaa itti fayyadama Aadaa Uummata Oromoo waliin haala walitti hidhata godhachuu malaniin waan uumaman fakkaatu. Aadaan Uummata Oromoo hamilee hawaasichaa waliin kan wal qabate dha. Dinagdeeniifi amantaan Uummatichaallee Aadaadhuma sana keessaan calaqqisu. Aadaawwan Uummatichaa keessaa, Aadaa fuudhaafi heerumaa, Aadaa nyaataa, Aadaa uffannaa, aadaa waaqeffannaafi galateffanna, Aadaa ittiin aangoo walitti kennaniifi dabarsan k.k.f eeruun ni danda\u2019ama. Oromtichi jiruufi jireenya isaa keessatti waan dalagu mara sirna ittiin geggeessu, kan safuufi safeeffannaa of keessaa qabu Waaqa isa uumaa Ardii kanaa ta\u2019eef yeroo mara iddoo guddaa kan kennuudha.<\/p>\n

Kun akkuma\u00a0 jirutti ta\u2019ee Oromoon haallan kana ittiin jiraachuu keessatti rakkoo tokko malee akka fedhee fi akka isa barbaachisetti raawwataa hin turre. Oromoon erga bara Mootummaa Abbaa Irree Minilikii kaasee hanga\u00a0 bara kufaatii Dargiitti mudannoowwan adda addaa, qonyonyaa mar\u2019ummaanii itti ta\u2019uun hin irraanfatamne\u00a0 hedduu keessa darbee as ga\u2019e. Eenyummaafi Aadaa isaa jedhee, qe\u2019ee irra jiraatu irratti dararamaafi itti wareegamaa ture. Haa ta\u2019u malee, Oromoon Aadaa isaa, ibsituu maalummaa isaa kan taate kana qabatee\u00a0 hanga kufaatii Mootummaa abbaa irreetti deebisee guddifachuuf hiree dhorgamee ture. Qabsoon ummata Oromoo\u00a0Jaarraa lakkoofsise amma illee galii isa agahuu baatus, wal’aansoon aadaa Oromoo guddisuu kun itti fufee jira. Calaqqisiistuu Oromummaa Aadaa ta\u2019e keessaa tokko Irreechaa; sirna Galateeffannaa fi Waaqeffannaa Oromoo ti.<\/p>\n

Irreecha<\/strong><\/p>\n

Uummatni Oromoo saboota kaaba baha Afiriikaatti argaman keessaa isa tokkoofi saba guddaa, aadaa badhaadhaa qabu, dachee uumamaan badhate irra qubatee jirudha. Uummatni Oromoo duruma uumama isaa irraa kaasee sirna aadaa isaa ittiin geggeessu, amantii isaa ittiin ibsatu, barootaaf itti fayyadamaa kan ture, kan dhuunfaa isaa waan ta\u2019e sirna Waaqeffannaa kan qabudha.Oromoon waaqa isa dacheefi waan isa\u00a0 irra jiraatu akkasumas garaa dachee keessa waan jiru mara isa uume sanaaf jiruufi jireenya isaa guyyaa guyyaa\u00a0 keessatti iddoo guddaa fi ol\u2019aanaa kennee hawaasa jiraatudha. Sodaafi safuun waaqaaf qabus kanuma irraa madda jedhu hangafootni Oromoo.<\/p>\n

Uummatni Oromoo waaqa tokkichatti amana. Waaqni tokkichi kun dhugeeffata ykn fakkaatti kan hin qabne Uumaa Waaqaafi dachee kanaati jedha. Nama ta\u2019ee nama dhugaa kana shakku yoo arge Waaqni akka itti hin mufanneef Oromoon\u00a0 araara kadhataaf. Garaa isaa qulqulluu ta\u2019een waan kadhatuuf Waaqni isaa kunis ni dhaga\u2019aaf. Kanaaf, Oromoon Uumama Waaqaafi harka namaa ta\u2019an kamiinillee bakka Waaqaa buusee hin waaqeffatu garuu uummama kanatu gochaafi humna Waaqaa ibsa jedhee raajeffata. Kanaaf, Oromoon lageen, tulluuwwan, mukkeetii, gaarreewwaniifi wanneen kana fakkaatan itti hin waaqeffatu. Haala kanaan, Oromoon Waaqa Uumaa waa hundaa ta\u2019e kana bifaafi adeemsi ittiin waaqeffatuufi galateeffatu Irreechadha. Irreecha jechuun \u201cWaaqa tokkicha sana galateeffachuudha\u201d jedhu abbootiin.<\/p>\n

