Deprecated: Required parameter $heading_type follows optional parameter $class_div in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php on line 245 Deprecated: Required parameter $heading_type follows optional parameter $class_div in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php on line 255 Deprecated: Required parameter $post_data follows optional parameter $sharing_type in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/tweet-old-post/includes/admin/services/class-rop-twitter-service.php on line 891 Deprecated: Required parameter $rop_auth_token follows optional parameter $sharing_type in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/tweet-old-post/includes/admin/services/class-rop-twitter-service.php on line 891 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/onecom-vcache/vcaching.php on line 595 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/onecom-vcache/vcaching.php on line 603 Warning: Cannot modify header information - headers already sent by (output started at /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-content/plugins/wp-product-review/includes/functions.php:245) in /customers/8/9/9/waaqeffannaa.com/httpd.www/wp-includes/feed-rss2.php on line 8 @Waaqeffannaa – WAAQEFFANNAA http://www.waaqeffannaa.com WAAQAA NU UUMETTI AMANNA; UUMAMAAN WAAQA KADHANNA. Sun, 03 Sep 2023 07:17:07 +0000 en-GB hourly 1 https://wordpress.org/?v=6.5.2 http://www.waaqeffannaa.com/wp-content/uploads/2016/07/cropped-WGA-22-150x150.jpg @Waaqeffannaa – WAAQEFFANNAA http://www.waaqeffannaa.com 32 32 Irreechaa 2023 in Melbourne http://www.waaqeffannaa.com/2023/09/03/irreechaa-2023-in-melbourne/ http://www.waaqeffannaa.com/2023/09/03/irreechaa-2023-in-melbourne/#respond Sun, 03 Sep 2023 06:56:46 +0000 http://www.waaqeffannaa.com/?p=502 Irreecha Birraa – Oromo Thanksgiving Day in Melbourne

The organising committee of  Irreecha Birraa – Oromo Thanksgiving Day in Melbourne  would like to invite all Oromos and Oromo freinds  to “Irreecha Birraa – Oromo Thanksgiving Day” at Wilson Botanical Park, Berwick  (October 1st, 2023 – Melbourne, Australia.

]]>
http://www.waaqeffannaa.com/2023/09/03/irreechaa-2023-in-melbourne/feed/ 0
Australian Oromo Community Celebrates Irreechaa Arfaasaa. http://www.waaqeffannaa.com/2022/06/13/australian-oromo-community-celebrates-irreechaa-arfaasaa/ http://www.waaqeffannaa.com/2022/06/13/australian-oromo-community-celebrates-irreechaa-arfaasaa/#respond Mon, 13 Jun 2022 12:12:59 +0000 http://www.waaqeffannaa.com/?p=497

(Waaqeffannaa, June 12, 2022) The Oromo community in Melbourne, Australia celebrates the Irreecha Arfaasaa festival in a grand manner.

The festival, which is celebrated on June 12, began with a blessing by the elders. Oromo mothers and fathers prayed for peace and mercy to all creatures.

The celebrators also offered silence of remembrance and prayers for the martyrs of the 2016 Irreecha massacre and those who paid their sacrifices to pass on the tradition of Irreechaa.

The Irreechaa festival was cancelled for the past two years due to the COVID-19 pandemic. According to the organisers, it would celebrate at the family level to preserve the spirit of the holiday.

Participants said they are happy to celebrate the Irreecha Arfaasaa together with their community in this year celebration held at Kokoda Track Memorial Walk (1000 Steps).

On the occasion, the people are urged to follow the laws and guidelines issued by the government to protect themselves and their families from the dangers of COVID and flu.

Irreecha Arfaasaa Spirit

Irreecha is a day of thanksgiving celebrated in the hills or mountains at the end of the dry season and the beginning of the rainy season.

The Oromo people who go to the mountains for this event not only gather for thanksgiving but also to pray for the achievement of Araaraa (reconciliation), Nagaa (peace), Waloomaa (harmony) and Finnaa (holistic development).

Irreecha celebrated on the top of the hills or mountains is called Irreecha Arfaasaa. Sometimes, it’s also called (‘Festival of the Good Spirit’). This festival is celebrated by the Oromo people in May/June.

Two seasonal Irreechaa

Traditionally, Oromo people celebrate two seasonal Irreechaa festivals nationwide. One is Irreecha Birraa that is celebrated in late September (or early October) during the sunny season and the late rainy season.

The second one is Irreecha Arfaasaa which is celebrated during the rainy season (i.e., the harvest season). This seasonal Irreechaa is celebrated to bring good spirit with rain and heat; By the way, mothers spread their seeds on the ground during the rainy season only to ensure that the last seeds will be turned into humans.

Purpose and Meaning

Irreecha Arfaasaa is an annual Oromo Thanksgiving Day that is repeated once a month in May or in June.

On this day, people have a ceremony to thank their ancestors for their determination to continue their culture and history. The dry season ends (October to April and the rainy season begins (May to September).

Respecting nature and being grateful for life are an Oromo good spirit culture. Its ceremonies celebrate the blessings and wisdom of the elders, preserve the heritage, and appraise the growth of the human child.

The Importance of Irreechaa Festival

Irreechaa festivals have a great contribution to social cohesion. Because the festival focuses on cultural issues, it helps to recognise community members and their values. During the festival, community elders share traditional laws, culture, legends, and customs with the community with examples of how to maintain community and family unity.

Irreechaa provides the opportunity to forget all our worries and celebrate the good aspects of our life. It helps us to keep our emotions balanced and to reduce negativity in our life. It also provides an opportunity to reduce unhealthy habits and unites conflicting neighbours and relatives in a loving bond.

Irreecha brings together people from all religious, economic and social backgrounds.

Historical Background

The Oromo people celebrate Irreechaa not only to thank Waaqa (God) but also to interact with nature and welcome the new rainy winter season. On Irreechaa festivals, friends, family, and relatives gather together and celebrate with joy and happiness.

