Deprecated: Required parameter $heading_type follows optional parameter $class_div in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php on line 245 Deprecated: Required parameter $heading_type follows optional parameter $class_div in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php on line 255 Deprecated: Required parameter $post_data follows optional parameter $sharing_type in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/tweet-old-post/includes/admin/services/class-rop-twitter-service.php on line 891 Deprecated: Required parameter $rop_auth_token follows optional parameter $sharing_type in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/tweet-old-post/includes/admin/services/class-rop-twitter-service.php on line 891 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/rest-api/class-wp-rest-server.php on line 1831 {"id":165,"date":"2017-02-07T14:53:12","date_gmt":"2017-02-07T14:53:12","guid":{"rendered":"http:\/\/www.waaqeffannaa.com\/?page_id=165"},"modified":"2017-02-07T14:53:12","modified_gmt":"2017-02-07T14:53:12","slug":"dhibaayyuu-sirna-eebbaa-fi-kadhannaa","status":"publish","type":"page","link":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/waaqeffannaa\/dhibaayyuu-sirna-eebbaa-fi-kadhannaa\/","title":{"rendered":"Dhibaayyuu: Sirna Eebbaa fi Kadhannaa"},"content":{"rendered":"
\n

Sirna Waaqeffannaa keessatti Dhibaayyuun iddoo guddaa kan qabuudha. Dhibaayyuu jechuun eebba ykn kadhannaa Waaqaa Oromoon Waaqa ofii ittiin kadhatuudha.Dhibaayyuun Oromoo garuu bakka hundatti akka tokkotti kan gaggeeffamuu miti. Dhibaayyuun Booranaa, fakkeenyaaf, kan naannoo Oromoo birootti \u2018Irreechaan\u2019 baay\u2019ee walfakkaata.<\/p>\n<\/div>\n

\n
\n
\"Sirna

Dhibaayyuu<\/p><\/div>\n

Sirni aadaa Waaqeffannaa Oromoo Booranaa, Dhawaa Dhibaayyuu, muka yaa\u2019a eebbaa ykn kadhaa Booranaa maraa ti. Kana \u00a0waanta\u2019eef Abboottiin Gadaa qajeelumaan yoo gooroo guutan kadhaan ykn eebbi isaanii milkaa\u2019ina uummataaf in ta\u2019a jedhanii amanu.<\/p>\n

Dhibaayyuu bahuuf dursa galmi jaaramuu qaba.Jila buttee dhaabuu doorii,doorii ardaa badhaasaatti jilatame akka armaan gadiitti ibsama.
\nErga jilli buttee dhaabuu jalqabamee, oolee bubbullee, sirbi guyyaa Saddeetii (8) xumuuramee dooriin bantii haaddatee booda, dhibaayyuun jalqabdi.<\/p>\n

Guyyaa jila dhibaayyuu ganama ka\u2019anii osoo loon moonaa hinboobbahin Abbaa korma Buttaa Buuranii itti dhaabbatan.<\/p>\n

Buuranii jechuun mi\u2019a aadaa kan jaarrotiin mormatti keeyyattu yoo ta\u2019u, guyyaa kana karra loonii duratti, abbaan kormaa butumee dura taa\u2019ee namuu buuranii qabatee dhufee itti kenna.Kennaa kanaan \u2018itti dhaabatan\u2019 jedhama.<\/p>\n

Oromoon Booranaa kennaa kana yoo kennu; eebba, hormaataafi bultuma akkana jechuun kadhata: \u201cbuuran kormaa sitti dhaabbadhaa, kormaa goromsaan na horsiisi\u201d!Yoojedhan, abbaan kormaa\u2019immoo \u201ckormaa, goromsaan horii\u201d jedhee eebisa.Buurana kana abbaan kormaa guyyuma kana irraa eegalee mormatti hidhata.<\/p>\n

Oromoon Booranaa wayta wal\u2019eebbisu, \u201cWaaqnii jaarsa morma buuranii sihaagodhu\u201d jedhee kan wal\u2019eebbisuf sababaa kanaafi.Maarree nutis \u201cJaarsa morma buuranii ta\u2019aa\u201d Jenna.
\nKorma Buttaatiifi Buttee duraan Galma keessatti dhibaafachaa turan, gara moonaa dhibaayyuutti geessu.Asirratti wanti hubatamuu qabu, moonaan dhibaayyuu itti bahan ala waanta\u2019eefidha.<\/p>\n

