Ayyaana Gorobbee irratti dubartoonni mana haadha isaaniitti walga\u2019an barcumarra utuu hintaa\u2019in dura handaqii yookiin gasaa afameefii lafa sirna kanaaf qophaa\u2019erra taa\u2019anii eebba fudhatu. Handaqicharra waan jiidha qabu kanneen akka margaa, ulmaayii, kusaayeefi kana kana fakkaatantu afama.<\/p>\n
Haati ijoollee ishee ayyaanicharratti waamtus nyaataafi dhugaatii aadaa kanneen akka aannan ho’aa, itittuu, buna qalaa, marqaa, cuumboo, qoriifi kan kana fakkaatan qopheessitee eegdi. Dubartoonni mana haadha isaanii dhaqanis akkuma humna isaaaniitti nyaataafi dhugaatii aadaa qopheessanii fudhatanii deemu. Ayyaana kanarratti haadha ilmoo argattes ta\u2019e kan hin argatin ni eebbisu; waaaqas ni kadhatuuf. Dubartii dhabduuf ammoo addatti kadhatuuf. Dhabduun sirna kanarratti eebba haaadhaa argatte ilma ni argatti amantiin jedhu cimaadha. Afata jiidha qaburra akka taa\u2019an kan taasifamuuf sababni guddaan isa kana.<\/p>\n
Haatis ijoollee ishee gara ishee dhufan akka hangafaafi eegoo (quxusuutti) dabareedhaan eebbifti. Yeroo eebbistus: \u201cJiidha argadhaa!, Horaa bulaa!, Dhalli keessan haa eebbifamu! fi kan kana fakkaatan jechuun eebbifti. Sirna kanarratti dhiirri kamiyyuu hin hirmaatu.<\/p>\n
Madda: Kitaaba Safuufi Aadaa, kan Kidaanuu Zallaqaatiin barreeffame<\/p>\n<\/div>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"
Gorobbeen ayyaana dubartootaati. Ayyaanni Gorobbee guyyaa haati tokko ijoollee ishee warra dubartootaa kan heerumanii bultii qabanis ta\u2019e kan hinheerumin bakka isaan jiranii waamtee itti gorsituufi eebbistuudha. Sirna kanarratti dubartoonni heerumanii ijoollee dubaraa godhatan ijoolleesaanii warra…<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"parent":14,"menu_order":0,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","template":"","meta":{"_oct_exclude_from_cache":false,"footnotes":""},"wppr_data":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/186"}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/pages"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/types\/page"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=186"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/186\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":187,"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/186\/revisions\/187"}],"up":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/14"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=186"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}