Irreechaa festivals are a festival stage that brings people together and shares good values ​​that create social bonds. Moreover, the Oromo people celebrate this exciting winter festival to welcome the beginning of winter and winter with joy.

Irreechaa was founded by Oromo ancestors in Gadaa Meelbaa in Mormor, Oromia. The auspicious day on which this last Mormor Day of Gadaa Belbaa — the Dark Time of starvation and hunger- was established on the 1st Sunday of last week of May or the 1st Sunday of the 1st week of June according to the Gadaa lunar calendar. It was celebrated as the second winter Thanksgiving by the modern Oromo people.

Irreecha has been celebrated by the Oromo people for over 6400 years.

]]>
http://www.waaqeffannaa.com/2022/06/13/australian-oromo-community-celebrates-irreechaa-arfaasaa/feed/ 0
Hawaasti Oromoo Australia Ayyaana Irreecha Arfaasaa kabajatan http://www.waaqeffannaa.com/2022/06/13/hawaasti-oromoo-australia-ayyaana-irreecha-arfaasaa-kabajatan/ http://www.waaqeffannaa.com/2022/06/13/hawaasti-oromoo-australia-ayyaana-irreecha-arfaasaa-kabajatan/#respond Mon, 13 Jun 2022 09:10:24 +0000 http://www.waaqeffannaa.com/?p=491 (Waaqeffannaa, 12 Waxabajjii 2022) Hawaasti Oromoo Australia Melbourne ayyaana Irreecha Arfaasaa bara kanaa Dilbata, Waxabajjii 12 bara 2022, haala hoo’aa fi miidhagaan kabajatan.

Ayyaanni Tulluu bakka Kokoda Memorial Park jedhamu irratti kabajame kun, akkum aadaa Oromootti eebba angafootaan eegalame. Angafoonnis hirmaatota ayyaanichaa eebbisuun, Waaqni Uumama maraaf nagaa fi araara akka buusu kadhannaa godhan.

Ayyaana Irreecha Arfaasaa kana irratti dhaloota ayyaana Irreechaa jiraachisuuf, keessattuu bara 2016 dhumaatii Irreechaa Harsadii irratti wareegamaniif yaadannoo godhaniiru.

Sirnicha irratti akka ibsametti, Ayyaanni Irreecha Arfaasa kun baroota lamaan darban sababa COVID-19 addaan cite ture. Yeroo sanatti, immoo afuurri ayyaanicha akka hin badneef, sadarkaa maatiitti akka kabajamu godhamuu qindeessitoonni himanii jiru.

Barana haalli waan jijjirameef, hawaastni bakka tokkotti dhufee ayyaanicha kabajuun hedduu gammachiisaa ta’uu hirmamtonnis dubbataniiru.

Ayyaana kana irratti ummanni seerota fi qajeelfamoota karaa mootummaa bahan  hordofuun akka balaa COVID fi qufaa irraa ofii fi maatii isaanii eegan dhaamsi darbeera.

Irreecha Arfaasaa maal?

Irreechi Arfaasaa ayyaana galateeffannaa Oromoo kan waggaa waggaan al tokko xumura yeroo gogiinsaafi jalqabbii yeroo roobaa keessa kabajamuu dha.

Sirnichi eebbaa fi ogummaa jaarsoliif kabajaa ni qaba; hambaa kunuunsuu, madaalli guddina dhala namaa fi eegumsa naannoo waloomsuuf ni gargaara.

Ayyaanni Irreecha Arfaasaa fiixee gaarren, tulluu fi lafa olka’aa biroo irratti kabajama. Sababiin isaas lafti kun gatii jireenyaa fi uumamaa bakka bu’a jedhanii waan amananiif.

Akkasumas, ayyaana kana irratti angafoota aadaa fi seenaa Oromoo jiraachisuuf obsaa fi kutannoo agarsiisaniif – injifannoo hawaasummaa dabalataaf karaa saaquu –galateeffannaan ni godhamaaf.

Ayyaanni Irreecha Arfaasdaa aadaa, seenaa fi uumama Oromoo miidhagsuu yeroo bonni xumuramuuf jedhu yookaan yeroo ganni seenuuf haala adda ta’een kabaju.

Kaayyoo fi Hiika Irreechaa

Irreechi guyyaa galateeffannaa Oromoo ti. Ayyaanni Irreechaa waggaatti yeroo lama: Irreechaa Malkaa fi Irreechaa Tulluu, gamtaadhaan kabajama.

Ayyaanni Irreechaa mata duree aadaa fi eenyummaa irratti kan xiyyeeffatu waan ta’eef, miseensota hawaasaa duudhaa isaanii beeksisuudhaaf gargaara. Ayyaana kanarratti jaarsoliin seera, safuu, duudhaa, seenaa fi muuxannoo isaanii hawaasaaf qooduun, tokkummaa maatii fi hawaasaa eeguuf unkaalee jireenya kaa’u. Sirnichi eebbaa fi ogummaa jaarsolii kabajuu, hambaa kunuunsuu fi guddina dhala namaa madaaluuf gahee guddaa qaba.

Guyyaa kana namoonni fiixee gaara irratti yookaan qarqara Malkaatti walitti qabamanii Waaqa isaanii hundumaa danda’u galateeffatu; ammaa fi egereef immoo Araaraa, Nagaa, Walooma fi Finnaa (Misooma Waliigalaa) akka isaaniif baay’isuuf ni kadhatu.

Irreechaan duudhaa ayyaana gaarii kan Oromoon Uumaa kabajuu fi galateeffachuuf tolfatee dha.

Faayidaan Ayyaana Irrecha maal?

Ayyaanni Irreechaa yeroo ummanni walitti dhufee gammachuun Waaqa galateefaftu. Kun immoo akka dhalli namaa yaaddoo guyyuu, dhiphuu fi jeequmsa keessaa bahee ayyaan gaarii waliin dabarsu godha; guyyaa tokkoofis ta’u, dhiphuu fi yaaddoo hunda dagannee jireenyaa gaarii kabajuuf carraa nuuf kennan; guyyoota muraasaaf yoo ta’ellee, gara jiruu nagaa qabu jiraachuutti dhufna.