Maaliif jennaan warra keessatti namni dubbachuu danda\u2019a ykn ijoolleen dubachuu dandeessi waanta\u2019eef, bakka namni biraa hinjirre callisaan taa\u2019anii qalbii tokkoon waaqa ifii kadhachuudhaafidha.<\/p>\n

Akkasumas akka jecha Booranaatti, \u201cOnnee qulqullittiifi Wayaa qulqulluun waaqa kadhatuu\u201d jedhama.<\/p>\n

Achiin booda niitiin warra dhibaayyuu bahuun foduumoonaa keessaafi foduu butumee duubaa haratti.<\/p>\n

Abbootiin Gadaa dhibaayyuuf yoobahan, osoo loon moonaa ciisanuu, moonaa keessa bahuun butumee dura taa\u2019ee, waan aadaan qabaachuu maltu, mi\u2019a aadaa kan akka waddeessaa qumbii fiixeetti hidhee, dhaadhaa baafatee, wayaa aadaa qofa uffatee, fuula ila boruutti(kallattii bahaatti) deeffatee taa\u2019ee, haadha warraa isaa eega.
\nElelleen (niitiin) isaa ciicoo dhibaayyuutti aannan naqattee, dhadhaa dhirsa dhibaayyuu deemu muuddu qabattee dhuftee, dhirsaa dhadhaa muuddiif.Ciicoo dhibaayyuu dhirsatti kenniti.<\/p>\n

Yeroo dhadhaa muuddu akkana jettee muuddi, \u201choo buulensa\u201d jettee muuddi.Innis akkana jedhee deebisa, \u201cbutteen bulaa sihin dhabin, bulee moonaa hindhabini\u201d jedhee eebbisa.<\/p>\n

Namni jila dhibaayyuu bahu waddeessa qabatee fiixeerratti qumbii bututtuun hidhee, ciicoo dhibaayyuu fudhatee, ruufa mormarra godhatee, qumbii biifatee niitii isaatiin karra loonii foduu haramte duratti, dhadhaan muudama.
\nErga dhibaayyuun muudamtee booda namuu ciicoo\u2019ofii fudhattee gara moonaa dhibaayyuuti sirriiqa.Yoo deeman kana warri bakka lamatti walqooda.Moonaa dhibaayyuu kanatti, dhibaayyuufi sirbillee walfaana waan deemuuf,warri hayyuufi namoottan dhibaayyuuf qoodaman gara moonaa dhibaayyuu sochoo\u2019u.<\/p>\n

Warroottan sirbaaf qoodaman immoo yoodhibaayyuun xumuuramtee moonaa dhibaayyuu seeneen sirba dooromaa ka\u2019umsa duraa eegaleeti kaan sirbuu jalqaban.
\nIsaan hundii waleeganii \u2018fororee\u2019dhawachaa deemuu, akkana jechuun;
\nHoo fororee infororee —————————————————–hoo
\nFororsaan roobee————————————————————hoo
\nRoobee laga yaasee———————————————————-hoo
\nMadda gabbisee————————————————————-hoo
\nMaddoo arise—————————————————————-hoo
\nAreedaa nuu bulchee———————————————————————————–hoo
\nJechuun waljalaa qabaa faarsa moonaa dhibaayyuu gahu.Yeroo achi dhaqqaban fororee faarsuu dhiisanii, namni dhibaayyuu dhufu hundii Gaangelee (qophee) yaafatee walduraa duubaan balbala moonaa dhibaayyuutti fuula deebi\u2019ee, hayyuufi bokkuun duubaan akkaataa hangaftittiin taa\u2019ee,akkasumas, makalii duraan walduraa duuban taa\u2019uun muratu.<\/p>\n

    \n
  • Dhibaayyuun moonaa dhibaayyuu duratti muratu.<\/strong><\/li>\n<\/ul>\n

    Haay haay, waaqa Dooriin yaasi____________________yaasi
    \nDoorii lubaa bulchii_______________________________________bulchi
    \nDubbii murteessi__________________________________________murteessi
    \nDheengee urgeessi________________________________________urgeessi
    \nCollee urgeessi____________________________________________urgeessi
    \nWaaqi robe__________________________________________________________roobe
    \nLafa sugeessi________________________________________________________sugeessi
    \nKormaa fi goromsaa horsiisi_____________________________________horsiisi
    \nNuu kaayoomsi_____________________________________________________kaayomsii
    \nAkkanaan warri adulaa jedhaman walirra marsanii yoofixan,moonaa dhibaayyuu seenanii, akkaatuma jalqaba tahan kaaniin tahan.Jaarsii mana galmaa sadeen (3)n bitaan taa\u2019uun aadaa dhibaayyuu qajeelchu.Dhibaayyuu warra waliin dhawata.
    \nJila butte dhaabuu Doorii kan Abbaa Gadaa kuraa Jaarsoon durfamuu, dhibaayyuun hamma kan Gadaa kaani hingeessu.Moonaa dhibaayyuu seenanii tartiibaan taa\u2019anii \u2018hoyoyyoo\u2019jilaa qofa dhawatu.<\/p>\n