Galateeffannaafi Waaqeffannaa kan ta\u2019e Irreechi Sirna Gadaa Oromoo keessatti ibsamee iddoo guddaa kan qabuudha. Sirni Gadaa Oromoo waa hunda Oromoon dalagu, Aadaa, jireenya hawaasummaa, diinagdee hawaasichaa, Sirna Bulchiinsaa ykn\u00a0 Siyaasaa akkasumas, amantaafi wanneen kanaan walitti hidhata qaban\u00a0 sirritti ijaaramanii kan keessatti mul\u2019ataniidha. Haala\u00a0 kanaan Jaarmiyaalee sirna Gadaan ijaaraman keessaa\u00a0 Kan Aadaan Uummatichaa keessaan mul\u2019atu, beekamu, daddarbu Irreechi isa tokko. Haala kanaan Oromoon waaqeffata. Oromoon osoo amantaan kamillee biyya keessa hin seeniin bifa kanaan Waaqa tokkicha kadhata, galateeffata, kanaaf Oromoon Waaqeffataadha jedhu hangafootni.<\/p>\n

Irreechaa fi Uummata Oromoo<\/p>\n

Ayyaanni Galateeffannaafi Waaqeffannaa Irreechi Oromoo kun, falaasAmniifi ilaalchi Oromoon Addunyaa kana keessatti\u00a0 ittiin humna waaqaa ibsu, jireenya lafaa kana raajuu, dhoksaa yookaan iccitii jiruufi jireenyaa labataafi dabarsee ibsu ta\u2019ee fudhatama. Qacceen ilmoo namaa dachee\u00a0 kana irratti faca\u2019ee yeroo tokko du\u2019u, kan biraa ammoo cina isaatiin ka\u2019ee margee\u00a0 mullatu dhoksaan\u00a0 humna waaqaa kun adeemsa galateeffannaa ykn\u00a0 Irreeffannaa keessaan ibsama\u00a0 jedhee Oromoon amana. Iccitiin kun\u00a0 diinagdee isaa keessattillee ga\u2019ee ol\u2019aanaa qaba. Kanuma ibsuuf jecha\u201dYaa Waaqa, Baala Midhaan gootu, dhiiga Mucaa gootu, hooquba!\u201d jedhee ganama\u00a0 barraaqaan ka\u2019ee galateeffata. Wayita irreeffannaa keessattis sagaleen\u00a0 galateeffannaa kun irra deddeebi\u2019amee Waaqeffattootaan dubbatama.<\/p>\n

Jireenya Qonnaa keessatti abdii waaqaatiin Qonnaan bulaan sanyii midhaan isaa qooxii irraa fuudhee\u00a0 dacheetti facaasa. Waaqni roobaan lafa jiisee sanyiin biqilee\u00a0 baala ta\u2019a. Baala kanatu yeroo\u00a0 waaqni kaa\u2019e keessatti ija ykn firii baasee makaramee soorata namaafi horiif ta\u2019a.\u00a0\u00a0 Yeroon\u00a0 kun itti ta\u2019u wayita gannaa, dhoqqeen lafa kutee,\u00a0 lagni guutee, Cooreen wal cortee malkaa ce\u2019umsaa cuftee, huuriin lafa uwwisee, lafti dukkanaa\u2019eetti dha.\u00a0 Waqtii isaa eeggatee dukkanni ifa aduu bakka bu\u2019aa deemu, daandiin dhoqqaa\u2019ee deemsa dhorkate xuuxxatee deemsaaf mijatu, sanyiin faca\u2019ee biqilee baala\u00a0 ture hudhee, daraaree, dachee bareechee ijatti(firiitti) deebi\u2019u, asheetiin itti nyaatamu birraan yeroo irreechaa(galateeffannaa)ti. Oromoon \u201cBaga\u00a0 Booqa Birraa geessan\u201d jedha. Birraan, Waqtii dukkanni gannaa darbee abaabon dachee guutudha.<\/p>\n