Ayyaana akka Irrechaa kabajuun dhiphina karaa adda addaa nutti jiru nurraa hir’isa. Kana malees, Ayyaana gaarii nuuf baay’isa; miirota nu laaffisan immoo nurraa xiqqeessa.

Akkasumas ayyaanni Irreechaa wal-dhabdee namoota gidduu jiru hir’isuuf carraa nuuf kenna. Yeroo kanatti, hiriyootaa fi firoota adda ba’an walitti deebisee araarsuufi hariiroo jaalalaatiin walitti fiduuf nu gargaara.

Irreechaa fi COVID

Ayyaanni Irreechaa ayyaana gamtaan walitti bahanii kabajatanii dha. Haata’uutii, yeroo COVID babal’ate keessa gamtaan walitti dhufuun dhukkibicha daran babal’isa. Sababa Kanaan yeroo COVID keessa Ayyaanni Irreechaa akka addaatti kabajamuu eegale. Bakka seerri walitti qabama hawaasaa dhorkutti, ayyaanicha sadarkaa maatii qofaatti kabajuun dirqama ture.

Hawaasti Oromoo biyya Australia keessa jiraatan, fakkeenyaaf, waggoota lamaan darban ayyaanicha sadarkaa maatiitti kabajachaa turan; haala kabaja ayyaanichaa immoo karaa Zoom walitti dhufanii yaada walifi dabarsaa, suuraalee ayyaanicha akan sadarkaa maattiii gagggeefaftan waliif qoodaa fi miidiyaa hawaasaa irratti walifi qoodaa turan. Bakka seerri akka namootni muraasti walitti dhufan hayyametti immoo hawaasa lakkoofsa xiqqaa ta’an walitti dhufanii kabajachaa darban.

Seenaa Duubbee

Ummanni Oromoo Irreechaa Waaqaa galateeffachuu qofaaf osoo hin taane, yeroo qorraa kan roobaan waliin walqabate simachuuf kabaju. Ayyaana Irreechaa irratti hiriyyoonni, maatiin, firoottan walitti qabamanii gammachuu ayayaneffatu. Ayyaanni Irreechaa namoota walitti dhiheessuun, gamtaa hawaasummaa ni uuma. Aadaan kun baroota hdeeraaf kan itti fufee kabajamaa jiruu dha.

Afoola Oromoo irra akka hubatamutti, ummanni Oromoo yeroo Arfaasaa ayyaana gaariin kabajuu kan eegalan, xumura waqtii gogiinsa, kan Bona jedhamuun beekamu gaggeessuf, akkasumas yeroo roobaa, kan Ganna jedhamuun beekamu simachuuf ture.

Angafoonni Oromoo akka himanitti, ayyaanni kun, bara Gadaa Melbaa keessaa hundeeffame.  Ayyaanni Irrecha Arfaasaa kun bara ammayyaa kanattis, guyyaa galateeffannaa yeroo qorraa, yookaan Ayyaana Tulluu jedhamee beekama. Irreechi waggoota 6400 oliif ummata Oromoo biratti kabajamaa tureera.

]]>
http://www.waaqeffannaa.com/2022/06/13/hawaasti-oromoo-australia-ayyaana-irreecha-arfaasaa-kabajatan/feed/ 0
የአውስትራሊያ የኦሮሞ ማህበረሰብ የኢሬቻ በዓልን አከበሩ። http://www.waaqeffannaa.com/2022/06/13/%e1%8b%a8%e1%8a%a0%e1%8b%8d%e1%88%b5%e1%89%b5%e1%88%ab%e1%88%8a%e1%8b%ab-%e1%8b%a8%e1%8a%a6%e1%88%ae%e1%88%9e-%e1%88%9b%e1%88%85%e1%89%a0%e1%88%a8%e1%88%b0%e1%89%a5-%e1%8b%a8%e1%8a%a2%e1%88%ac/ http://www.waaqeffannaa.com/2022/06/13/%e1%8b%a8%e1%8a%a0%e1%8b%8d%e1%88%b5%e1%89%b5%e1%88%ab%e1%88%8a%e1%8b%ab-%e1%8b%a8%e1%8a%a6%e1%88%ae%e1%88%9e-%e1%88%9b%e1%88%85%e1%89%a0%e1%88%a8%e1%88%b0%e1%89%a5-%e1%8b%a8%e1%8a%a2%e1%88%ac/#respond Mon, 13 Jun 2022 04:09:32 +0000 http://www.waaqeffannaa.com/?p=483 (ኦሮሚዲያ፣ሰኔ 12፣ 2022) በሜልበርን፣ አውስትራሊያ የሚገኘው የኦሮሞ ማህበረሰብ የኢሬቻ በዓልን በደማቅ ሁኔታ አክብሯል።

ትላንት ሰኔ 12 የተከበርው ይህ በዓል በአረጋውያን ምርቅት ነበር የተጀመረው።  የኦሮሞ እናቶች እና አባቶች   ዋቃ ለፍጥረታት ሁሉ ሰላምና ምሕረትን እንዲያወርድ ፀሎት አድርገዋል።

በበአሉ ላይ እ.ኤ.አ. በ2016 በሐርሰዲ ኢሬቻ እልቂት ላይ የተሰዉትን እና የኢሬቻን ትዉፍት ለትውልድ ለማስተላለፍ ማስዋዕት ለከፈሉት የህሊና ፀሎት አደርገዋል።

የኢሬቻ በዓል ላለፉት ሁለት ዓመታት በኮቪድ-19 ምክንያት ተቋርጥ ነበር። ሆኖም የበዓሉን መንፈስ ለመጠበቅ በቤተሰብ ደረጃ በዓሉ እንደከበር መደረጎን አዘጋጆቹ ተናግረዋል።