      \n
    • Moonaa dhibaayyuu<\/strong><\/li>\n<\/ul>\n

      Maaliif jennaan sadarkaa dooriitti yeroo jalqabaaf dhibaayyuun amma jalqabdi.Hamma warri keessaa baratutti dhibaayyuu salphoo dhibaafatu.Jila dhibaayyuu \u2018hoyoyyoo\u2019jilaan jalqaban.
      \nYoo hoyoyyoo jilaan haa_____________________________________________haa, haa, hee
      \nWaddeessii gadaa qaraa yoo hoyoyyoo jila_______________________haa ha hee
      \nMataan bututtuu qabaa yoo hoyoyyoo jilaa______________________haa ha hee
      \nBututtuu sunittii qumbii qabaa yoo hoyoyyoo jilaa____________haa ha hee
      \nQumbii sunitti ilmoo qabaa yoo hoyoyyoo jilaa _______________ haa ha hee
      \nIlmaa intala qabaa yoo hoyoyyoo jilaa—————————–haa ha hee
      \nJiloon aaba naa dhaamee yoo hoyoyyoo jilaa_____________________haa ha hee
      \nAabba akaakuu dhaamee yoo hoyoyyoo jilaa_____________________haa ha hee
      \nAn ilma kiyyaa dhaamee yoo hoyoyyoo jilaa____________________haa ha hee
      \nJila hinoolline jedhaa yoo hoyoyyoo jilaa_________________________haa ha hee
      \nOolchaa hindhabina jedhaa yoo hoyoyyoo jilaa___________________haa ha hee<\/p>\n