Akka Qorannoon tokko ibsutti, uummattoota qonnaan jiraatan sulula Abbayyaa \u201cOsiris\u201d jedhama\u2026..Waaqa sanyii kuftee kaatuu\/agricultural cult of the dying and resurrecting sprit of plant life\u2026.\u201d Jedhamu Aadaa waaqeffannaa\/galateeffannaa\/ qabu turan. Adeemsi\u00a0 kun darbee darbee Aadaafi Amantii waliin kuushota durii sana keessatti raawwatamu,\u00a0 kaayyoo jireenya gaariifi hormaata tole qabaachuuf waan raawwatamu fakkaata. Haa ta\u2019u malee, wal fakkiin haala waaqeffannaafi Aadaan kun Oromoo biratti\u00a0 waaqa tolfamaa waaqessuu osoo hin taane waaqa tokkicha qofatti amanuu isaa ibsuufidha.
\nKun akkuma jirutti ta\u2019ee, Aadaan Irreeffannaa\/Osiris\/ durii kun irraa maddan qarooma kuushota naannoo sulula Abbayyaa(nile valley Cushitic civilization) ta\u2019uu hin oolu jedhamee tilmaamama. Haa ta\u2019u malee maddaa Aadaafi adeemsa Amantiiwwan kanaa kan ta\u2019eefi eenyutu eenyu irraa fudhate gaaffii jedhuuf qorannoo adeemsisuuf banaa ta\u2019a.<\/p>\n

Maaliif Irreeffatama?<\/p>\n

Akkuma olitti ibsuuf yaalame, waqtiin gannaa kan beekamu, rooba cimaa, daandiin irra deemanii gabaa dhaqan dhoqqaa\u2019ee, malkaan ce\u2019umsaa bishaanii guutee, lagnis gara malee guutee riqicha\u00a0 harkisee kuffisee wal argeen addaan itti citee\u00a0 turudha. Gama biroon immoo ,yeroo itti qonnaan bulaan maatii isaa waliin qonnaafi aramaadhaan itti qabamee boqonnaa malee dhama\u2019udha. Waqtiin\u00a0 gannaa, callaan mana keessaa itti murasatee, Oyiruun ammoo baala midhaan qotamee magariisa uffatee jirudha. Abdiin qonnaan bulaa gara firiitti jijjiiramee kan mullatu hoggaa\u00a0 midhaan baalaa sun hudhee, daraaraa facaafatee\u00a0 mullatu, birraa keessadha. Birraan bari\u2019uu, dukanni gannaa darbee wayita asheetiin ga\u2019ee ifni dhufu ta\u2019ee uummata Oromoo biratti fudhatama.<\/p>\n

Waaqtiin birraa, Baatii Fulbaanaatii kaasee, dacheen daraaraa Keelloo, tuufoo, hadaafi kanneen biroon asiifi achiin bareedee ija nama hawwata. Gama biroon ammoo, Oyiruun Qonnaan bulaa baala irraa gara firiitti jijjiiramee asheetiin midhaanii alaafi mana guutee, mana nama hundaa biratti mullata. Ijoolleen asheeta quuftee bajjii ykn hurufa keessa burraaqxi. Jiboonnii fi gorommiin hoo\u2019a birraa ganamaa gammadanii dirree keessa burraaqu, kormi loonii ni bookkiisu, Qotiyyoon hurufa keessatti wal jifatu, rimaan Arfaasaa guuttatte asiifi achii dhaltee jabbiin\u00a0 gorba keessaa mar\u2019atti.Oromoon haallan kana hunda keessatti iccitii humna waaqaa qalbeeffataa deema. Waqtii afraasaatti rooba bokkaaf kadhatamee, bokkaa isaaf roobsee midhaan magarsee marga horiif geessise ni galateeffatama. Malkaatti ba\u2019ee, dirree irra guutee\u201d Midhaan namaaf geessee, marga horiif geessee, baala midhaan gootee gombisaafi togoogoo koo guutee,\u2026..\u201d jedhee waaqa kan itti galateeffatu birraadha. Ji\u2019a Irreechaa, kan galateeffannaa.<\/p>\n

Birraan yeroo firrii fira isaa ganna haala hojii, jiruufi jireenya akkasumas haala qilleensaaf jecha wal irraa citee taa\u2019aa ture, kan nyaataa fi dhugaatii qopheeffatee, itti wal dubbisu, walgaafatu fi qe\u2019ee walii daawwatu. Fulbaanni ji\u2019a \u201cHiyyoo koo daree, ya habaaboo daree\u2026.\u201d Mallattoon Booqaa Birraa, ibsaan Masqalaa ba\u2019ee ayyaanni Masqalaa itti kabajamu. Dargaggeessi xomboora guuree Daamaraa Masqalaa gubee, Kormoomsaa daaraa masqalaa addatti dibatee, sirba masqalaa wal jalaa qabee sirbaa yiikkisee dhiichisu, shamarran dibbeen lafa goosan jaarsi biyyaa ija irraa hafaa, horaa bulaa jedhee naannoo ibsaa masqalaa dhaabbatee yeroo itti eebbisu dha. Kanaaf hawaasni Oromoo\u00a0 Waaqa waa hunda keessa isa dabarsee birraa hawwataa kanaan isa ga\u2019e Irreeffatee\u00a0 galateeffata.<\/p>\n