ዘንድሮ ሁኔታው ​​ተቀይሮ ህብረተሰቡ በጋራ በመሆን በዓሉን በማክበሩ ደስ እንዳላቸው ተሳታፊዎች ተናግረዋል።

ህዝቡ እራሱን እና ቤተሰቡን ከኮቪድና ጉንፋን አደጋ ለመከላከል መንግስት የሚያወጣውን ህግና መመሪያ እንዲከተል አሳስበዋል።

ኢሬቻ አርፋሳ መንፈስ

ኢሬቻ አርፋሳ መልካም መንፈስን ለማግኘት እና ለማክበር በደረቅ ወቅት መጨረሻ እና ዝናባማ ወቅት መጀመሪያ ላይ በኮረብታ ወይም በተራራ አናት ላይ የሚከበር የምስጋና ቀን ነው።

ለዚህ ዝግጅት ኦሮሞዎች ወደ ተራራ የሚሄዱት ለምስጋና ብቻ ሳይሆን በተራራ አናት ላይ ተሰብስበው አራራ (እርቅ)፣ ነጋ (ሰላም)፣ ወሎማ (ስምምነት) እና ፊና (ሁለገብ ልማት) እንዲያጎናጽፋቸው ዋቃን ለመለመን ነው።

ኢሬቻ አርፋሳ በአንዳድ ቦታ (‘የመልካም መንፈስ በዓል’) ይባላል። ይህ በዓል  በኦሮሞ ህዝብ ዘንድ የሚከበረው በግንቦት/ሰኔ ወር ሲሆን ይህ ወቅት ከፍተኛ የመዝሪያ ወቅት ነው ።

ሁለት ወቅታዊ ኢሬቻ

በተለምዶ ኦሮሞዎች በአገር አቀፍ ደረጃ ሁለት ወቅታዊ የኢሬቻ በዓል ያከብራሉ፡ አንደኛው የሚከበረው በመስከረም መጨረሻ (ወይ በጥቅምት ወር መጀመሪያ) በፀሃይ ወቅት መጀመሪያ እና በዝናብ ወቅት መጨረሻ (ማለትም በመኸር ወቅት) የሚከበር የምስጋና በዓል ነው። ይህ ኢሬቻ መልካ ይባላል።ይህ ወቅታዊ ኢሬቻ በአለም ዙሪያ በኦሮሞዎች እና በኦሮሞ ወዳጆች ዘንድ ኢሬቻ ቢራ ተብሎም ይታወቃል።

ሌላው የኢሬቻ በዓል የሚከበረው በዝናብ ወቅት (ማለትም በአዝመራ ወቅት) ነው። ይህ ኢሬቻ አርፋሳ ይባላል። የመዝሪያው ወቅት የኢሬቻ በዓል በዝናብ እና በጥረት መልካም መንፈስ እንዲያመጣ ወደ ዋቃ ለመጸለይ ይከበራል; ለነገሩ አርሶ አደሮች ዘራቸውን መሬት ላይ ያሰራጩት በዝናብ ወቅት መጨረሻ ዘሩን ወደ ተትረፈረፈ ሰብል ለመቀየር ዋቃ ከጎናቸው መሆኑን በማረጋገጥ ብቻ ነው።

ዓላማ እና ትርጉም

ኢሬቻ አርፋሳ በግንቦት ወር አንድ ጊዜ የሚደገመው  አመታዊ የኦሮሞ የምስጋና ቀን ሲሆን ክረምት አብቅቶ የዝናብና የመትከል መጀመሪያን ምክንያት በማድረግ ነው። የደረቁ ወቅት ማብቂያ (ከጥቅምት እስከ ሚያዚያ እና የዝናብ ወቅት መጀመሩን (ከግንቦት እስከ መስከረም) ያሳያል። ይህ የኢሬቻ በዓል ልዩ የሆነ የኦሮሞ ባህል፣ ታሪካዊና ተፈጥሯዊ ውበት ነው።

በዚህ ቀን ሰዎች ለበለጠ ማህበራዊ ድል መንገድ የሚከፍት ፅናት እና ባህላቸው እና ታሪካቸውን ለመቀጠል ላሳዩት ቁርጠኝነት ሁሉንም ቅድመ አያቶች የምስጋና ስነ ስርዓትም አለ።

ተፈጥሮን ማክበር እና ለህይወት አመስጋኝ መሆን የኦሮሞ መልካም መንፈስ ባህል ነው። ሥነ ሥርዓቱ የሽማግሌዎችን በረከቶች እና ጥበብ ያከብራል፣ ቅርሶችን ይጠብቃል እና የሰው ልጅ እድገትን ይገመግማል።

የኢሬቻ በዓል አስፈላጊነት

የኢሬቻ በዓል ለማህበራዊ ትስስር ስሜት ትልቅ አስተዋፅኦ አለው። በዓሉ በባህላዊ ጉዳዮች ላይ ያተኮረ በመሆኑ፣ የማህበረሰብ አባላትን ወጋቸውን ለማሳወቅ ይረዳል። በበዓሉ ላይ የማህበረሰብ ሽማግሌዎች ባህላዊ ህጎች፣ ወጎች፣ተረቶች እና ልምዶች ያካፍላሉ፤ በቤተሰብ መካከል ያለውን አንድነት ለመጠበቅ የሚረዱ አብነቶችን ለማህበረሰቡ ያካፍላሉ።

የኢሬቻ በዓል ጭንቀታችንን ሁሉ እንድንረሳ እና መልካም የህይወት ገፅታን እንድናከብር እድል ይሰጠናል።

የኢሬቻ በዓልም ስሜታችንን ሚዛናዊ እንድንሆን ይረዳናል። ተጨማሪም አሉታዊነትን ይቀንሳል። እንዲሁም አለመግባባቶችን ለመቀነስ እድል ይሰጣል እና የተጋጩ ጓደኞችን እና ዘመዶችን በፍቅር ትስስር ውስጥ ያገናኛል።