      Jilaa hoo——————————————————————jilaan nadeemaa hoo
      \nNageennii horaa hoo—————————————————ardaan nagayaa hoo
      \nHoriin nagayaa hoo—————————————————-dhagamsaan gobaahoo
      \nGadaan tun roobaa hoo———————————————-gobaafi Geerarsaa hoo
      \nRoobaa fi nagayaa hoo————————————————ollaan nagayaa hoo
      \nGolilleen nagayaa hoo————————————————-hoo hoyoyoo jilaa
      \nJiloon jila guutattee yoo hoyoyyoo jilaa__________________________haa ha hee
      \nAadaa jila guutattee yoo hoyoyyoo jilaa___________________________haa ha hee
      \nSaqaa harka guutattee hoyoyyoo jilaa_______________________________haa ha hee
      \nCiicoo mijuu guutattee hoyoyyoo jilaa____________________________haa ha hee
      \nUlfaataa manxafattee hoyoyyoo jilaa——————————–haa ha hee
      \nUlfaan bokaayaa roobee hoyoyyoo jilaa—————————-haa he hee
      \nUlfaan ilmaa dhalatee hoyoyyoo jilaa——————————-haa ha hee
      \nUumamaan ariifadhuu hoyoyyoo jilaa——————————haa ha hee
      \nDhalootan fulaa gayii hoyoyyoo jilaa——————————-haa ha hee
      \nGuddinnaan ariifadhuu hoyoyyoo jilaa—————————–haa ha hee
      \nBultumaan fulaa gahii hoyoyyoo jilaa——————————————-haa ha hee
      \nBulee gaamaruu ta\u2019ii hoyoyyoo jilaa——————————————haa ha hee
      \nDhibaayyuun moonaa guutee hoyoyyoo jilaa——————————–haa ha hee
      \nDeebanuun moonaa guuttee hoyoyyoo jilaa———————————haa he hee
      \nDhibaayyuun mootii jilaa hoyoyyoo jilaa————————————–haa ha hee
      \nJila mootii waaqayyoo hoyoyyoo jilaa——————————————-haa ha hee
      \nJilaa hoo———————————————–jilaan naa deemaa hoo
      \nNageenni horaa hoo horiin————————horoiin nagayaa hoo
      \nGadaan tun roobaa hoo—————————-roobaafi nagayaa hoo
      \nArdaan bultumaa hoo—————————-ollaan nagayaa hoo
      \nGadamsan goobaa hoo—————————–goobaafi geerarsaa hoo
      \nGolilleen nagayaa hoo——————————hoo hoyoyyoo jilaa
      \nJiloon araddoo nuuraa yoo hoyoyyoo jilaa—————————–haa ha hee
      \nJiloo balbaltii dhibbaa yoo hoyoyyoo jilaa——————————haa ha hee
      \nAndaqaan laallee dhibbaa yoo hoyoyyoo jilaa————————-haa ha hee
      \nBalaanbali xayyiin dhibbaa yoo hoyoyyoo jilaahaa——————–ha hee
      \nDhibbaa namayyoo horii hoyoyyoo jilaa——————————–haa ha hee
      \nHoriin daari bahii yoo hoyoyyoo jilaa———————————–haa ha hee
      \nHoraa nagayaan galii yoo hoyoyyoo jilaa—————————–haa ha hee
      \nJiloon aaba galalee yoo hoyoyyoo jilaa———————————–haa ha hee
      \nGalalchi maxxaarrii yoo hoyoyyoo jilaa———————————-haa ha hee
      \nMaxxarrii qalloo waayyuu yoo hoyoyyoo jilaa————————–haa ha hee
      \nQallina kan hinlaalini yoo hoyoyyoo jilaa —————————–haa ha hee
      \nSunumaan ca\u2019ee buusaa yoo hoyoyyoo jilaa—————————–haa ha hee
      \nJedhuun eebifatan.\u2018Hoyoyyoo jilaa,\u2019 yoo dhibaayyuu qofa osoo hinta\u2019in yeroo ijoollee mqaa baasanillee nidhawatu.Garuu yeroo jila butte doorii kana qofa dhawatu.Dhawacha tana addaan hinkutan.Haga dhibaayyuun galtuttii ittuma fufu.
      \nGara qootii deemanii akka yooganamaa karaa moonaa dhibaayyuu deeman, fororee dhawachaa qootii irra maran.
      \nInfororee infororee, fororsaan roobee,
      \nRoobee laga yaasee infororee, fororsaan roobee
      \nIlmee laguu yaasee infororee, fororsaan roobee
      \nMadda nuu gabbisee infororee, fororsaan roobee
      \nMaddii nuu arreesse infororee, fororsaan roobee
      \nArreedaa nuu bulchee infororee, fororsaan roobee, jechaa fulaa qootii yoo dhaqaban waddeessa walitti kenatan. Waddeessa yoo wal\u2019irraa fuudhan, nami gara qootii deebi\u2019u waddeessa mataa qabatee akkas jedha;
      \n\u201cMoonaa fadii
      \nFadii diida buuse,
      \nHorree diida baane,
      \nGooroo marmaari,\u201d jedhanii wal\u2019 eebisaa waddeessa wal\u2019irraa fudhan.
      \nDhibaayyuun yoobaatu waahundaa afaan seedan, waan hundaa maqaa biraan yaamu.
      \nYkn dhibaayyuun amala ofdanda\u2019e qabdi.Fkn,namii dhibaayyuu tokkolleen hidhaa hinkeeyyatu \u2018soqolee, ooblatee\u2019 jedhan ykn wayaa qofa huyyifatan.
      \nDubartiin walitti hin dhiyaatan.ykn qunnamtii saalaa dhowwa.
      \nYoo fiincawan qaama saalaa hinqabatan.
      \nOl\u2019ejjaan(dhaabbatanii) hinfinca\u2019an, gadtaa\u2019aniifincaa\u2019an malee.
      \nFulaa dhibaayyuun oolan namii dhibiin keessaa hinbahuu.
      \nWaan heddu maqaa jilaa kanaan waamu malee, maqaa biraan (sirriin) hinwaamani.<\/p>\n

      Fkn
      \nNadheeniin \u201celellee\u201d
      \nLooniin \u201cleennoo\u201d jechuun yaamuu.
      \nRe\u2019een \u201csaasoo\u201d
      \nAgaraan \u201ckaltuu\u201d,
      \nBillaan \u201csuluudaa\u201d,
      \nNafa dhiiraatiin \u201cejersa\u201d
      \nNafa dhalaan \u201charoo\u201d jedhanii waamu.Haala kanaan afaan sedan, yeroo turtii dhibaayyuu hundaa.
      \nEegaa dhibaayyuun moonaa dhibaayyuuttii dhibaafachaa jirtu kan eeleelleen ykn nadheen dhibaayyuu tanaa talboo jedhanii, aannan okolee hidhaa dhirsaa kan aadaa gubbaa ka\u2019an qabattee gara moonaa dhibaayyuu fidi.<\/p>\n