Irreechi Eessatti Kabajama?<\/p>\n

Akka amantaafi falaasama Uummata Oromootti, Uummamni hundi gochaafi humna waaqa isaan uume mullisu jedha. Iccitiin humna Waaqa tokkichaa karaa uumamoota kanaa ibsama. Kanaaf, Irreechi bifa aadaatiin sirna galateeffannaa fi kadhaa waaqaa taasifamu waan ta\u2019eef iddoowwan humni uumuu Waaqaa adda ta\u2019anii itti mullatan keessaa bakka lama ; Isaaniis Irreecha Tulluu fi Irreecha Malkaa\u00a0 jedhamu. Iddoon kun lamaan ballinaan waan ballina\u00a0 achitti kabajamaniif jecha malee akkaatuma lafa Oromoottii bakkeewwan biroon Irreeffannan itti raawwataman\u00a0 hin jiran jechuu miti.<\/p>\n

Irreecha Tulluu<\/p>\n

Irreechi Tulluu kan itti kabajamu jiini bonaa darbee yeroo bokkaan afraasaa itti roobuu qaba\u00a0 jedhamee eegamu keessattidha. Tibbi bonaa\u00a0 goginsaan beekama. Aduufi hoo\u2019a irraan kan ka\u2019e jiidhi lafaa gogee, margi qooree, bishaan\u00a0 cooreefi malkaa jiru hunda keessatti\u00a0 qal\u2019atee mul\u2019ata. Yoo gogiin\u00a0 kun dheerate horiis ta\u2019ee dhala namaa balaa irra buusa. Kun akka hin taaneef giddugala ji\u2019a Bitootessaatti hangafootni biyyaa wal waamanii akka seera isaatti naannoo lafaa bakka jiidha qaba jedhamutti\u00a0 yaa\u2019un\u00a0 harka isaanii gara waaqaatti qabanii \u201cJiidha nun dhowwatin, waqtiileen toora isaanii eeganii haa naanna\u2019an, qilleensa roobaa nuuf kenni, araar\u201d jedhanii kadhaa waaqaa\u00a0 taasifatu. Tulluutti ba\u2019anii waaqa tokkicha sana kadhatu. Sirni kadhaa kun Aadaafi falaasama amantaa kuushota duriin kan wal qabatedha jedhama.<\/p>\n

Irreecha Malkaa<\/p>\n

Irreechi malkaa kan adeemsifamu, wayita jiini gannaa darbuuf jedhu Baatii Fulbaanaa gara walakkaa keessatti dha. Jiini Fulbaanaa jalqaba Waqtii\u00a0 Birraa waan ta\u2019eef haalli qilleensa gannaa jijjiirama itti agarsiisu eegaludha. Kunis lafti\u00a0 xuuxxataafi sochiif mijataa, qilleensi duumessaafi huurrii ture ifaafi ho\u2019a aduu Birraan bakka bu\u2019aa deema. Dacheen daraaraa biqilootaan uwwifamtee\u00a0 bareeduu eegalti. Kanaaf, guyyaan\u00a0 irreechaa kun \u201cAyyaana Birraa\u201d jedhamee beekama. Guyyaan Irreechaa\u00a0 kun bakka tokko tokkotti ammoo guyyaa \u201cXaddacha saaquus\u201d ni jedhama. Kunis hoggaa dukkanniifi bacaqii gannaa darbee wal arguun itti danda\u2019ame jedhamee amanama.<\/p>\n