ኢሬቻም ሰዎችን  ከየትኛውም ሃይማኖታዊ፣ ኢኮኖሚያዊ እና ማህበራዊ ዳራ የመጡ ሰዎችን አንድ ላይ ያመጣል።

ታሪካዊ ዳራ

የኦሮሞ ህዝብ ኢሬቻን የሚያከብረው ዋቃ (እግዚአብሔርን) ለማመስገን ብቻ ሳይሆን ከተፈጥሮ እና ፍጥረት ጋር የተያያዘውን አዲሱን ዝናባማ የክረምት ወቅት ለመቀበልም ጭምር ነው። በኢሬቻ በዓላት ላይ ወዳጆች፣ ቤተሰብ እና ዘመዶች ተሰብስበው በደስታ ያከብራሉ። የኢሬቻ በዓላት ሰዎችን የሚያቀራርቡ እና ማህበራዊ ትስስር የሚፈጥሩ መልካም እሴቶች የሚያጋራ የበዓል መድረክ ነው።

ከዚህም በላይ የኦሮሞ ህዝብ ይህን አስደሳች የክረምት ዝግጅት ቦና ተብሎ የሚጠራውን ክረምት ማብቃቱን እና ክረምትን በደስታ ለመቀበል ያከብራል።

ኢሬቻ የተመሰረተው በገዳ መላባ በሞርሞር፣ ኦሮሚያ በኦሮሞ አባቶች ነው። ይህ የመጨረሻው የሞርሞር የገዳ ቤልባ ቀን – የጨለማው የረሃብ እና የረሃብ ጊዜ የተመሰረተበት በግንቦት ወር 1ኛ እሁድ ወይም በሰኔ 1ኛ ሳምንት 1ኛ እሑድ በገዳ ጨረቃ አቆጣጠር መሰረት ነው። በዘመናዊው የኦሮሞ ህዝብ ሁለተኛው የክረምት የምስጋና ቀን ተብሎ ተወስኗል።

ኢሬቻ በኦሮሞ ህዝብ ዘንድ ከ6400 ዓመታት በላይ ሲከበር ቆይቷል።

]]>
http://www.waaqeffannaa.com/2022/06/13/%e1%8b%a8%e1%8a%a0%e1%8b%8d%e1%88%b5%e1%89%b5%e1%88%ab%e1%88%8a%e1%8b%ab-%e1%8b%a8%e1%8a%a6%e1%88%ae%e1%88%9e-%e1%88%9b%e1%88%85%e1%89%a0%e1%88%a8%e1%88%b0%e1%89%a5-%e1%8b%a8%e1%8a%a2%e1%88%ac/feed/ 0
Irreecha Arfaasaa to be held in melbourne, Australia http://www.waaqeffannaa.com/2021/05/23/irreecha-arfaasaa-to-be-held-in-melbourne-australia/ http://www.waaqeffannaa.com/2021/05/23/irreecha-arfaasaa-to-be-held-in-melbourne-australia/#respond Sun, 23 May 2021 03:29:03 +0000 http://www.waaqeffannaa.com/?p=480 (Melbourne, Irreechaa, May 20, 2021)-The Oromia Irreechaa Organising Committee in Victoria is preparing to celebrate Irreecha Arfaasaa in Melbourne on 30th May.

Head of the Committee, Ob Abdeta Homa, said the celebration marks the end of the dry season (October to April) and the beginning of the rainy season for planting (May to September).

The organisers states that the celebration helps to strengthen and promote the Oromo tradition of respect for nature and gratefulness for life in Melbourne.

Australian Oromo celebrated this Irreecha on the Mount Dandenong which is found in the South Eastern region of Melbourne.

May be an image of 7 people, people standing and text that says 'Irreechaa Arfaasaa: Valuing Oromo Heritage OROMO DOMESTIC STOP VOLENCE IRREECHA ARFAASAA Sunday May 30, 2021 12.00pm-3.00pm at Kokoda Track Memorial Walk (1000 Steps), Tree Fern Gully Track, Tremont VIC 3785 Irreechaa Organising Committee Abdeta Homa- mobile: 0413 262 918 Danye Defersha-mobile: 0413 541 794'

On this day, people come to gather on mountain tops to give thanks to the almighty Waaqaa(God) for all the blessings throughout the past dry season and ask for Araaraa (Reconciliation), Nagaa (Peace), Walooma (Harmony) and Finnaa (Holistic Development) for the present and the future.

Irreecha Arfaasaa is another annual Oromo Thanksgiving Day that repeats once in a year to mark the end of the dry season and beginning of the rainy and planting season.

The ceremony honors elders’ blessings and wisdom, preserves the heritage and assesses the progress of humanity.

There is also a ceremony of thanking all forebears for their endurance and determination to survive their culture and history – paving the way for further social victory.

In the Oromo tradition the tops of mountains, the hills and other elevated grounds are respected landscapes because they believe that these landscapes represent the value of life and nature.

It is a unique Oromo cultural, historical and natural beautification (planting) in their full glory at the height of the season.

Irreecha Arfaasaa is one of the previous Cushitic religious traditions of praying to God (Waaqa). It has been observed by the Oromo people for more than 6400 years.

]]>
http://www.waaqeffannaa.com/2021/05/23/irreecha-arfaasaa-to-be-held-in-melbourne-australia/feed/ 0
Marii Galgala Ayyaana Irreecha Arfaasaa 2020 Melbourne http://www.waaqeffannaa.com/2020/06/08/marii-galgala-ayyaana-irreecha-arfaasaa-2020-melbourne/ http://www.waaqeffannaa.com/2020/06/08/marii-galgala-ayyaana-irreecha-arfaasaa-2020-melbourne/#respond Mon, 08 Jun 2020 04:55:34 +0000 http://www.waaqeffannaa.com/?p=474 (Waaqeffannaa, 07/06/2020)-Marii fi Hubannoo Galgala Irreecha Arfaasaa 2020-Ayyaana Irreecha Arfaasaa 2020 akka maatiitti kabajame. Ayyaanni kun akkamitti dabarfame? Miseensotni hawaasa Oromoo Australia Melbourne keessa jiraatan karaa sarara Zoom walitti dhufuun marii gaggeessanii jiru. Marii, Muuxannoo fi Hubannoon Ayyaanicha irraa argame hedduu gaarii dha; hawaasni dammaqe rakkoo fedhe keessatti aadaa isaa guddifachuu akka danda’u kana garsisiee darbee dha. Kunoo Marii itti dhiyaadhaa!
Daawwannaa Gaarii!!