      Yoodhuftu moonaa dhibaayyuu hinseentu.Akka fakkii kanarraa argitan kana elelleen talboon dhuftee moonaa dhibaayyuu dura dhaabbati.Wannii adiin elelleen harkaa qabdu tun hidhaa dhirsaati.Aadaan talboo dhuftuun hidhaa irra keette.<\/p>\n

      Ala dhaabbattee namni luba warra doorii kana tahe qoftii talboo irraa fuudhee kophee yaafatee moonaa dhibaayyuu seenee dhibaayyuutti kenna.Yeroo kennu kana akkana jedhee ittii kenna \u201c, hoo sii gumaachaa,\u201dyoojedhu, \u201cdhibaayyuu bonaa gannaa gumaachi\u201d jedha, irraa fudhatee namni hundii dhugaa hoo sii gumaachaa jechaa walirraa marsaa.Yoodhuganii deebisan;<\/p>\n

      \u201cKormaan galte waareen,<\/p>\n

      Mamarratte waareen\u201d<\/p>\n

      Kee jaaladhu\u201d jechaa walirraa fuudhu.
      \nEega dhibaayyuun kadhaa nagaa, bokkaa, marraa-bishaaniif yaamatan, namaa-sa\u2019aaf kadhatu, diqqaa-guddaaf kadhatu,akka loon gabbatanii rimaa\u2019an kadhatan, milkaa\u2019ina kaayyoman diina irratti olaantummaa akka argatan waaqa kadhatan. Kana qofaamitii,\u201csugaafi bokkaa\u201d akka argatan galma jaaranii waaqa\u2019ofii yaammachaa jilatu (Jaatani Diidaa, 2014).
      \nDhibaayyuun doorii tunniin bultii kudhan itti fuftti.Bulitii kudhaniin booda guyyaa tokkoof dhibaayyuu manatti bahan.Walumaa galatti dhibaayyuun onnee qulqullittiin waan waaqa kadhataniif qulqulummaa guddoo barbaaddi.<\/p>\n

      Wanni surree hinkeeyyanneef qulqulumaaf.Wanni elelleen ykn nadheen moonaa dhibaayyuu hinseeneef qulqulumaaf, maaf jennaan aadaa huwwaa(hawwaa) fa\u2019a qabaachuu waan dandeettuuf, moonaan tun immoo moonaa qulquloo waan taateef, dhowwamti.<\/p>\n

      Akkasumas yoo dubartiin gara namaa dhufte yaadni namaa fedhuu fa\u2019a waan danda\u2019uuf, qalbiin namaa akka tokko taatu gochuuf yaadameetidha.
      \nAsirratti wanni beekamuu qabu dhibaayyuu moonaa keessa jirtu ummatni keessummoomaa ykn galata himataa dhufuufi namnii daawwiif yaa\u2019u moonaa dhibaayyuu kana marsee dhaabbata.Waldorgommiin galataa(duulli nafiladhaa) asitti geggeefama.Duullikun \u2018baanattoo\u2019jedhama.<\/p>\n

      Akkuma beekkamu hayyuu adulaa, hayyuu meedhichaafi garbaa yeroo hundaa gama gosaatiin duulli nafiladhaa ni geggeefama.<\/p>\n

      Warraa alaa dhufe qofa osoo hinta\u2019iin olla doorii kan keessaattii namii filannoo dhufuuf qophaa\u2019u hedduu ka qubatee jiru.kun hunduu bakka kanaattii dorgommii jalqaba.<\/p>\n

      Booranatti hayyuu dorgomuuf gosa, abbaafi ilmaan walgargaaran, namni gosaan alaa hingargaaru.
      \nWaa\u2019een filmaata hayyuu waan uummanni Booranaa, horatti, gabaatti, eelaattifi bakka walargan maratti irratti dubbatuuf dhimma biyyaati.Gosa tokko keessaa namii filatamuu fedhu, heddutu jira.Dhimmikun immoo deegarsa argachuuf jecha falmii guddaa kaasa.<\/p>\n

      Garuu falmii kana, kan murteessu gosti isaan keessaa dorgoman sun, akka gosaatti gadifageenyaan taa\u2019ee ilaaluun eenyutu moo\u2019a, eenyuttu goota, eenyutu obsaadha, tolaafi nama araaraa ta\u2019uu danda\u2019a.<\/p>\n

