Seenaa Gabaabaa Ob Hundasaa Waaqwayyaa (1961-2019)

Obbo Hundasaan abbaa isaa obbo Waaqawayyaa Lammeessaa fi harmee isaa adde Nagaasee Haroo irraa bara 1961, godina dhiha Shawaa, aanaa Midaa Qanyi, gammoojjii naannoo Obbee jedhamee beekamutti dhalate. Obbolaa dhiiraa sadii fi dubra lama qaba. Naannoon Midaaqeny jedhamtu dur Aanaa Calliyaa jala kan turte Magaalaan Geedoo jedhamti. Barumsa Fidala (qubee) qeesii baka Bixxillee jedhamtu irraa kaasee, Geedoo fi Amboon dabalatee rakkoo hedduu keessa darbuun mana barumsaa isaa sadarkaa lammaaffaa bara 1980 tti
xumurate.

Bara 1981 irraa hanga 1991 tti ganduma keessatti dhalateetti deebi’ee barsiisummaan tajaajilaa ture. Bara mootummaan dargii kufee dhaabni ABO biyya seenutti Obbo Hundasaan fedhii Oromummaa keessatti guddate irraan kan ka’e hojii barsiisummaa irraa gara dabbalummaatti darbee dhiha Oromiyaa Mandii bakka Qilxu jaalee jedhamutti leenjifamee qabxii olaanaa argachuudhaan barsiisummaa seenaa fi qubeetiin waajjira ABO olaanaa Gullaleetti ramadamee barsiisummaan tajaajileera. Baruma kana erga ABO mootumaa ce’umsaa keessaa bahee kaasee hanga xumura bara 1998tti wahillan isaa waliin qubee barsiisuu, barruulee gulaaluu fi maxxansuu, akkasumas hojii dabbalummaan ummata daddammaqsuurratti hojjetaa ture.

Hojii boonsaa fi qabatamaa kanaanis waan beekameef, humnoota tikaa mootumaman hordoffiin itti heddummate; sababa kanaan hidhaa fi doorsisa hamaa jalaa miliquuf jecha whillan isaa lama waliin gara Kenyatti baqachuuf dirqame. Achittis ummata ijaaruu fi barsiisuu irratti qooda guddaa gumaachaa tureera.

Ob Hundasaan xumura bara 1999 irratti, haadha warraa fi ijoollee isaa sadii waliin biyya Norway qubate. Yeroo sanaa kaasees hiree argate amraan hojii Oromummaa guddisu hedduu keessatti qooda fudhachaa ture;  hanga guyyaa lubbuun isaa baatuttis, gama amantii Waaqeffannaa gad jabeessuu, Oromummaa guddisuu fi afaan Oromoo ijoollee Oromoo barsiisuun keessatti kallattiin hirmaachuun gumaacha guddaa kennaa ture.

Obbo Hundasaan Gumii Waaqeffannaa Addunyaa hundeessuu fi qindeessuu keessatti hojii jajjabduu nama hojjatee darbee dha. Yeroo yaadni Gumii Waaqeffannaa Addunyaa kun bara 2008 keessa eegale irraa kaasee akka barumsi kudharfee yeroo isaa eeggatee gaggeeffamu, hayyooti aadaa fi amantii Oromoo beekanis sagantaa barsiisa Waaqeffannaa- kudharfee kana irratti akka argamanii barsiisan of-qusannaa tokko amlee gochaa ture. Hojii boonsaa dalage kanaafis Gumii Waaqeffannaa Addunyaa irraa badhaasa addaa argateera.

Ob Hundasaan erga bara 1991 ABOtti makamee takkaa Oromummaa isaa irraa of duuba deebi’ee nama hin beekne ture. Adeemsa qabsoo keessatti itti gaafatamummaa fi qondaalummaa sadarkaa adda addaa irratti hirmaachuun nama qooda humna isaan olii bahaa ture jechuun nama hin saalfachiisu. Nama obsa guddaa fi gara ballinaan beekamu, nama wal jibbuu irra waliin mari’achuu, falmii fayyaaleessaan wal mo’uu ykn ammoo yaada dhuunfaa ofii qabatanii akka Oromootti waliin jiraachuu yaada jedhutti nama amanu ture.

Obbo Hundasaan bara 2012 irraa kaasee miseensa gameessaa fi barreessaa Adda Democratwaa Oromoo kan Birkii Awuropa tahuun tajaajilaa ture. Kana cinaatti gumii Waaqeffannaa Oromoo Addunyaatti qaama geggeessaa ol-anaa tahuun hanga guyyaa lubbuun darbutti hojjetaa ture. Obbo Hundasaan qabsoo waggootii 27 itti dhama’aa ture bu’aa isaa dhannamuu yeroo jalqabutti du’aan durfame. Irreechaa bara 2017 bilisummaan irratti hirmaachuuf carraa yoo argateyyuu sababa fayyaa dhabuurraan kan ka’e yeroo gabaabaa keesstti gara Norwaytti deebi’uuf dirqame.

Ob Hundasaan akka maatiitti abbaamanaa gaarii, abbaa ijoollee isaa kunuunsu, nama maatii fi obboloota isaa tumsu ture. Akka hawaasaatti nama qajeelummaan dubbii ilaalee firoota hedduu horate ture. Akka dhaabaa siyaasatti nama jaallan isaa biratti kabajaa guddaa qabuu fi nama hojii gaarii hojjechuun beekamu ture. Nama jabaa akkasii du’aan of biraa dhabuun hedduu nama miidha. Ha tahu malee jaal Hundasaan bara fayyaa qabutti waan humni isaa fi dandeettiin isaa gaafatu gumaachuu irraa of duuba hin jenne, yoo du’es waan seenaan yaadatu hojjetee darbe.

Obbo Hundasaan dhukkuba uumamaan qabamee, yeroo murtaa’eef yaalamaa erga turee booda, Guraandhala (February) 9, 2019 bakka maatiin isaa fi hiriyootni isaa jiranitti mana yaalaatti boqoteera. Ob Hundasaan abbaa ijoollee sadii ture.

Lubbuun isaa boqonnaa ha argatu; ekeree isa ajala bookni haa yaa’u. Maatii, firootaa fi hiriyoottan isaaf jajjabina hawwina.

Be the first to comment on "Seenaa Gabaabaa Ob Hundasaa Waaqwayyaa (1961-2019)"

Leave a comment

Your email address will not be published.


*