]]>
http://www.waaqeffannaa.com/2020/06/08/marii-galgala-ayyaana-irreecha-arfaasaa-2020-melbourne/feed/ 0
Barana Ayyaanni Irreecha Arfaasaa Ardaa Maatiitti kabajama. http://www.waaqeffannaa.com/2020/06/02/barana-ayyaanni-irreecha-arfaasaa-ardaa-maatiitti-kabajama/ http://www.waaqeffannaa.com/2020/06/02/barana-ayyaanni-irreecha-arfaasaa-ardaa-maatiitti-kabajama/#respond Tue, 02 Jun 2020 03:03:31 +0000 http://www.waaqeffannaa.com/?p=467 (Waaqeffannaa, 2 Waxabajjii 2020) Ayyaanni Irreecha Arfaasaa baranaa Ardaa Maatiitti akka kabajamu ibsame.

Koreen Ayyaana Irreecha Arfaasaa akka ibsetti yeroo kana sababa COVID19 hawaasa bakka tokkotti baasanii ayyaanicha kabajuun hin danda’amne.

“Yeroo rakkoon jirutti, waan rakkoo hiiku irratti xiyyeeffanna,” kan jedhan miseensonni Koree Ayyaana Irreecha Arfaasaa, sababa kanaan “ayyaanicha maatii keenya waliin Ardaa Maatii biratti kabajuun gaarii ta’ee jira,” jedhan.

Hawaasti keenya yeroo ayyaana kana kabajus, aadaa Oromoo kana ta’e namummaa fi naannoof eegumsa gochuu irratti akka xiyyeeffatu dhamameera.

“Namni kabajaa qaba; kabajan naummaa eegamuu qaba,” jedhan.

Akka Koreen Ayyaana Irreecha Arfaasaa ibsetti, Ayyaanni kun Australai keessatti 7 Waxabajjii 2020 waaree booda saatii 1:00 irraa kaasee kan kabajamu ta’a.

Irreechaan Arfaasaa, mallattoo nageenya uumamaa waan ta’eef, bakka maratti naannoo magariisa gochuuf akka hojjatamu dhaameera.

“yeroon dhufaa jiru, yeroo itti biqiltuu dhaabii dha; yeroo itti nageenya naannoo keenya egereef waa kaayanii dha,” jedheera Korrichi.

Ayyaana Irreecha Arfaasaa baranaa irrattia akkuma baroota kaanii, Oromoon biqiltuu dhaabuun jaalalaa fi kabajaa eegumsa naannoof qabu akak mul’isu waamichi darbeera.

“Waamichi keenya ifaa dha, maatiin amarti biqiltuu dhaabuun wabii jireenya egeree ta’uu qaba; waanti ahr’a dhaabnu amrti egereef wabiid ha. Wabii eegumsa naannoo keenyaa haa taanu.”

Irreechi Arfaasaa bakak dhibiitti Irreecha Tulluu jedhamee beekama. Ayyaanni kun nagaan bona keessaa bahanii, gara gannaatti hulluuquuf kan kabajmuu dha.

“Ayyaanni kun kan gaggeeffamu tulluurratti; yeroonsaas bonni darbee roobni arfaasaa yeroo itti eegamuudha.”

Tulluutti bahanii Waaqa kadhachuun aadaa amantii Waaqeffannaa durduriin walqabatee kan dhufee dha. Tulluun Cuqqaalaa ardaa Irreecha Arfaasaa isa guddicha akka ta’e seenaan Oromoo ni dhugoomsa.

]]>
http://www.waaqeffannaa.com/2020/06/02/barana-ayyaanni-irreecha-arfaasaa-ardaa-maatiitti-kabajama/feed/ 0
Irreecha Tulluu: Sirna Kadhannaa fi Galateeffannaa http://www.waaqeffannaa.com/2020/05/27/irreecha-tulluu-sirna-kadhannaa-fi-galateeffannaa/ http://www.waaqeffannaa.com/2020/05/27/irreecha-tulluu-sirna-kadhannaa-fi-galateeffannaa/#respond Wed, 27 May 2020 14:47:24 +0000 http://www.waaqeffannaa.com/?p=465

Saamraawiit Girmaatiin

Irreechi aadaa fi amantii Oromoo keessaa isa tokkoofi adda dureedha. Irreecha jechuun sirna kadhaafi galata Waaqaaf g o d h a m u u d h a . K a d h a a f i galanni godhamu kunis iddoofi yeroodhaan kan murtaa’eedha. Kunis amantii keessatti gochaan kan ibsamu yoo ta’u, sirni irreechaa kan hogganamu jaarmayaa Qaalluutiini.

Irreechi iddoowwan adda addaatti yoo gaggeeffamellee inni guddaan bakkawwan lamatti raawwatama, isaanis Irreecha Malkaa (birraa)fi Irreecha Tulluu (arfaasaa) ti.

Irreechi Birraa (Irreechi Malkaa) wayittiin gannaa xumuramee seensa baatii birraa ykn giddu gala ji’a Fulbaanaa Masqalli ba’ee Dilbatasaa Bishooftuu, Hora Arsadiitti kabajama. “Ayyaana Birraa ykn Xaddacha Saaquu” jedhamuunis nibeekama. Iddoon irreechaa, malkaafi hora guguddoorratti. Tibba darbe namoonni guutama galaanaatiin addaan citanii turan walarguu jecha guyyaa kana akka guyyaa gammachuutti fudhatu. Kanaaf Oromoon malkaa gamaafi gamanaa walitti bahee “Mareewoo!…Mareewoo..!” jechaa Waaqa kadhachaa, faarfachaa, galateeffachaa gara Malkaa deemu.