      Eenyutu Seera, Seenaafi Aadaa beekaa.Isakamtu dandeettii dubbattanii amansiisuu, Safuu uummataa eeguu danda\u2019aa jedhee, gosaan madaalamuun, abbaa gosti itti waliigaleen gara Gadaafi doorii dhufu.Asiti, galata nuufuudhaa geggeessan.<\/p>\n

      Duulli filmaataa Kun waan abbootiin ijoollee filatamuuf walmorkatan fakkaatu.Garuu ofiif miti.Ijoollee ofiif duula geggeessu. Yoo galata himatan waan namnii galata himataniif Kun ittiin filamuu danda\u2019u jajjabinna isaa akkasumaas seenaan abbaa isaa akkam akka ture ni ilaalama.<\/p>\n

      Fakkeenyaaf, Abbaan akkana jechuun ilma bakka bu\u2019ee dorgoma.Maqaan jaarsa kanaa Halakee Bukunee jedhama.Akkanatti ijoollee isaatti hayyuma dhawa.Ani Booranaa beeka; Booranni nabeeka, luba ammaa yuuba kan liiban jaldeessaa fa\u2019a namnii aangoo itti keenne warra keenyaa.<\/p>\n

      Booranni nu amanee Gadaa abbaa hedduu aangoo nutti keennera.Ammas akka nutti kennu hinmamu.<\/p>\n

      Mucaan keenya qaroo qarooma isaa booranni ni beeka, jabaa, seeraafi aadaa eega, laduu eega, goota, gosa danda\u2019a, Boorana mara danda\u2019a, Boorana bira dabree Oromoo balloo danda\u2019a.<\/p>\n

      Dirqama Oromoon itti kennee nama sirriitti raawatu, warra isaa boorannii itti guutee gannama.<\/p>\n

      Nama dheebuuf beela itti obsan nama ummata danda\u2019udha.Aadaa beeka, duudhaa beekaa,beekee qajeelcha.<\/p>\n

      Nuwaan ummatni nugaafatu hirdhifnee hinbeeknu, jaarsi keenyaa,yuubii keenya,laduun teenya,raabii keenyaa, ulfina Booranaa fudhannee hinrafnuu.Boraannii dhufee hojii nuuhinyaamu,durabaana nusooreyyiidha, dura malee duuba hindeemnu.<\/p>\n

      Maqaa waaqaatiifi maqaa dhibaayyuu tanaatiin isin kadhadhee ilma keenya galata isaa nuu fuudhaa nuudhalaa jedhee galata himata.Garuu asitti warrii dhibaayyuufi yaa\u2019ii doorii Kana\u2019irra barbaadatan waaqni sittihinka\u2019in qofa jedhan.Dhibaayyuun akkuma sirbaa kaan guyyaa dhumaarratti ruddiin baate.<\/p>\n

      Guyyaa kudhaneessoo kaan ruddiin\/cokoo\/ baattee eebbifamte galte.Guyyaa kudhatokkeessoo dhibaayyuu manaa bahan.<\/p>\n

      1.Dhibaayyuu Manaa<\/strong>
      \nDhibaayyuun Alaa guyyaa kudhan (10) turee; guyyaa kudhatokkeessoo dhibaayyuu manaatti tolfatu\/rawwatu.Dhibaayyuun Manaa akkuma dhibaayyuu kaanii kadhannaa waaqaatiin kanwalmake, sirni nyaataafi dhugaatii manaa, manatti geggeefama.<\/p>\n

      Manni itti geggeefamu kun mana namni dhibaayyuu keessaa bahe qofa. Kadhannaa kanaaf, akka yeroo ayyaana kaanii mana\u2019irra deemanii waadhuganii wal\u2019eebbisuun gammachuun walsimachaa dabarsu.Nyaata, dhugaatiifi quufaaf sirriitti qophooftee dhibaayyuun jilaan oolte.<\/p>\n

      2. Korma Miingaa<\/strong>
      \nKormii Miigaa, korma obbaatii jila dhibaayyuutiif qalamuudha.Akkuma dhibaayyuun manaa xumuuramteen borii\/boromtuu korma obbaatii jila kanaa Abbaan Gadaa fiixee diorama\/obboroon ka\u2019ee qala.<\/p>\n

      Namni hundii haaluma duraa duubaatiin dhufee ariirratee loon qalamee foon isaa nyaatama.Korma miiggaa irratti warri hayyuu murachuun hinjiru.Kormi miigaa kan\u2019qalamuuf, obbaatii jilaa Sirba dooromaafi dhibaayyuutiif jedhamee akka aadaatti qalama.<\/p>\n