Kanuma irraan kan ka\u2019e Irreechi guyyaa\u00a0 galata Waaqaati jedhama. Galateeffannaa kana irratti namni hundi akkuma umurii isaatti uffata aadaa uffatee,\u00a0 dargaggoonni bareedanii, haawwanis, Wandaboo kuula bareedaan hojjetame irratti balees ta\u2019ee\u00a0 kaabbaa, calleefi dooqaan faayame uffatanii coqorsa\u00a0 jiidhaa, keelloo, hadaa, daraaraa qabatanii malkaa\u00a0 gamaa gamanaan wal ga\u2019anii Waaqa faarfatu, Maaramii galateeffatu, \u201cMaareewoo, Maareewoo…\u201djedhu. Haala\u00a0 kanaan, gara malkaatti yaa\u2019u. Abbootiin Gadaa, kallacha, bokkuu, marga, alangaa, jirma ykn ulee aangoo Gadaa ibsu qabatanii dura bu\u2019anii tooraan seeraafi hayyataan sochii gara malkaattii ta\u2019u sana geggeessu. Haalli uffannaa nama hundumaa bifa kabaja Waaqaa ibsuun ta\u2019a. Haawwaniis ta\u2019e\u00a0 shamarran mogalee gaditti uuffata dheeraa uffatu. Kunis \u201c Yaa waaqi nun soqolin, gaaddidduu kee nun dhowwatin \u201c jechuu dha jedhama.<\/p>\n

Malkaan Irreechi akka Oromiyaatti bal\u2019inaan itti kabajamu Magaalaa Bishooftuu bakka Hora Har-sadii jedhamuttidha. Magaalaan Bishooftuu, Hora adda addaan badhaatee bifa bareedaafi uumama taatee akka kan godhe bishaan hedduu waan qabduufidha. Kanumaaf naannoo bishaanoftuu waan jedhamu irraa ka\u2019uudhaan magaalaan kun Bishooftuu jedhamte jedhu Jaarsoliin Biyyaa.\u00a0 Horri harsadiis Horawwan magaalaatti marsanii jiran keessaa Malkaa Irreechaa beekamaafi bara dheeraan duraa kaasee itti Irreeffatamaa ture ta\u2019uu dubbatama. Harsadiin abbaa malkaa hora sanaa gosa Liiban keessaa kan ta\u2019e,\u00a0 harri kun maqaa\u00a0 isaarraa ka\u2019uun kan moggaafame ta\u2019uu jaarsoliin ykn maanguddoonni Galaan ni dubbatu.<\/p>\n

Oromoon golee Oromiyaa jiru hunduma irraa guyyaa Irreechaa kanatti seera guutee uffatee jiidha qabachuun\u00a0 Waaqa galateeffanna, ni kadhanna, Uumamaan uumaa isa ta\u2019e waaqa raajeffanna! jechuun\u00a0 Hora Harsadii magaalaa Bishooftuutti argamu kana\u00a0 deemee galata galchata. Hawaasni waggaa waggaan achitti\u00a0 argamu bara baraan dabalaa deemaa jira. Yeroo ammaa kana uummata miliyoona Afurii haga jahaa ol ta\u2019utu achitti argamee bara baraan kabajtaa jira. Irreechaan Oromiyaan duubattis, bakka Oromooti qubatan golee addunyaa mara keessatti akkaan kabajamaa jira. \u00a0Miidiyaaleen addunyaa beekamoo ta\u2019an kan akka BBC, Aljeziiraa, CNN fi kkf irratti hirmaachuu eegalanii\u00a0 ajaa\u2019iba jechaa jiru. Uummatni hagana baayyatu kun naamusaan marga qabatee malkaa Irreechaa sana ga\u2019ee, bishaan cuuphee morma isaa tuqsiisee umurii naa kenni, addatti buufatee\u00a0 na milkomsi yaa waaqi galata kee jedhee hoggaa ga\u2019ee deebi\u2019uu rakkoo tokko malee ta\u2019uun isaa Oromoon abbaa nageenyaa ta\u2019ee beekamuu isaati. Oromoon haala kanaan waaqa isaa galateeffatee mana isaatti hoggaa deebi\u2019u gosa nyaata adda addaa qopheeffatee, olla isaatiin baga ittiin si ga\u2019e jedhee waliin nyaate dhuga.<\/p>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"

Aadaan calaqqisiistuu maalummaa Uummata tokkooti. Uummatni tokko\u00a0 aadaa isaa keessaa saboota birootti, namoota birootti ykn naannoo birootti mul\u2019ata; ibsama, darbees beekama. Dhugaa ifa galeessa ta\u2019e kanaan, aadaa uummatni Oromoo gama hundaan qabu yoo ilaalle, Uummatni…<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"parent":8,"menu_order":0,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","template":"","meta":{"_oct_exclude_from_cache":false,"footnotes":""},"wppr_data":{"cwp_meta_box_check":"No"},"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/277"}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/pages"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/types\/page"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=277"}],"version-history":[{"count":3,"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/277\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":281,"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/277\/revisions\/281"}],"up":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/8"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=277"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}