Irreechi Arfaasaa (Irreecha Tulluu) kun kan gaggeeffamu tulluurratti yoo ta’u, yeroonsaas bonni darbee roobni arfaasaa yeroo itti eegamuudha. Baatiileen dursanii turan roobni dhabamee hongeen namniifi horiin kan itti miidhamaa tureedha. Kanaaf giddu gala ji’a Bitootessaa maatiin gara lafa qabbanaafi jiidha qabutti bahee rooba arfaasaa argachuuf Waaqa itti kadhatuudha. Tulluutti bahanii kadhachuun kun kan amantii waaqeffannaa Kuushoota durduriin walqabateedha jedhama. Tulluun Cuqqaalaa araddaa irreecha arfaasaa isa guddicha.

Irreechi arfaasaa akka irreecha birraa ho’uu baatus keessumaa yeroo ammaa bifa

bittinaa’eenis ta’u bakkaa bakkatti nikabajama. Gaazexaan Bariisaa dhimma kanarratti Pirezdaantii Waldaa Maccaafi Tuulamaa, barreesaafi qorataa seenaa, Obbo Dirribii Damise Bokkuu dubbiseera.

Akka isaan jedhanitti, Oromoon walakkaa ji’a Bitootessaarraa kaasee hanga walakkeessa Eblaatti kabajama. Oromoon waytiin kun yeroo gogiinsi darbee jidhiinsi dhufuuf jedhu waan ta’eef tulluutti ba’eetu Waaqa kadhata. Asirratti waanti hubatamuu qabu karaa kibbaafi bahaa dursee rooba; birraas dafee caama. Karaa kaabaafi lixaattiimmoo suuta rooba; birraammoo duubatti hafee caama.

Kanaaf haala kabaja ayyaana irreecha tulluu giddu galeessa Maccaafi Tuulamaa yoo ilaalle, Oromoon naannawasanaa ji’a Eblaa keessa tulluutti ba’ee, korma qalee, irreeffatee Waaqa akka kadhatu ibsu.

Kadhannaasaatiinis, “Bona gogaa; bubbee hamaa nu baaste, arfaasaa gaarii nuu roobi, Yaa Waaq lafti dheebottee, babbaqaqxee, afaan bantee, sanyii baattee sieeggataa jirtii roobii qabbaneessi.Qurxummiin bishaan keessaa, allaattiin roobakee malee hinjiraattu.Yaa Waaq yeroodhaan nuuroobi” jedhee akka kadhatu ibsu.

Akka ibsa Obbo Dirribiitti, irreechi tulluu urgeessa ykn hindhee qabachuun raawwatama. Yoo bakka sana urgeessiifi hindheen hinjirrellee waanuma jiidhaa qabatanii irreeffatanii Waaqa kadhatu. Irreechi tulluu kadhaa Waaqaati. Roobaan “dafii nuu roobi, facaasuuf misoomaaf sieeggataa jirra. Bishaan burquuf, loonis dhuguuf sieegaa jiru jedhamee kadhatama.

Sirna kanarratti yommuu kormi qalamu, adii hinta’iin malee kanuma argametu qalama, goramsa kan qalus nijira kan jedhan pirezdaantiin Waldaa Maccaafi Tuulamaa. Sababni kormii adii hinqalamneef caami jechuu waan ta’ee ta’uu eeru.

“Irreecha malkaarrattis ta’e irreecha tulluurratti bakki dubartiin hindhaqne hinjiru. Dubartootatu okolee, gaadii, siinqee, qabatataniifi caaccuu hidhatanii duraa deema. Daabboo tolchanii, farsoofi buqqurii naqanii fuudhanii deemu. Achi yommuu ga’anis buna dhaabanii, xaaxee xaaxessanii warra irreeffatuuf kennu.

Yoo isaanirratti hirmaatan malee kadhaan hinjiru. Isaantu dura deemee ofkalcha. Isaantu dura malkaa bu’ee saaqa. Tulluuttis isaantu dursee bakka bunni ittidanfu dhaquun dhaabata. Dhangaa isaantu fidee bilcheessa. Kanaaf sirna Gadaa keessattis, irreeffannaa keessattis dubartoonni bakka olaanaa qabu. Dubartoonni hindhaqne taanaan Gadaaniyyuu hinoofkalu jedhu.

Akka Obbo Dirribiin jedhanitti, ijoolleen dhiiraas ta’e dubarri irreecha lamaanirratti hindhowwaman. Kanaaf irreechi qabeenyaan, umuriifi korniyaan adda nama hinbaasu. Hundumtuu gaafa irreechaa, waluma faana dhaabbatee kadhata; Waaqnillee ijuma tokkoon ilaala jedhamee amanama.

Kadhannaa irreecha tulluu kana booda roobni nirooba jedhamee akka amanamu ibsanii, keessumaammoo yommuu ongeen hammaatu jechuunis, Ebla keessa roobuu dhiisee ji’i Caamsaa yoo walakkate deebi’anii kadhaa biraa akka kadhatan himu. Yeroo kanas farda luugamanii, bishaan jala kaa’uun; jabbinis haadha akka hinhoone godhu. Kanas warra ayyaantuutu hoggana jedhu.

Haala kanaan tulluutti ba’aanii korma qalanii “Yaa Waaqayyoo uumama keetti garaa hinjabaatiin, jabbiin haadha hodhuu dadhabde, fardi dheebotee du’uufi, Waaqayyoo nutti araarami. Erga ati garaa nuukutattee nutis waanuma ati gootu goona, kana booda jabbiin haadha hinhootu, fardis bishaan hindhugu, nutis midhaan hinnyaannu, atuu nu lagdee, nutis humnaan sin caallu garuu waan ati goote goona” jedhanii jilbeenfatanii akka kadhatan dubbatu.