      Garuu obbaatii jila duraan tuqame kana malee jila guddaan dhibiin\/biraa duubatti hafuun\u2019isii beekamuu qaba.<\/p>\n

      3. Gargalfattoo Ardaa Jila Buttee<\/strong>
      \nJila buttee kana keessatti Aadaa jilaa kana bakkuma qubatan sanatti jila cufa walgula\/faana hintolfatan.Aadaaf ardaa garagalfatan qe\u2019eetti jila biroo raawwatan. Ardaan kun ardaa korma itti gadhiisan jedhama.<\/p>\n

      Korma buttaa duraan waabatti galchanii nyaachisaafi obaasaa turan ardaa kanatti gadhiisan.Oromoon Booranaa akkuma beekkamu ardaa tokkoo; gara ardaa biroo godanuun sirna jilaa raawwata.<\/p>\n

      Maaliif jennaan, lafa tokko irratti qubatee erga wayyoomsee booda, ammas gara lafa biraa deemee qubatee wayyoomsa.Dooriin Booranaa ardaa badhaasaatti jila geggeefataa.Gargalfattoo kana irratti bakka jilaa kanduraa irraa gara kibbaatti godaanuun jilatu.<\/p>\n

      Aadaaf godaanan malee, godaantiinkun fageenya hinqabdu.Godaantiin warraa fageenyaa 200m hincaaltu.Yoo godaanan akkaatuma ardaa butteetti waliin qubatan sanaan asittillee qubatu.<\/p>\n

      Korma buttaa akkuma duraanii waabaa namni keessaan arguu hindandeenye jaaranii itti galchan.Bultii xiqqoon duubatti karrabbaanbuttaa qalu.<\/p>\n

      Karaaba jechuun sangaa jechuu.Kanaafuu ardaa kanatti karrabbaan buttaa abbaan warraa hundiinuu niqalata.Namnii sangaa ykn karaaba hinqabne hoolaa qalata. Karaaba yoojennu horiin qalamu kun dirqama karaaba ta\u2019uu hinqabu.
      \nKaraaba aadaaf haajedhani malee jibichaa, kormaafi hoolaa ta\u2019uunidanda\u2019a. Karaabbaan kanqalatan, eebbifatanii foon nyaachaa oolanii, guyyaa mataa haaddatan.Warri doorii duraan mataa hin\u2019haadatu.<\/p>\n

      Mataa osoo hinhaaddatin kanturan kaan\u2019immoo guyyaa har\u2019aa kana ofirraa buusuu (haadatu).Abbootiin warraa hedduun isaani har\u2019a mataa haadatu.<\/p>\n

      Elelleen dhirsa yoo mataa haaddu<\/strong>
      \nMataa kana yoo haaddan akkaataa duraan mataan itti haaddamu osoo hinta\u2019in bifa jilakanaatiin haadama.<\/p>\n

      Dursa bishaan qoriitti naqani,qumbii keessa buusuun, aannan xiqqoo itti cobsanii mataan dhiqatan.Achiin duuba elelleen (haatii manaa) isaanii haaduu qabattee akka fakkii irraa kanatti haaddiif.<\/p>\n

      Namni asirratti rifeensa mataa hinhaaddanne Abbootii Gadaa Sadeeniifi nama hayyuu meedhichaa barbaaddatu kan ollaa kana keessa qubatee jiruu qofa.Namni hayyuu meedhichaa fudhatu guyyaa kana mataa haaddadhuu yoojedhameen, hayyuu barbaadachuu dhabdee jechuu.<\/p>\n

      Hayyuu sihingoonuu ergaa jedhu ofkeessaa qabda.Abbootiin Gadaa Sadeen (Arboora, Hawaxxuufi Koonnituu) gaafa hayyuu lallabatan, warra hayyuu lallaban (muudan) waliin mataa haaddatu.<\/p>\n

      Kanaaf har\u2019a mataa jara kana waliin hinhaadanne.Yoo mataa haaddatanii xumuuran, boriyyaa\/boromtuusaa korma buttaa gadhiisan.Korma bultii 30 oliif dhoksanii nyaachisaa turan har\u2019a gadhiisan.Korma kana duraan wanni hidhaniif diinaan ofirraa ittisuuf hidhan.<\/p>\n

      Haalli kun barmaatiilee ta\u2019ee itti fufe.Yoo gadhiisan kana kaattoo waliin Abbaa kormaa ykn abbaa durii irraa fudhatanii galchaniif.<\/p>\n