Ani kan bakka addaddaa dhaqee argeera kan jedhan Obbo Dirribiin, fakkeenyaaf Shawaa Lixaa keessa bakka Saglan Dandii jedhamutti haala kanaan kadhatanii, utuu isaan foon korma qalamee nyaachaa jiranii galaanni dhufee garagalee wayyaasaanii cuunfatanii galuusaanii addeessu. Oromoon akka kanatti jilbeenfatee “abet yaa Waaq garaa nutti hinjabaatiin.” Jedhee kadhatee irraa hindhabu. Sababnisaas siiqqeetu ba’a, kallachatu ba’a jedhu.

Irreechi tulluu akka irreecha malkaa xiyyeeffannaafi beekamti bal’aa akka hinarganne eeranii, silaa lamaanuu walumaqixa; garuu irreechi arfaasaa ykn tulluu hangafa ta’uu ibsu. Irreechi tulluu kadhannaadha; kottuu nuu roobi jechuufi, inni malkaammoo galata; waan nuu roobdeef galatakee jechuufi.

Akka Obbo Dirribiin jedhanitti, irreechi malkaa beekamtii argatee addunyaarratti akka beekamu kan taasise jabina ummata Galaani. Isaan baruma baraan yommuu cunqursaan ummata Oromoorra turellee otoo addaan hinkutiin muraasa ta’ani sirreefataa turan. Inni biraan Waldaa Maccaafi Tuulamaa keessattis yaadni “Eenyummaan Oromoo karaa Sirna Gadaafi Waaqeffannaa calaqqisa” jedhu waan tureef aadaa Oromoo cimsuuf sochii taasisaa tureera.

Kanaaf namoonni waldicha keessa jiranis irreecha malkaarratti hirmaachuu eegalan. Namoonni naannawa Bishooftuu jiraatanis gara waldichaa dhufuun irreeffannaan achii akka haaraatti cimee akka jalqabamu ta’e.

Guyyaansaas Masqalli ba’ee Sanbata ittaanu akka ta’uuf walii galamuusaa ibsanii hayyoonniifi namoonni magaalaa miseensota waldichaa turan bal’inaan irratti hirmaachuun isaanii beekamtii ga’aa akka goonfatu taasisuusaa dubbatu.

Waldaan Maccaafi Tuulamaa akka banameet akka cufamuun rakkoo itti ta’eetu malee irreecha arfaasaallee akkuma irreecha malkaa(birraa) beeksisuuf karoora qabaachuus ni ibsu. Fuuldurattis irreecha kanatti guyyaan ittigodhamee, warra abbaa malkaatiin, warra tulluutiin mari’atamee qindeessuuf yaadamuu himu.

Dhumarrattis, “Oromoo of ta’ii, kan kee qabadhu. Biyya abbaa keerratti aadaakee ganamaa yaadadhu, ittiinis booni.Yoo kan keetiin boonte Waaqnis namnis sidhaga’a. Biyyi kee eebbifamaadha. Waaqatu burqaa siikenne. Isarra dhaabattee yoo kadhatteefi galateeffatte irra milkoofta” jechuun dhaaman

Madda; Bariisaa Ebla 4 /2011

 

]]>
http://www.waaqeffannaa.com/2020/05/27/irreecha-tulluu-sirna-kadhannaa-fi-galateeffannaa/feed/ 0
Ibsa GWA: Loogii Amantii Waaqeffannaa irratti godhame ilaalchisee ibsa bahe. http://www.waaqeffannaa.com/2020/04/07/ibsa-gwa-loogii-amantii-waaqeffannaa-irratti-godhame-ilaalchisee-ibsa-bahe/ http://www.waaqeffannaa.com/2020/04/07/ibsa-gwa-loogii-amantii-waaqeffannaa-irratti-godhame-ilaalchisee-ibsa-bahe/#respond Tue, 07 Apr 2020 05:54:47 +0000 http://www.waaqeffannaa.com/?p=461 Image may contain: text

]]>
http://www.waaqeffannaa.com/2020/04/07/ibsa-gwa-loogii-amantii-waaqeffannaa-irratti-godhame-ilaalchisee-ibsa-bahe/feed/ 0
ለሃይማኖት ተቋማት የተሰጠውን የቴሌቪዥን የአየር ጊዜ በተመለከተ ከአለም አቀፍ የዋቄፈና ጉባኤ የተሰጠ መግጫ http://www.waaqeffannaa.com/2020/04/07/%e1%88%88%e1%88%83%e1%8b%ad%e1%88%9b%e1%8a%96%e1%89%b5-%e1%89%b0%e1%89%8b%e1%88%9b%e1%89%b5-%e1%8b%a8%e1%89%b0%e1%88%b0%e1%8c%a0%e1%8b%8d%e1%8a%95-%e1%8b%a8%e1%89%b4%e1%88%8c%e1%89%aa%e1%8b%a5/ http://www.waaqeffannaa.com/2020/04/07/%e1%88%88%e1%88%83%e1%8b%ad%e1%88%9b%e1%8a%96%e1%89%b5-%e1%89%b0%e1%89%8b%e1%88%9b%e1%89%b5-%e1%8b%a8%e1%89%b0%e1%88%b0%e1%8c%a0%e1%8b%8d%e1%8a%95-%e1%8b%a8%e1%89%b4%e1%88%8c%e1%89%aa%e1%8b%a5/#respond Tue, 07 Apr 2020 05:52:27 +0000 http://www.waaqeffannaa.com/?p=459 No photo description available.

]]>
http://www.waaqeffannaa.com/2020/04/07/%e1%88%88%e1%88%83%e1%8b%ad%e1%88%9b%e1%8a%96%e1%89%b5-%e1%89%b0%e1%89%8b%e1%88%9b%e1%89%b5-%e1%8b%a8%e1%89%b0%e1%88%b0%e1%8c%a0%e1%8b%8d%e1%8a%95-%e1%8b%a8%e1%89%b4%e1%88%8c%e1%89%aa%e1%8b%a5/feed/ 0