      Kaattoon abbaa korma kanaa korma waliin kennaniif akka aadaatti loon 30 ta\u2019a.Doorii kana irratti Abbaan kormaa loon 30 muraniif aadaan kadhatan loon kudhalama(12) kennaaniif.<\/p>\n

      Guyyaa kana korma buttaa moonaa keessaa baasuun namnii dhiiraa hundii waraana harkatti qabatee, korma dhibii\/biraa kan alatti qalan waliin moonaatti oofan.Namni hundii waraana fudhatee duula fakkaatee korma ofdura oofaa gara alaa deemuu.<\/p>\n

      Maaliif jennaan dur durii korma buttaa kanaan waan duulaniif yeroo ollaan walitti horme, olaantumaan diina irra aanuuf korma kanaan duulan.Yoo sirna kana raawwatan diina irra aananu jedhanii amanu.<\/p>\n

      Amma immoo aadaan duulaa sun badee, aadaa duulaa Sana fakkeessuun akka duulaa alatti bahanii deebi\u2019anii; korma loon kaattoo waliin abbaa kormaatti Kennan.
      \nGalgala moonaa bahanii alatti korma biroo kanwaliin oofan qalatanii nyaachaa ala bulanii, obboruusaa\/ganama achumaan korma buttaa oofaa warra irraa faggeessanii uchuma aadaa buufatanii eebbifatanii gadiin deebi\u2019u.Yoo galaniin kaattoo loon kennameef sana waliin kennaniif abbaa kormaati.
      \nYoo alatti bahan Abbaan Gadaa balbalatti lallaba.Balbala duratti lallabuun waan mallattoo gaafa duullii jiruu kan muldhiftu waan taateef amma immoo balbalatti korma gadiin bahanii deebi\u2019u.
      \nAchiin booda korma obbaatii jilaa qalatanii eebbiifatanii waraana garagar keeyyatan.Waraana gargar keeyyatan jechuun gargar godaanu jechuudha.<\/p>\n

      Yeroo kana Abbootiin Gadaa walitti dhufuun, Abbootiin Gadaa Hawaxxuufi Koonituu Abbaa Gadaa Harbooraa yaamanii \u201cjaala Gadaa naa kenni\u201djedhaniin.Inis \u201cGadaa sii hin kennuu; damee siikennee\u201d jedha.
      \nJechii \u201cGadaa naakennii\u201djedhuufi \u201cDamee siikennee\u201djedhu Abbaan Gadaa kan ibsuu, kan waldhabbii hinqabne aadaan walirraa godaanan, eebbaafi diimokrasii ofkeessaa waan qabuuf, muraan isaanii akka kan Abbaa Gadaa Taatuu, bara gadooma isaanii mirkaneesseef fulaa\/eddoo saditti(3) bahanii jilatan.<\/p>\n

      Aadaa goggeessi tokko akka kanaan Gadaa sadeen(3)n ta\u2019ee gargar godaanuu kun,waan mittoo irraa dhufeedha.(Jaatani Diidaa,2016)<\/p>\n

      Madda: Bonayyaa Diidoo (Un published Paper\u00a0)<\/span>; Biiroo Aadaafi Turiizimii Oromiyaa<\/p>\n<\/div>\n<\/div>\n","protected":false},"excerpt":{"rendered":"

      Sirna Waaqeffannaa keessatti Dhibaayyuun iddoo guddaa kan qabuudha. Dhibaayyuu jechuun eebba ykn kadhannaa Waaqaa Oromoon Waaqa ofii ittiin kadhatuudha.Dhibaayyuun Oromoo garuu bakka hundatti akka tokkotti kan gaggeeffamuu miti. Dhibaayyuun Booranaa, fakkeenyaaf, kan naannoo Oromoo birootti…<\/p>\n","protected":false},"author":1,"featured_media":0,"parent":6,"menu_order":0,"comment_status":"closed","ping_status":"closed","template":"","meta":{"_oct_exclude_from_cache":false,"footnotes":""},"wppr_data":[],"_links":{"self":[{"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/165"}],"collection":[{"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/pages"}],"about":[{"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/types\/page"}],"author":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/users\/1"}],"replies":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/comments?post=165"}],"version-history":[{"count":1,"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/165\/revisions"}],"predecessor-version":[{"id":166,"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/165\/revisions\/166"}],"up":[{"embeddable":true,"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/pages\/6"}],"wp:attachment":[{"href":"https:\/\/www.waaqeffannaa.com\/wp-json\/wp\/v2\/media?parent=165"}],"curies":[{"name":"wp","href":"https:\/\/api.w.org\/{rel}","templated":true}]}}